Ka'abaa eenyutu ijaare?

Madda suuraa, Getty Images
Handhuura Masjiida guddicha Makkaatti kan argamu, iddoon akkaan kabajamaa ta'e Ka'abaan, Muslimoota hunda kallattii tokkorratti kan qajeelchuudha.
Muslimoonni wayita salaatan kallatii Ka'aabaa kanatti fuula naanneffatu.
Iddoo kana jireenya keessatti yeroo tokko daawwachuun utubaawwan amantii Islaamaa keessaa tokko.
Ragaaleen akka agarsiisan waggaatti namoonni miiliyoona 13 hanga 15 ta'an iddoo kabajamaa kana ni daawwatu.
Kanneen keessaa miiliyoona 11 kan caalan umraaf yoo deeman miiliyoona 2 hanga 3 kan ta'an ammoo Hajjiif deemu.
Hajjii bara 2026 kanaaf Muslimoonni miiliyoonaan lakkaa'aman kutaalee addunyaa mara irraa gara Iddoo Qulqulluu fi Kabajamaa kanaatti imala eegalaniiru.
Waa'ee hundeeffamaa fi ka'umsa Ka'abaa irratti beekaa amantii biyya Naayijeeriyaa kan yeroo ammaa Makkaa jiran Dr. Ibraahim Disinaa dubbisneerra.
Dr. Ibraahim Sa'uudii Arabiyaatti barnoota amantii Islaamaa kan hordofan yeroo ammaa iddoo Ka'abaan itti argamu jiru.
Beekaan amantii Islaamaa kun waa'ee Ka'abaa irratti odeeffannoon BBC'f kennan ragaalee beektonni amantichaa hedduun dhiheessan bu'uura godhachuuni.
''Odeeffannoon kun hundi dhugaa fi amanamoodha. Marsariitiiwwan beektota keenya Qataar, Kuweet fi Sa'uudii Arabiyaa kan bu'uureffatedha,'' jedhan.
Ka'abaa- Uumama addunyaa dura waggaa 2,000
Akka dhugeeffannaa amantii Islaamaati Rabbi (Allah) ''Ka'abaan mana amantii jalqabaa waan hunda dura uumame ta'uu Qur'aana keessatti ibseera.
''Manni waaqeffannaa jalqabaa dhala namaaf uumame iddoo eebbifamaa fi addunyaa qajeelchu, Bakkah jedhamutti argama,'' jedha Suuraa Al-Imraan 3:96.
Bakkah jechuun maqaa ganamaa Makkaa, keessaahuu iddoo kabajamaa fi eebbifamaa naannawa Ka'abaa marsee jiruu ture.
Beektonni amantii Islaamaa akka Imaam Bagwi Ka'abaan gamoo jalqabaa biyya lafaa kanarratti mul'atedha jedhu.
Imaam Bagwi Ka'abaan wayita samii fi dacheen uumaman raajiidhaan bishaan keessaa akka mul'ate ibse.
Kunis wantoonni dachee fi samii keessa jiran (addunyaa- universe) uumamuu dura waggaa 2,000 akka ta'e ibse beekaan amantii kun.
Beektonni gariin ammoo Ka'abaan ergamaa Rabbii isa jalqabaa Aadamiin ijaarame jedhu.
Kaan ammoo Rabbi Aadamiin uumuu dura malaa'ikootaan ijaarame jedhu.
Ergamaa Rabbii Ibraahim
Beektonni amantii Islaamaa Rabbi ergamaan isaa Ibraahim gara Makkaa akka deemu kan taliigeef akka Ka'abaa haaressuuf ta'uu waliigalu.
Ergamaan Rabbii Ibraahim fi ilmi isaa Ismaa'el wal tumsuun Ka'abaa fi naannawa isaa akka haaressan waliigalu.
Akka ragaa beektonni amantii Islaamaa kennaniitti Ismaa'el dhagaa kennuufiin abbaasaa Ibraahim gargaaraa ture.
Ergamaan Rabbii Ibraahim ammoo ijaarsa raawwachaa ture. Haala kanaan walgargaaruun Ka'abaa asii ol ijaaruun sadarkaa harki namaa qaqqabuu hin dandeenyerraan ga'an.
Akkuma ijaarsa xumuraa deemaniin Ergamaan Rabbii Ibraahim akka ilmisaa dhagaa inni irra dhaabbatee ijaarsa raawwatu kaa'uuf ajaje.
Dhagaan Ibraahim irra dhaabbate kun ''Maqaama Ibraahim'' jedhama, yeroo ammaa cinaa Ka'abaatti argama.
Uummattoota Qurayish
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga Ka'abaan bu'uureffamee saboonni adda addaa dabaree dabaree eegumsa gochaa olaantummaan iddoo eebbifamaa kana eegaa turan.
Gosoonni akka Amalekites, Jurhum, Khuzu'a fi Quraysh bakka kabajaa kana wal harkaa fuuchuun bulchaa ykn eegaa turan.
Keessattuu gosoota Arabaa keessaa gosi Quraysh Ka'abaa kana keessa bishaan (lolaan) seenee akka balaa hin qaqqabsiifneef jecha bifa haaraan bu'uura isaa olkaasanii ijaaraniiru.
Ergamaan Rabbii Nabi Mohammad (SAW) ergamuu dura uummanni Quraysh waggoota shaniif Ka'abaa ijaaraa (haaressaa) turan.
Ijaarsa gamoo duraan turetti gulantaa sagal dabaluun gara 18tti guddisan. Kana malees seensa karaa lixaa cufuun kallattii bahaan qofa akka seenamu godhan.
Gamoon kun (Ka'abaan) yeroo jalqabaaf baaxii kan godhatee fi irra keessi isaa kan cufame bara bulchiinsa Quraysh kana.
Hata'u malee sababa hanqinni humnaa isaan mudateef kutaa Ka'abaa kan ganamaa hunda suphuun haaressuu hin dandeenye.
Bakki amma Ka'abaan alatti argamuu fi 'Hijr Ismaa'el' jedhamu haala kanaan citee moggaatti hafe.
Garuu ergamuun Nabi Muhammad (SAW) akkaataa ijaarsaa fi itti fayyadama Ka'abaa irratti uummata Quraysh gidduutti qoqqoodiinsa uumeera.
Ka'abaan kaayyoosaa ganamaatti kan deebi'ee fi galma amma irra jiru kan godhate bara Nabi Muhammad (SAW) akka ta'e himu beektonni amantii Islaamaa.
Nabi Muhammad (SAW) booda...
Bara hijiraa 64, erga Nabi Muhammad (SAW) du'anii waggaa 31 booda Abdullaah bin Zubeer Ka'abaa diigee akka haaraatti ijaare.
Kunis erga mootiin Umayyad lammaffaan Yaziid bin Mu'aawiyyaa Ka'abaa haleelluun mancaasee booda.
Yeroo kana ture Ka'abaan sirriitti bal'atee kan ijaarame. Kan warri Quraysh itti daballe, bakka ''Hijr Ismaa'l'' jedhamullee Abdullaah bin Zubeertu dabalee akka haaraatti ijaare.
Dheerina isaa kuubii lamaan ol dabale, gara jalaatti balbala lama- bahaa fi lixaan itti hojjete.
Booda ammoo Abdul Maalik bin Marwaan wayita Abdullaa bin Zubeer ajjeesu Ka'abaa bakka duraan turetti deebise.
Namni kun iddoo eebbifamaa kana bakka Abdullaa bin Zubeer dura turetti deebisuun kan irra deebiin ijaare bara hijiraa 73 ture.
Ijaarsi kun balbala karaa lixaa tolfame cufsiiseera, 'Hijir Ismaa'el'' kaafame, Ka'abaan balbala tokko qofa akka qabaatu ta'e.
Beektonni amantii Islaamaa Manni Rabbii (Ka'abaan) kun erga Abdul Maalik bin Marwaan ijaaree booda akka duraanii bu'uura irraa diigamee hin ijaaramne, achirraa fooyya'aa har'a ga'e.
Akka beektonni jedhanitti bara hijiraa 1039 lolaan Ka'abaa baayyee miidhuun mooraan Masjiida Makkaa yoo manca'u, qaamni Ka'aabaa gartokkeen diigamee ture.
Kana hordofee dureewwan amantii Ka'abaa suphuurratti waliigalan. Kunis bara mootii Impaayer Otomaan Sulxaan Muraad Kaan raawwate. Barri isaa 1940, Zul-hijjaa guyyaa lammaffaa.
Hijiraa booda 1239 ammoo mootiin Masirii yeroo sanaa Muhammad Alii Pashaa dhoqqee fi tima sababa lolaa hamaatiin naannoo Ka'abaatti uumame kaasisuuf duula qulqullinaa labsee ture.
Isa booda haaromsi muraasa taasifameera.
Seenaa Ka'abaa keessatti jijjiirama guddaan kan taasifame bara mootii jalqabaa Sa'uudii Arabiyaa Abdulaziiz bin Abdul Rahman Al Sa'uud ture.
Bara mootii kanaa Ka'abaan baayyee bareedee haareffame. Balballi isaas banamuu danda'e.
Erga mootummaan Sa'uudii hundeeffamee haaromsi Ka'abaa bu'uurri isaa yeroo mootii kanaa kaa'ame.
Ka'abaan gubbaa fi jalli isaa akkasumas kutaaleen isaa kan sirriitti haaromfame bara sana ture.
Haaromsi bara mootii Fahd gaggeeffame ammoo hanga har'aa kan mul'atuudha. Baaxiin, utubaawwan sadan, balballi keessoo, lafti fi bu'uurri Ka'abaa yeroo sana haaromfame.
Akkasumas iddoon ''Hijr Ismaa'el' jedhamu yeroo sana suphame.











