Tiraamp yeroon 'gahaa jira' jechuun Iraaniin akeekkachiisan

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp kana dura yaada Iraan waraana dhaabuuf US'f dhiheessite 'kosii' jedhanii ibsaniiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidatiin US Donaald Tiraamp mariin waraana Iraan waliin jiru dhaabuuf adeemaa jiru waan danqameef Iraaniin 'yeroon gahaa jira' jechuun akeekkachiisan.

''Sosso'uu qabu, SAFFISAAN, ykn wanti isaanirraa hafu homtuu hin jiru,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessan.

Dubbiin isaanii kan dhagahame erga Ministira Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu waliin gaafa Dilbataa mari'atan booda akka ta'e miidiyaan Israa'el Times of Israa'el jedhamu waajjira Netaaniyaahu waabeffachuun gabaaseera.

Gama kaaniin miidiyaan Iraan akka gabaasetti, US qabxiilee waliigaltee Iraan waraana dhaabuuf dhiheessiteerratti fedhii hin agarsiisne ykn yaada hin jijjiirre.

Miidiyaan Iraan Mehir jedhamu akka gabaasetti, Ameerikaan ejjennoo ishee yoo hin jijjiirre ''mariin ni danqama''.

Tiraamp jalqaba torban darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan "haala baay'ee hamaa" keessa jira jedhanii turan.

Tiraamp yaadota Iraan Ameerikaatti ergite kana kuffisanii, ''guutumaan guututti fudhatama kan hin qabne'' fi ''waan balfamaaa (piece of garbage)'' jedhan.

Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Ismaa'il Baageyi immoo yaada Iraan dhiheessite ''itti gaafatama'' kan qabuu jechuun ibsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaadota Iraan dhiheessite jedhamee miidiyaan Iraan Tasnim gabaase waraana dirree hundarra dhaabuu, humni galaanaa US buufatawwan doonii Iraan danquu akka dhaabuufi haleellaan biraa Iraanirra akka hin raawwanne wabii kennuu dabalata.

Akkasumas, miidhaa waraanaan dhaqqabeef beenyaa gaafachuufi Iraan Ulaa Hormuz irratti birmadummaa akka qabdu kan jedhus jira.

Waraana dirree waraanaa hundarra dhaabu yoo jedhu isa Israa'el Libaanos keessatti michuu Iraan kan ta'e Hezbollaa irratti raawwattu ibsuufi.

Miidiyaan Iraan Faars jedhamu gaafa Dilbataa akka gabaasetti, Ameerikaan yaada Iraan irratti haal duree shan keesse.

Akka gabaafametti taanaan, Iraan buufatawwan niwukilaraa qabdu keessaa tokko qofa hojiif banaa gootee yuraaniyeemii ishee haalaan gabbate immoo US'f dabarsite kennuu qabdi kan jedhu tokkodha.

Tiraamp gaafa Jimaataa Iraan sagantaa niwukilaraa ishee waggoota 20'f yoo dhaabde akka simatan dubbataniiru.

Kuni isa kanaan dura Tiraamp Iraan sagantaa niwukilaraa ishee guutummaan guututti akka dhaabdu isa gaafataa turanirraa goruu agarsiisa.

Dhimmi sagantaa niwukilaraa Iraan dhimma biyyoota lamaan dhibdee hamaa keessa galchedha.

US fi Israa'el Guraandhala 28 Iraanirratti haleellaa qilleensaan waraana banan.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu biyyoota lamaan gidduu waliigalame gara caalu kabajameera.

Iraan Ulaa Hormuuz kan boba'aa addunyaa keessaa 20% keessa darbu to'achuu itti fufteetti.

Haleellaa US fi Israa'el irratti raawwataniif haaloo bahuuf kana gochuu Iraan dubbatti.

Ta'us, sochiin kuni gatiin boba'aa sadarkaa addunyaatti akka dabalu taasiseera.

Ameerikaanis Iraan yaada isheen dhiheessiteen hamma waliigaltuutti Iraan buufatawwan doonii ishee akka itti dhimma hin baane dhorkaa jirti.

Paakistaan biyyoota lamaan walitti fiduuf jaarsummaan sosso'aa jirti, ta'us yaadi biyyoota lamaanii walirraa fagoo jira.