Biyya dorgomtoonni filannoo mo’achuuf duula gaggeessuurra mana falfaltuutti marmaaran

Falfaltuun ykn shamanoonni biyya irra jireessaan Musliima taate Indooneezhiyaa keessatti falmisiisoodha. Yeroo filannoon dhiyaatetti garuu fedhiin tajaajila falfaltuu baayyee dabala.
“Warra ani gargaaru shakkii tokko malee sirriitti mo’atu,” jedha Kii Kusumoo waajirasaa gamoo abbaa darbii lamaa halluu diimaa dibameefi qarqara Jakaartaatti argamu keessaa ixaana haarsaa.
Kutaan kun ‘goraadee’, siidaa marbiliifi maaskii mukarraa hojjetamaniin faayameera.
Miilla isaa walirra qaxxaamursatee taa’ee, ija isaa lillibsata ykn cufee bana. Harka isaa ammoo mammarsaa sagalee gadi qabee gugunguma.
Falfaltuu beekamaa kan ta’e Obbo Kusumoon ogummaa isaa falfaluu ykn toshuu kana, “qoricha aadaa, humna hafuuraafi ‘namni akka dammaqqu gochuu’,” jedhuun beeksifata.
Guyyaa guyyaan namoonni fala argachuuf isa bira ni dhufu. Maamiltoota isa bira dhufan keessaa kanneen yaaddoowwan waliigaltee daldalaa cufuuf guyyaa hundarra gaarii ta’e murteessuurraa kaasee hanga gaa’elli wal hiikuudhaan xumuramuufi dhiisuu isaa tilmaamutti gargaarsa argachuuf warra barbaadanidha.
Haata’u malee, yeroo hunda wagga shan eeggatee wayita filannoon waliigalaa biyyattii gaggeeffamutti namoonni siyaasaa gorsa hafuuraafi raaga hiree siyaasaa gaarii argachuuf qe’ee isaatti dacha’u.
Guraandhala keessa lammileen Indoneezhiyaa miliyoona 200 ta’an bahanii pirezidantii isaaniifi bakka bu’ootasaanii filatu.
Ji’a kana keessa hanga gaafa filannootti raagdota ykn ‘falfaltoota’ guutummaa Indoneezhiyaa keessa jiraniif yeroo itti baayyee ko’oommatanidha jedha Obbo Kusumoon.
Haata’u malee, gahee warra raagaan waa namaaf himan ykn ‘falfalan’ kunneen falmisiisaadha. Hojii isaanii kana ilaalchisee yaadonni jiran lamatti hiramoodha.
Hawaasni ganamaafi ilaalcha durii qaban dhukkubsataa fayyisuu, eegumsa gochuufi addunyaa hafuuraa waliin hariiroo tolfachuu keessatti gaheen isaan taphatan baayyee guddaadha jedhanii amanu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyya sana keessatti yeroo qophiiwwan adda addaa kan akka cidhaa, dorgommiiwwan garagaraa jiranitti ‘roobni akka hin jiraanneykn ‘haalli qilleensaa hamaan akka hin uumamne ‘ godhan qacarachuun baratamaadha.
Kun aadaa Itoophiyaa keessatti guyyaa cidhaa, daboo ykn sirna awwaalcha namoota beekamoorra bokkaan akka hin roobneef ‘caamsituu’ bitatan waliin walfakkaata.
Lammileen Indoneezhiyaa hedduun garuu raagdota ykn ‘falfaltoota’ warra jedhaman kanatti hin amanan.
Keessaumaa dhaloonni ammaa ykn dargaggoonni barmaata kana hin fudhatan. Namoota siyaasaaf dabalatee hojii raagdonni kunneen hojjetan “hojii waliin dhahuu [scam] fakkaata” jetti dubartiin umuriinshee wagga 32 taate Ginsaatii Ramadaanii. Ginisaatiin magaalaa Jakaartaatti hojii gabaa keessa hojjetti.
“Ani warra raagduu/‘falfalan’ ykn gaggeessitoota hafuuraa jedhaman kanatti hin amanu. Sababiin isaa ammoo namoonni baayyeen fala barbaachaaf isaan bira deemanii garuu dhimmi dhaqaniif akka isaaniif hin milkaa’iin dubbatu.
Maamilli isaanii dhugaatti mo’achuufi mo’achuu dhiisuu isaaniif ragaan hin jiru. Yoo mo’atanillee, kan isaan mo’atan gargaarsa raagdotaa ykn warra ‘falfalan’ kanaan ta’uu isaatiif ragaan hin jiru,” jetti dubartiin Jakaartaa kun.
Qorannoon bara 2020 lammiilee Indooneezhiyaa 1,000 hirmaachise dhaabbata Wellcome Global Monitor jedhamu gaggeeffamee ture.
Namoota kanneen qormaaticharratti hirmaatan keessa, %13 kan ta’an qorichi fayyaa aadaa “baayyee” akka fayyisu amanu. Kanneen %43 ta’an ammoo hanga tokko fayyisuu isaaniitti ni amanu.
Warra qorannicharratti hirmaatan keessaa nuusaa ol kan ta’an garuu akka itti hinamanne dubbatan.
Indoneezhiyaan addunyaarratti biyya hawaasa Musliimaa guddaa qabdudha. Erge dhiyoo asitti ammoo kanneen ilaalcha Islaamummaan fiixeetti bahanii laallisanis dabalaa dhufeera.
Islaama keessatti Allaahn[Rabbi] irraa kan hafe qama biraa irraa eegumsaafi gargaarsa barbaaduun baayyisee dhorkamaadha.

Manni-maree Ulemaa Indoneezhiyaa (MUI) yeroo filannoon kamiyyu gaggeeffamutti paartileen siyaasaa kaadhimamtoonni isaanii gorsa raagdotaa ykn ‘falfaltuu’ akka fudhachuu hin qabne akkeekkachiisu.
"MUIn bara 2005 fatwaa baaseen ‘falfaluun’ [shamanism] haraama ta'uu ibseera. Karaa giddu-galeessummaa jinniitiin egeree tilmaamuun haraamadha," jechuun dura taa'aan MUI Cholil Nafis duulli filannoo jalqabamuu dura fuula ‘X’ irratti barreessaniiru.
Mr Kusumoon maamiltoonni isaanii akka injifatan gargaaruuf hafuura jinni ‘sheekkoo’ [mythology] Arabaa fi Musliimaa keessatti argaman - akka fayyadaman hima.
Akkasumas maamiltoota isaatiif ‘meeshaa maajikii’ [talismans] kan akka raammoo lubbuu qabu hidhii allaattii bosonaa irraa walitti qabame kan yoo kiisii isaanii keessatti qabatan dandeettii dubbachuufi fudhatama argachuu kaadhimamaa ‘guddisuu danda'a’ jedhu kennaaf.
‘Meeshaa maajikii’ [Talismaan] akkasii kunis akkuma jinnii fayyadamuu Islaamummaa keessattis akka haraama ta’etti ilaalama.
Obbo Kusumoo waggoota 20 oliif namoota siyaasaa hedduu gorsaa akka ture dubbata. Keessumaa guyyaa filannoo dursee kaadhimamtoota filannoorratti hirmaatan guutuu Indooneeshiyaa irraa dhufaniif'' gorsa kennaniiru.
Garuu namoonni siyaasaa falfaltoota bira deeman kunneen filattoota biraa deebiin hin taane isaanirratti ka’uu mala jedhaniis sodaa qabu.
“Keessumaa namoonni uummata keessatti beekamoo ta’aniifi irra deebiin filatamuu barbaadan halkan 2am ykn 3am irratti dhufu. Sababiin isaas, namoonni akka isaan argan hin barbaadan. Yeroo dhufanitti waan qama isaanii sirriitti haguugu akka maaskii uffatanii dhufu,” jechuun BBCtti hime Kusumoo. Obbo Kusumoon namoota isa bira dhufan garuu maqaa ibsuu hin barbaadne.
Namoonni isa bira dhufan kunneen icciitiin ykn dhokatanii waan ta’eef, namoonni siyaasaa hangama ta’anitu akka mana falfaltuu akka deeman baruudhaaf rakkisaadha.
Hayyuun Musliimaa Budii Munawaar Raachmaan akka jedhutti, Indoneezhiyaa keessatti ilaalchaawwan naannoo barsiisa amanatiitti makamaniiru.












