KALLATTIIN, Iraan karoora nagaa haaraa karaa Paakistaan Ameerikaaf dhiheessite

Iraan karoora nagaa waraana Baha Giddugaleessaa dhaabsisa jechuun baaste karaa Paakistaan Ameerikaaf dhiheessuu maddeen Rooyitarsitti himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Ameerikaan Iraan haleeluutti deebi'uuf dirqamti jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidant Doonaald Tiraamp duraanis US haleellaa Iraanitti deebisuuf sa'atiiwwan muraasatu hafa osoo jedhuu gidduun ammoo dhaabuu ibsee ture.

    Amma Iraaniin haleeluutti deebi'uuf akka dirqamu ibse.

    Har'a Waayit Haawusitti wayita gaazexeessitootatti dubbatu ''tarkaanfii fudhachuuf karoora qabame hojiitti hiikuuf sa'atiiwwan muraasatu hafanii turan,'' jedhe.

    Aanga'oonni Iraan ''waliigaltee raawwachuuf kadhataa jiru'' kan jedhe Tiraamp, ''ammoo yoo waliigaltee tokkorra hin ga'amen guyyoota dhufan keessa US haleellaa raawwachuutti deebiti,'' jedhe.

    ''Waa'ee guyyaa lama ykn sadiin dubbataa jira. Tarii Jimaata, Sambata, Dilbata, torban dhufu gara jalqabaas ta'uu danda'a. Yeroon garuu murtaa'aadha. Akkasaan nukilara hidhatan hin eeyyamnu waan ta'eef,'' jedhe.

    Hidhataa Iraan meeshaa waraanaa waliin

    Madda suuraa, Reuters

  2. Iraan karoorri nagaa beenyaa waraanaafi loltoonni US bahuu hammata jette

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Karoorri nagaa Tehraan miilana dhiyeessiteen Ameerikaa waraana Libaanos dabalatee iddoo hundaa akka dhaabdu, humnoonni ishee iddoowwan Iraanitti dhiyoo jiranii akka bahanii fi beenyaan mancaatii waraanaa US fi Israa'el isheerraan gahaniif kaffalamuufii akka qabu gaafachuu ishee miidiyaan mootummaa Kibxata gabaase.

    Karoora kanarratti yaada jalqabaa kan kennan Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Kaazim Gaaribababaadii, Iraan qoqqobbiiwwan akka irraa kaafaman, qabeenyi maallaqaa ishee jalaa qabame akka gadhiifamuufii fi uggurri buufata galaanaa ishee akka ka'u dubbachuu isaanii gabaasni IRNA news agency ni agarsiisa.

    Yaadonni amma Iraan dhiyeessuu ishee gabaafame kun karoora as dura biyyattiin dhiyeessiterraa jijjirama agarsiiseera. Pirezdantiin US Donaald Traamp, torbee darbe karoora nagaa Iraan tana duraatiin "kosi" jechuun fudhatama dhorkatee ture.

    Traamp torbee darbe, karoora haleellaa itti fufuu qabu dhiisuu dubbatee ture. Tehraan karoora nagaa haaraa gara Waashingtan ergiteerti. Amma "carraan baay'ee gaariin" sagantaa nukilara Iraan irratti walii galuu ni jiraata.

    Ulaa Hormuz banuu ilaalchisee dhiibbaa jala kan jiru Donaald Tiraamp, abdiin waraana kana mariin xumuruu dhiyaachaa akka jiru hime. Akkanumallee Iraan yoo waliigaluu didde haleellaa hamaan akka ishee eeggatus dhaadate,.

    Miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti, Tiraamp hoggantoonni Kaataar, Sa'udi Arabiyaa fi UAE waliigalteen Ameerikaa, biyyoonni Baha Jiddu-galeessaa fi kuun fudhachuu danda'an waan godhamuuf haleellaa dhaabi naan jedhan jedhe.

    Wixata miidiyaaleedhaan US Tehraan yoo nukilarii hidhachuurraa ittifamte waliigalteen ni ta'a jedhe.

    "Waan ta'e gochuuf carraa gaarii qabu. Osoo isaan hin haleelin sun ta'e nan gammada," jedhe Tiraamp.

    Maddeen Paakistaan karoora nagaa Iraan kana Waashingtan biraan gahuu himte.

  3. Iboolaan isa yaadameen ol tamsa'aa jira - Hakiimota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

    Dubartii mucaa baattee harka dhiqataa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Rippaabliika Dimookiraatawaa Kongootti yoo xiqqate namoonni 131 dhukkuba Iboolaan lubbuu dhabaniiru jechuun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akeekkachiise. Isa jalqaba yaadameen olis saffisaan tamsa'aa jiraachuu hin oolus jedhe.

    Akka Dr Aan Anishiyaan jedhanitti qorannoo dhaabbatichi geggeessaa jiruun vaayirasiin kuni isa jalqaba yaadameen ol tatamsa'aa akka jirutu barame.

    Qondaaloti akka jedhanitti DR Kongoo keessatti namoonni haaraa 513 qabamuun Kibxata har'aa mirkanaa'eera, isaan keessaa tokko Yuugaandaatti lubbuu dhabeera.

    Dhaabbanni UK dhukkuboota daddarboo irratti hojjetu Global Infectious Disease Analysis gabaasa Wiixata baaseen namooti qabamanii ''otoo irratti hin beekamiin turan jiru'' jechuun namoonni 1,000 siqan hin qabamiin hin oolan jedhe.

    Hogganaan Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Teedroos Adaanoom weerara kana yaaddoo idil-addunyaa jechuun kan labsan yoo tahu ''akkatti weerarri kuni babal'achaa jiru irratti yaaddoo guddaa qaba,'' jedhan.

    Weerarri kuni otoo hin beekamiin Ebla 24 guyyaa baramerraa irraa qabee torbanoota baayyeef babal'achaa tureera.

    Iboolaan qorichas tahe talaallii kan hin qabne yoo tahu, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa garuu qorichooti biroo yoo hojjetu tahe ilaalaa jira.

  4. Gareen 'warreen fonqolcha mootummaan aangoo qabatan baasnee Maqalee galla' jedhu eenyu?

    Dilbata Caamsaa 9/2028 A.L.I ''Manni Maree Nagaafi Jijjiiramaa'' Finfinneetti hundaa'e kaayyoosaa keessaa tokko ''humna fonqolcha mootummaan Tigiraay to'ate dhabamsiisuu,'' akka tahe Paartiin Simreet himeera.

    Paartichatti qindeessaan miidiyaa fi koominikeeshinii Birhaana Gabirayyasuus haasaa BBC waliin taasisaniin ''sochiin warra jijjiirama fedha,'' jedhamu paartilee garagaraa, namoota beekamoo fi dhibbaa warra uuman waliin ''Tigraayitti jijjiirama bu'uuraa fiduuf,'' ji'oota torba darbaniif marii'achaa akka ture himaniiru.

  5. Maan Siitiin Eenzoo Maareshkaa bakka Gaardiyoolaa buusuuf waliigale

    Eenzoo Maareshkaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Eenzoo Maareshkaa

    Eenzoo Maareshkaa Peep Gaardiyoolaa bakka bu'uun leenjisaa Maan Siitii akka tahu himame.

    Tapha Astoon Viilaa waliin taphatan booda kilebicha gadhiisa kan jedhame Gaardiyoolaan kontiraata waggaa tokkoo qaba ture.

    Leenjisaan duraanii Cheelsii fi gargaaraa Gaardiyoolaa kan ture Maareshkaan kilebicha leenjisuu akka barbaadu himameera.

    Siitiin Gaardiyoolaa akka bahu waan beekuuf ji'oota jahaaf qophii gochaa akka ture himuun Maareshkaa waliinis mari'ataa turuu BBC Sport hubateera.

    Cheelsii waliin waancaa Kilab Woorild Kaappii fi Konfireensii Awurooppaa mo'ateera.

    Cheelsiin garee ol adeemtotaa fi muuxannoo hin qabneen akka Shaampiyoonsi Liigii keessa galu gargaareera.

    Akkaadaamii Maan Siitii keessa hojjechaa kan ture Maareshkaan Leester Siitii gara Piriimer Liigiitti guddiseera.

  6. Taphattoonni fi leenjisaan Barnilee Arsenaalirratti dhiibbaa uumuun akka taphatan dhaadatan

    Barnileen barana kilaba hunda dursee Piriimer Liigii Ingilaand keessaa bu'e.

    Tapha waancaaf murteessaa ta'e kana Arsenaal waliin kan falmatu kilabni kun sadarkaa kilaba tokkorraa eegamuun akka morkatu ibseera.

    Taphattoonni fi leenjisaan kilabichaa Arsenaal irratti dhiibbaa uumuun akka taphatan himan.

    Ittisaan Barnilee Akseel Tuwaanziibee galmi keenya akka kilaba sadarkaasaa eeggateetti taphachuudha, ga'umsa taphataarraa eegamu agarsiisuudha jedhe.

    ''Dhiibbaan kan jiru isaanirra. Isaan seenaa hojjechuuf waan irraa eegamu cimsanii beeku. Nuti morkattoota, morkachuuf as jirra. Tapha salphaa taphatanii akka injifatanii ba'an gochuuf miti kan nuti dhufne,'' jedhe.

    ''Kanaan duras yeroosaan dhiibbaa guddaa jala galanii qoraman argineerra. Nutis akkasuma goona. Ga'umsa keenya sirriitti mul'isna.''

    ''Nuti walaba taanee taphanna, dhiibbaan nurra hin jiru,'' kan jedhe taphataan kun ''yeroo garii dandeettii fi ga'umsa taphataa tapha akkasiirratti argita, nuti galgala kana isa kana raawwachuuf deemna,'' jedhe.

    Leenjisaan yeroofii Barnilee Maayik Jaaksan ''qormaata nu mudate ni hubanna, ammoo waan garee keenya madaalu hojjenna,'' jedhe.

    ''Miirri naasuu fi dhiibbaan kan keenya miti, isaantu dhiibbaa jala jiru. Kan nurraa eegamu naamusa taphaa eeguun falmachuudha,'' jedhe.

    ''Yeroo akkaan murteessaa kanatti nutis of ibsuu qabna.''

  7. Turkiitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni afur du'an, saddeet madaa'an

    Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti hidhattoonni haleellaa kan raawwatan kibba Turkiitti.

    Haleellaa kanaan battala kan du'an namoota afur ta'uutu gabaafame.

    Namoonni saddeet ammoo bulchiinsa Mersin, aanaa Tarsus keessatti miidhamuu gaazexaan Turkii Hurriyet jedhamuu fi CNN Turk gabaasaniiru.

    Haleellaan Wiixata har'aa kun jalqaba restooraantii keessatti eegaluu fi isa booda shakkamaan haleellaa kana raawwate konkolaataan miliquutu gabaafame.

    Poolisiin nama haleellaa kana raawwate to'achuuf oppireeshinii bal'aa eegaleera.

  8. Ministiroonni dhimma alaa Itoophiyaa fi Sa'ud Arabiyaa dhimmoota waloorratti mariyatan

    Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) fi Ministirari itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Injinar Waaliid Abdulkariim Al-Kaariij

    Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

    Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) fi ministirri itti-aanaa dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Finfinneetti wal arguun dhimmoota waloorratti mariyatan.

    Ministiroonni lachuu dhimmoota waloo biyyoota lamaaniifi fedhii waloo naannicha keessatti qaban irratti mariyachuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa fuula marsariitii isaarratti beeksiseera.

    Dabalataan aanga'oonni kunneen dhimmoota siyaasaafi nageenyaatiin alatti, hariiroo biyyoota lamaan gidduu jirurratti, akkasumas humna namaa bobbaasuu seera qabeessa ta'erratti mariyachuun isaanii ibsameera.

    Nageenyaafi tasgabbii naannichaarratti kan mariyatan ministiroonni kunneen, walitti bu'iinsawwan gara garaa naannicha keessatti mul'ataniif falli tokkichi jiru mariin furmaata siyaasaa barbaaduu ta'uu isaa waliin dubbachuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

    Ministirari itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Injinar Waaliid Abdulkariim Al-Kaariij ji'a Guraandhala keessa Asmaraa erga daawwateen booda Finfinnee dhufee ture.

    Ministirri itti-aanaa Sa'udii kun ji'a sadaffaa isaatti gara Finfinneetti kan deebiye yommuu ta'u, Ministira Dhimma Alaa Geeniyoon Ximootiwoos waliin michummaa bara dheeraa biyyoota lamaaniifi hariiroo ummata biyyoota lamaanii ilaachisuunis mariyataniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa hariiroo biyyoota lamaanii jabeessuun nageenya lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa jiran eeguu, akkasumas hojjetoota Itoophiyaatiif qacarriin hojii seera qabeessa ta'e akka mijatuuf gaafachuun isaa ibsameera.

    Sa'ud Arabiyaatti lammileen Itoophiyaa 200 caalan mana-hidhaa kibba biyyattiitti argamu keessatti murteen du'aa akka itti murtaa'eefi godaantonni 65 ta'an murtiin wal fakkaatu akka isaanii eeggatu dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman beeksisaniiru.

    Ministirri itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Injinar Waaliid Abdulkariim Al-Kaariij gamasaatiin hojjetoota Itoophiyaatiif carraa hojii nageenyi isaa eegame mirkaneessuuf qacarriin hojii seera qabeessa ta'e barbaachisaa ta'uu isaa eereera.

    Dabalataanis, biyyoonni kunneen dhimmoota waloorratti ilaalcha wal fakkaataa akka qaban ibsuun, hariiroo gidduusaanii jiru bifa biyyoota lamaaniif bu'aa buusuun cimsuun barbaachisaa ta'uu isaa himaniiru.

    Ministirri itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa kun biyyisaa Itoophiyaafi ummatashee waliin hariiroo seena qabeessa ta'eefi baroota dheeraa lakkoofsise cimsitee akka kabajju ibsuu isaa odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarraa argame ni mul'isa.

    Jilli ministeera dhimma alaa Itoophiyaafi Sa'ud Arabiyaa wayita dhimmoota waloorratti mariyatanitti

    Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

  9. Iraan karoora nagaa haaraa karaa Paakistaan Ameerikaaf dhiheessite

    Aanga'oota Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan karoora nagaa waraana Baha Giddugaleessaa dhaabsisa jechuun baaste karaa Paakistaan Ameerikaaf dhiheessuu maddeen Rooyitarsitti himan.

    Mariin nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru bu'aa malee rarra'ee wayita jiru kanattidha kan Paakistaan Wiixata har'aa karoora haaraa Iraan kana Ameerikaaf dhiheessite.

    Maddeen Rooyitarsiif odeeffannoo kana kennan karoora kanaan garaagarummaan biyyoota lamaan gidduu jiru dhiphachuu akka danda'u gaafatamanii ''yeroon gabaabaadha,'' jedhan.

    Dbaluunis kanaan duras marii nagaarratti ejjennoon biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti waan gegeeddaramuuf waliigalteerra osoo hin ga'amin yoona ga'e jedhan.

    Ammas ejjennoonsaanii kan daddaaqamu yoo ta'e dubbiin sanuma jedhan.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'el Baqaahii biyyi isaanii ''waa'ee yuraaniyemii gabbisuu irratti ejjennoo qabdurraa taakkuu tokko akka duubatti hin jenne,'' Wiixata har'aa ganama ibsanii turan.

    ''"Afaan guutanii dubbachuun kan danda'amu, mirgi [Yuraaniyeemii gabbisuu] kan irratti mariyannu ykn ejjennoo keenyarraa dhimma duubatti deebinuu miti. Mirgi Iraan Yuraaniyeemii gabbifachuuf qabdu waliigaltee meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin baballisne beekamtiin kennameefiinidha," jedhan.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gamasaan aanga'oonni Iraan hatattamaan waliigalteerra ga'uu akka qaban dhaamuun ''yeroon dhumaa jira'' akeekkachiisa jedhu kennan.

    Tiraamp erga Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu waliin Dilbata kaleessaa bilbilaan dubbatanii booda akeekkachiisa kana kenne.

  10. Lammiileen Ameerikaa ja'a vaayirasii Iboolaaf saaxilaman

    Dubartii maashina ittiin Iboolaa sakatta'aniin sakatta'amaa jirtu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Maddeen akka miidiyaa michuu BBC ta'e CBS jedhamutti himanitti weerarri dhibee Iboolaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo (DR Koongoo) keessatti ka'e yoo xiqqaate lammiilee US ja'a saaxileera.

    Ministeerri fayyaa DR Koongoo weerara deebi'ee ka'e kanaan namoonni 91 du'uu fi 350 kan ta'an qabamuu ibsuu hordofee Dhaabbati Fayyaa Addunyaa dhibeen kun sodaa addunyaa ta'uu labseera.

    Lammiin Ameerikaa tokko mallattoo dhibee kanaa yoo agarsiisu, namoonni sadi ammoo kanneen vaayirasichaan qabaman waliin wal tuttuqaniiru ykn tuttuqqaaf saaxilamaniiru.

    Giddugalli Ittisaa fi To'annoo dhibee US ''lammiilee Ameerikaa muraasa tuttuqqaa vaayirasii kanaaf saaxilaman baasaa jiraachuu'' ibseera, garuu hangam akka ta'an hin ibsine.

    Weerarri Iboolaa marroo kanaa vaayirasii Bundibugyo jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, dawaa ykn talaallii hin qabu.

    Yugaandaattis Iboolaan mul'ateera. Namni tokko qabameera, tokko du'eera.

    Iboolaan yeroo jalqabaaf kan argame bara 1976. Weearara bara 2014-16 lixa Afrikaatti dhalateen namoonni kuma 28,600 caalan qabamanii turan.

    Dhibeen kun biyyoota lixa Afrikaa fi Afrikaan alas tamsa'ee lubbuu hedduu galaafate. Biyyoota Afrikaa akka Giinii, Seeraa Liyoon, akkasumas Afrikaan ala Ameerikaa, UK fi Xaaliyaaniitti babal'ateera.

    Kanaanis walumaa galatti namoonni kuma 11 fi 325 ta'an du'aniiru.

  11. Kuweetiifi Kataar haleellaa diroonii Sa'ud Arabiyaa irratti raawwate balaaleffatan

    Kuweetiifi Kataar ibsa qofaa qofaa isaaniin baasaniin, naannoo daangaa qilleensaa Iraaq keessaa ka'uun haleellaa diroonii Sa'ud Arabiyaarratti raawwatame balaaleffataniiru.

    Kuweet, gochi kun murtee Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) bu'uuraaleen misoomaa Galoo Galaanaa eegsisuuf dabarse kan cabsudha jetteetti.

    Tarkaanfii Sa'ud Arabiyaan nageenyashee eegisufachuuf fudhattus akka deeggartu ibsiteetti.

    Qaataar gamasheetiin gocha kana, "haleellaa fudhatama hin qabne" fi walabummaa Sa'udii ifatta kan cabsedha jechuun ibsiteetti.

    Biyyoonni lamaanuu michummaa guutuu Riyaadiif qaban kan ibsan yoo ta'u, tarkaanfiiwwan kamiyyu Sa'ud Arabiyaa daangaasheefi lammileen ishee eeguudhaaf fudhattu kamiyyu akka deeggaran beeksisaniiru.

    Qaataar fi Kuweet, ibsa kan baasan Sa'ud Arabiyaan sirni ittisaa qilleensaa shee dirooniiwwan haleeluuf dhufan sadii rukkuttee kuffiisuushee erga beeksifteeti.

  12. Waraanni Israa'el waraana marsaa biraa Israa'el waliin jiraachuu maluuf qophaa'aa jiraachuun gabaafame

    MM Israa'el Benjaamiin Neetaaniyaahuu

    Madda suuraa, AFP

    Israa'el yeroo itti aanutti haleellaa Iraan irratti raawwatamuu danda'u keessatti raayyaan ishee Ameerikaa cinaa hiriiranii akka hirmaatan gochuuf qophaa'aa jiraachuu sabaa-himaaleen Israa'el gabaasan.

    Buufanni TV Kaan jedhamu qondaala tikaa maqaan isaa hin eeramiin waabeffachuun akka gabaasetti, yoo Ameerikaan haleellaa haaraa Iraan irratti jalqabde Israa'el duulicha keessatti hirmaachuun "bu'uuraaleen misoomaa madda annisaa" iraan irratti ni qiyyaafatti jedheera.

    Gabaasni kun kan dhaga'ame Pirezidant Tiraamp fi Ministirri Muummee Neetaaniyaahuu Dilbata bilbilaan erga mariyatanii, akkasumas pirezidantiin Ameerikaa Iraan waliigalteerra gahuudhaaf yeroon qabdu gara dhumuutti dhiyaachuu erga ibseen boodadha.

    TV Kaan akka gabaasetti, mariin bilbilaa Ministira Muummee Israa'el fi Pirezidantii Ameerikaa gidduutti taasifame walakkaa sa'aatii ol kan fudhate yoo ta'u, Iraan waliin waraanni marsaa biraan haala uumamuu danda'urratti waliin dubbataniiru.

    TV sraa'el biraa Chaanaal 12 jedhamu ammoo mariin bilbilaa hoggantoota lamaan gidduutti taasifame, "qophii waraana haaraa Iraan waliin gaggeeffamu" ilaalchisuun akka gaggeefame eeruun "waraanni Israa'elis walitti bu'iinsa haaraaf guutummaan guutuutti of eeggannoo gochaa" kan jirtu ta'uu gabaaseera.

    Dabalataan, buufanni TV Israa'el Chaanaal 13, xiyyaronni fe'umsaa baayyeen meeshaa waraanaa qabatanii gara Israa'el seenuu gabaaseera.

    Gabaasni kun kana malees xiyyaaronni fe'umsaa kunneen buufata waraanaa Ameerikaa Jarmanitti argamurraa ka'uun sa'aatiiwwan 24 darban Tel Aviiv keessa qubataniiru.

  13. Iraan mirga Yuraaniyeemii gabbifachuu mariif akka hin dhiyeessine himte

    Dubbi-himaa ministeera dhimma alaa Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Mirgi Iraan Yuraaniyeemii gabbifachuu "kan mariin irratti taasifamu ykn ejjennoosheerraa dhimma duubatti deebitu" akka hin taane dubbi-himaan ministeera dhimma alaa biyyattii dubbate.

    Dubbi-himaa Ismaa'il Baqaahii ibsa wixata kenneen, waraanicha dhaabuuf mariin jaarsummaa Paakistaaniin taasifamaa jiru itti fufuu ibseera.

    Iraan karoora waliigaltee abbaa qabxii 14 gara Ameerikaatti ergitee akka turte kan beeksise dubbi-himaan kun, Waashingitenis ta'e Teehraan karooricharratti yaada mataasaanii kaasuu isaanii dubbateera.

    "Gama Ameerikaatiin karoorri kun [karoora marii abbaa qabxii 14] kufaa taasifamuu isaa torban darbe ifatti beeksisanillee, qabxiiwwan dhiyeessaniifi tarreeffama yaada fooyyaa'uu qabuu garuu karaa Paakistaan nu qaqqabeera," jedheera.

    "Karoorawwan keenya akkuma ergineen buleesaa qaama isa biraarraa karoorawwan walitti aanan dhiyaatan nu qaqqabaniiru.

    ''Karoorawwwan kunneen guyyoota muraasa darban keessa kan gamaggamaman yoo ta'u, deebiin keenyas dhiyaateera.

    ''Mariin karaa Paakistaaniin taasifamu itti fufeera," jechuun haala marii kana jalqabsiisuun irra jiraatus ibseera.

    Kanas ta'ee garuu Iraan mirga yuraaniyeemii gabbifachuushee mariif akka hin dhiyeessine Baqaahi dubbateera.

    "Afaan guutanii dubbachuun kan danda'amu, mirgi [Yuraaniyeemii gabbisuu] kan irratti mariyannu ykn ejjennoo keenyarraa dhimma duubatti deebinuu miti.

    ''Mirgi Iraan Yuraaniyeemii gabbifachuuf qabdu waliigaltee meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin baballisne beekamtiin kennameefiinidha," jedha.

    Akka ibsa dubbi-himaa kanaatti qabxiiwwan marii Iraan barbaaddu ifatti kaa'amaniiru.

  14. Saalaan sababa amalaafi 'ofittummaa' isaaf tapha dhumaarraa hir'ifamuu qaba - Ruunii

    Mohaammad Saalaan taphaa ''ofittoo'' tahe waan taheef garee Liiverpuul tapha dhumaaf Bireentford morkatu keessaa hir'ifamuu qaba jedhe Wayinii Ruunii.

    Saalaan Liiverpul keessaa bahuuf tapha tokko irratti hirmaachuu qofatu isa hafe. Tapha Bireentfoord waliin qaban irratti gaggeessaan Saalaa ni taasifama jedhamee eegama.

    Ha atahu malee, ammas Saalaan leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot akka kilebicha injifannootti hin deebisne erga akeekee Wayinii Ruuniin isa qeeqe. Ruuniin maaliif Saalaa akkas qeeqe?

  15. Waliigaltee Masirii fi Eertiraan dhimma Galaana Diimaa irratti walii mallatteessan maal qabata?

    Masirii fi Eertiraan geejiba Gaalana Diimaarra walitti hidhuuf waligaltee mallatteessan.

    Ministirri Dhimma Alaa Masirii Abdellaatii daawwannaa tibbana gara Asmaraatti taasisaniin, biyyoonni lameen waliigaltee geejibaa fi daldalaa walii mallatteessaniiru.

    Akkaataa waliigaltichaatti biyyoonni lameen geejiba galaanarraa wal quunnamu.

    Kaayyoon sarara doonii kana walitti hidhuu ammoo carraa hulaa galaanaa qabaachuu isaanii kanatti fayyadamuun daldalaafi tajaajila loojistikii biyyoota lameenii fooyyessuu akka tahan ibsan.

    Dabalataan, waliigalticha keessatti Masiriin ogummaa ijaarsa buufata doonii ammayyaa fi daandii baaburaa qabdu Eertiraaf qooduuf waliigalaniiru.

  16. Gatiin boba'aa dabaluu hordofee Keeniyaatti mormii ummataa ka'e

    Gommaa konkolaataa gubatu

    Madda suuraa, NMG

    Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen gatiin boba'aa dabaluu morman daandiirratti gommaa konkolaataa gubaa jiru

    Mormii gatiin boba'aa dabaleen walqabatee Keeniyaatti jalqabeen kumaatamni tajaajila geejibaa dhaban.

    Rakkoon kuni magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiifi magaalota guguddoo biroo biyyattii keessa argamanitti mudateera.

    Sababa konkolaattonni geejibaa hojii dhaabaniif namoonni lafoo yeroo deeman mul'ataniiru.

    Mootummaan Keeniyaa dhihoo gatiin boba'aa sadarkaa idil-addunyaatti waan dabaleef gatii boba'aa irratti jijjiirama taasiseera.

  17. Naannoo buufata nukileraa UAEtti haleellaan diroonii raawwate

    Buufata Nuukileeraa Barakaa, Abu Dhabii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Nuukileeraa Barakaa, Abu Dhabii

    Yunaayitid Arab Emireet haleellaan diroonii naannoo buufata nuukileera aannisaatti dhaqqabe balaa abiddaa kaase jette.

    Waan mudate kanas ''waan balaafamaa dubbii kaasu'' jette.

    Qondaalonni mootummaa madda haleellaa kanaa qorataa jiru. Ministirri Ittisaa biyyattii dirooniin sadii karaa Lixaa biyyattii seenuu himan.

    Isaan keessaa lama yoo qolataman tokko ammoo jenereetera aannisaa haleele jedhan.

    Kunis, ala buufata Nuukileraa Barakaa yoo tahu, balaa abiddaas kaaseera.

    Balaan lubbuu namarraa gahe akak hin jirre himuun gulantaa nageenyaa carallaa nuukilerichaa irras miidhaan gahe hin jiru jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa biyyattii haleellicha balaaleffachuun biyyi isaanii deebii akka kennitu ibsan.

    ''Haleellaan buufata nuukileeraa nagaa akkasii irratti raawwatu seera idil-addunyaa, Chaartera UN fi seera namomaa cabsuudha'' jedhan.

  18. Ashamaa! Tamasaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kanaan odeessa biyya keessaa fi alaa gurguddoo isinii dhiyeesina.

    Nu hordofaa. Guyyaa Gaarii!