Eebba Godambaa Adawaa fi dhaamsa mootii Minilik II ‘Hologram’n tolfame

Suura Mootii Minilik lammeessoo

Madda suuraa, Screen shoot FBC irraa

Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa Guraandhala 11, 2024 Finfinneetti eebbifameerratti ergaan maqaa Mootii Miniliik II’tiin dhiyaate ijoo dubbii ta’eera.

Namoonni baayyeen ergaan maqaa mootichaatiin isuma fakkaatee darbe kun ergaa gaarii akka ta’e kaasaa jiru. Warri seenaa miidhaa Mootiin Miniliik II addatti yaadatan ammoo ‘ekeraan’ maaliif dubbate jechuun miidiyaa hawaasaarratti yeroo qeeqanii barreessan ni mula'teera.

Hunda caalaa ammoo tekinoolojii Hologiraam jedhamuun suura Mootii Minilik II fi haasaa taasifame wal simsiisuun ittiin dhiyaate kannneen diniqissafatanis jiru.

“Wanta bara keenya tureen akkamitti har’a wal loltu? Waan gaarii qabadhaa, hamaa balleessaa” jedha suurrii mootichaa hubannoo nam-tolcheen hojjetamee uummata Itoophiyaatiif dabarsame.

ALA bara 1889 hanga 1913’tti mootii Itoophiyaa ta’uun ijaarsa Itoophiyaa ammaa duuba kan jiran, akkasumas injifannoo Adawaa kan hogganan mootii Minilik IIffaa, Itoophiyaa keessatti jaalalas jibbas horataniiru.

Guyyaa Dilbataa ALI Guraandhala 3 bara 2016 wayita Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa magaalaa Finfinneetti ijaarame eebbifamuttis ergaan suur-sagalee maqaa mootichaan qophaa’e dhiyaateera.

Ergaan tekinoloojii Hologram jedhamuun qophaa’eefi naannoo daqiiqaa 14 dheeratu kunis keessattuu miidiyaalee hawaasaarratti miirawwan garagaraa keessummeessaa jira.

Mootii Minilik II

Madda suuraa, Getty Images

Ergaan dhaamame maali?

Wayita fakkaattiin mootii Minilik tekinoloojii Hologiraamiin qophaa’e waltajjii sagantaa eebbaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa irratti sochii taasisu hirmaattonni sagantichaa harka walitti dhahuun miira isaanii ibsachaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Turtii sekondiiwwan muraasa boodas mootichi fakkiin mootichaa akka dubbatu godhame “Kabajamaa uummata Itoophiyaa!” jechuun haasa'uu eegale.

Injifannoon Adawaa erga galmaa’ee waggoonni 128 lakkaa’amuu kan himu dubbiin kun, “hanga ammaatti garuu yaadannoo guddaa bilisummaa guutuu Itoophiyaa boonseen walgitu eegaa turre” jedha.

“Dhaloonni har’aa boru ni hojjeta jennee abdii godhannee ture. Kunooti har’a godambaan kana fakkaatu gidduu magaalaa Finfinneetti hojjetamee hambaan goototaa walitti qabamuuf, seenaan isaanii akka himamu, maqaansaanii akka waamamu ta’uusaa yemmuu ilaallu lafeen keenya awwaala keessaa, lubbuun keenya jannata keessa ta’anii gammadu” jedha.

Dhimmi ijoon ergaa maqaa mootii Minilikiin dhiyaate keessatti ka’e inni biraan dhimma ulaa galaanaati.

Waqtii sanatti qabamuun ulaa galaanaa meeshaalee waraanaa biyya alaatii galchuuf qormaata uumee akka ture kan eeran mootichi, “Ulaan galaanaa keenya naannawaansaa qabamee karaa Jibutiin qofaan ture kan fayyadamnu. Madfiiwwan keenya (gara biyyaa) akka hin seenneef diinonni keenya qormaata nutti aggaaman. Ulaa galaanaa osoo qabaannee gadadoon kuni hundi nurratti hin uumamu ture” jedhan.

“Kabajamaa uummata Itoophiyaa! Adaraa dhimma ulaa galaanaa kana laayyeen hin ilaalinaa. Gaafa guyyaa rakkooti kan faayidaasaa beektan” jechuunis dhaaman.

Wayita kanas hirmaattonni sagantichaa harka walitti dhahuun miira isaanii ibsachaa turan.

Gama biraatiin dhimmi ijoon injifannoo Adawaaf bu’uura ta’e jaalala biyyaa ta’uu ergaa mootii Minilik keessatti eerameera.

Raayyaan Itoophiyaa kutaalee biyyattii garagaraarraa walitti dhufefii kuma 100 ol ta’u Warra Iluutti buufatee akka ture kan himan mootichi, “Yeroon ‘Warra Iluutti qophaa’ii na eegi’ jedhee labsu baay’eensaanii Warra Iluu hinbeekan, gaggaafachaa achi gahan” jedhan.

“Galaa isaanii, meeshaa waraanaa isaanii qabataniiti kan duulan. Gosa sana hunda, raayyaa sana hunda kan waliigalchiise afaan akka sitti hin fakkaanne. Hurufa Warra Iluu irrattii raayyaan kuma 100 ol buufatee ture. Akka waliigallu kan nutaasise jaalala biyyaati” jechuunis himan.

Barri ammaas walitti dhiyaachuufii tokkummaan dhaabbachuuf mijataa ta’uu himuun, “Bara kanatti wanti ulfaataan wal qoqqooduu, adda foxxoquufii waliigaluu dhabuudha. Wanta ulfaataa dhiisaatii wanta salphaa qabadhaa. Bara nuti itti jiraanne keessa hanga nuuf gale hojjenneerra. Yoo xiqqaate weerartoota warra adii waliin kokkee walqabnee biyya Itoophiyaa jedhamtu tursifneerra” jedhan.

Dabalataan dhaloonni ammaa carraawwan jiranitti akka fayyadaman akkasumas akka mari’atanfii walkabajan dhaaman.

Kana malees haaloo cinatti gochuun dhiifamaan akka waliif godhan kan dhaaman mootichi, “Wanta bara keenya tureen akkamitti har’a wal loltu? Waan gaarii qabadhaa, hamaa balleessaa” jedhan.

Tekinoloojiin ergaa kana duuba jiru maali?

Tekinoloojiin mootiin Minilik akka waan galmicha keessa dhaabbatanii ergaa dabarsanitti fakkeessee mataduree haasaa taasise Hologram kan jedhamu yemmuu ta’u, dameelee garagaraa keessatti faayidaarra ooluu erga eegalee bubbuleera.

Dameelee tekinoloojichi faayidaarra itti oolaa jiru keessaammoo fayyaa, barnoonni fi bashannanni isaan muraasa.

Hologiraamiin suuraawwan kallattii sadee (3D) tekinoloojii ammayyaatti fayyadamuun hojjetamanfii namoonni yookiin wantoonni biroon dhugummaan kan jiran fakkeessee kan dhiyeessuudha.

Tekinoloojichi carallaawwan (lasers) fayyadamuun fakkaattii wantootaa kan uumu yemmuu ta’u, sammuun keenyas wantoota sana qabatamaan argaa akka jiru akka itti fakkaatu taasisu.

Biyyoota tekinoloojii kana fayyadamaa jiran keessaa tokko Awustiraaliyaa yemmuu taatu, biyyattii keessatti paarkiin tekinoloojicha fayyadamuun daawwattoota hawwatu ni eerama.

Paarkii ‘Hologram Zoo’ jedhamu kana keessatti fakkaattiin bineensota gosa garagaraa 50 ta’an carallaan hojjetamanii agarsiisaaf dhiyaataniiru.

Hayyoonni tekinoloojicha caalmaatti ammayyeessuufii babal’isuuf ammalee qorannoowwan garagaraa taasisaa kan jiran yemmuu ta’u, tekinoloojicha gama bilbila mobaayilaan fiduun dhimmoota abdiin eegamaa jiran keessaa tokkodha.