Mana hidhaa Lij Iyyaasuu: Hambaa seenaa dagatamee manca'aa jiru

Mootiin Lij Iyyaasuu ALA bara 1913 hanga 1916’tti biyya Itoophiyaa bulchaa akka ture seenaan ni mul’isa.
Mootota bara sana biyyattii bulchan keessaa umuriidhaan ijoolleedha. Bara bulchiinsa isaatti seerota mootonni Shawaa hordofaa turan keessaa bahuun adeemsa haaraa hordofuuf akka yaalaa tures himama.
Keessumaa wal-qixxummaa amantaalee irratti ilaalchi inni tarkaanfachiisu mootota Shawaa yeroo sanaa turan biratti fudhatama isa dhabsiisee ololaafi gochaan irratti fincilamaas ture.
Dhiibbaa biyya keessaafi alaa tureen barri bulchiinsa mootummaa isaa waggaa sadii kan hincaalles ta'e.
Ijaarsa Mana hidhaa
Akka seenaan jedhutti Lij Iyyaasuun erga aangorraa bu’ee Mootii Zawudituun bakka bu’anii carraan isaa mana hidhaa ture. Manneen hidhaa Finfinnee, Fiicheefi Guraawaatti akka hidhamaa tures himama.
Iddoowwan mana hidhaa Lij Iyyaasuun itti hidhamaa ture keessaa akka pirojektii guddaatti itti qophaa’amee kan ijaarame mana hidhaa Lij Iyyaasuu kan Harargee Bahaatti argamudha.
Manni hidhaa kunis Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti kan argamu yoo ta’u, Magaalaa Harar irraa fageenya kiilomeetira 75 ta’urratti argama.
Manni hidhaa kun magaala aanichaa cinaatti lafa olka’iinsa qaburratti ijaarame. Bakki kun ollaa gaara Guddaa Harargee, Gaara Mul’ataa waan jiruuf qilleensisaa diilalla cimaa kan qabudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ragaan barreeffamaa mana hidhaa kanarratti hanga ammaa maxxanee jiru akka ibsutti, manni hidhaa kun ajaja mooticha Haayilesillaaseetiin bara 1925’tti ijaarame.
Mootiin Haayilesillaaseen osoo muudama mootii ta’uu argatanii biyya bulchuu hin eegaliin dura kutaa Awuraajjaa Gaara Mul’ataa jedhamuun beekamu kana bulchaa turan.
Haala qubsuma lafichaafi toftaawwan eegumsaaf mijataa ta’e naannoon sun qabu waan beekaniif jechas bakka kanatti Lij Iyyaasuuf mana hidhaa kana ijaaruuf akka filatantu himama.
Ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanaa Guraawaafi maanguddoota naannichaa irraa arganne akka mul’isutti, ijaarsi mana hidhaa kanaa lafa karee-meetira 5,000 [walakkaa hektaaraa] irra kan qubateedha.
Diizaayiniin mana hidhichaa ammoo ogeettii biyya Armaaniyaa kan ‘Amaaliyaa’ jedhamtuun akka qophaa’es ragaaleen seenaa ni mul’isu.
Obbo Siraaj Ahimad maanguddoon ganna 81 yoo tahan, jaarsa biyyaa aanaa Guraawaafi nama seenaa mana hidhaa kanaa qoratanii beekan.
Akka isaan jedhanitti, lafti manni hidhaa kun itti ijaarame haalaan tarsiimowaa kan ta’edha.
“Lafti kun lafa olka’aadha. Asirra dhaabbattee kallattii hunda argita. Lafa dheessitu jalaa hin baane. Bakka istiraateejikii ta’edha. Haayilesillaaseen kana gaafa kutaa biyya Gaara Mul’ataa kana bulchaa ture waan beekuuf filate,” jedhu.
Ijaarsi mana hidhaa kanaa bara 1923 hanga bara 1925’tti waggoota lama kan fudhatedha. Fulbaana 5, 1925 yeroo manni hidhaa kun eebbifamuus mootichi bakkichatti argamanii eebbisiisan.

Ijaarsa mana hidhaa kanaatiif hawaasa naannootu itti hirmaatee dhakaafi meeshaalee ijaarsaa fageenyarraa guure kan jedhan maanguddoo siraaj, hanga xumuramutti mana hidhaatiif ta’uusaa namni beeku hin turre.
“Manni kun hogguu ijaaramu masaraa mootummaa Awuraajjaa Gaara Mul’ataa jedhameeti. Biyyi masaraadha jedheeti dadhabee kan ijaare.
''Fulbaana 5, 1925 [ALI] gaafa eebbifamu Lij Iyyaasuun mana hidhaa Fiicheerraa dhufee asitti hidhaa seene,” jedhan.
Keessoo mana Hidhaa Lij Iyyaasuu
Gabaasaan BBC bakkichatti argamuun akka doowwateetti, manni hidhaa kun Dallaafi kutaa eegumsaa hedduu qaba.
Galma guddaa kan masaraa mootummaa fakkaatu bakka Lij Iyyaasuun itti hidhamu sana gahuuf mooraa sadii keessa darbama.
Dallaa jalqabaarra jiru gama alaatiin manneen kutaa kutaa qaban heddummatanii jiru. Kutaaleen kunneen kutaa waraanni keessa qubatee eegu akka ture himu maanguddoonni.
Kutaalee hambaa seenaa kanaa kara alaatiin ijaaramanii turan kana keessa yeroo ammaa poolisoonni Oromiyaa buufatanii keessa jiraachaa akka jiran BBC’n taajjabeera.
Dallaa jalqabaa kun karaa baha biiftuutiin karra seensaa qaba. Karra kanaan yeroo ol seenamu mooraa isa lammaffaatu jira.
Mooraa lammaffaa kana keessammoo kutaalee ol dhedheeroo lama kan keessi isaa saanqaan ijaarametu jira. Kutaaleen kunneen ammoo kutaalee keessummoonni itti simataman akka turantu himama.
Balbala sadaffaadhaan yeroo ol seenamu ammoo mooraa isa sadaffaafi bal’ina qabutu jira. Mooraan kun mooraa kutaan mana hidhaa Lij Iyyaasuu keessatti argamudha.
Gamoon manni hidhaa Lij Iyyaasuu keessatti argamu kun galma moototaa kan fakkaatuufi gubbaa isaarraa tuuta lama kan qabudha.
Kutaa Lij Iyyaasuun itti hidhamu kana seenuun dura gama bitaafi mirgaatiin kutaalee lama lamatu jira.
Kutaaleen kunneenis kutaa waardiyyoota eegumsaa akka turan himu maanguddoonni mana hidhaa kana nu daawwachiisan.
Naannessaan gamoo mana hidhaa kanaa foddaa hedduu kan qabu ta’ulleen hundi isaatuu sibiilaan kan dalleeffamanidha.
Balballi gamoo kanatti ol-galchu ammoo tokko qofa. Innis sibiila cimina qabuun kan cufamudha.
Maanguddoonni aanaa Guraawaa Obbo Siraaj Ahimadiifi Obbo Alii Bushraa akka jedhanitti, ijaarsi gamoo kanaatuu meeshaalee qorra hammeessan kan akka soogiddaa itti makamee ijaarame. Kanaaf jecha kutaan inni itti hidhamu kun diilalla qaba.
Balbala jalqabaa erga ol-seenamee booda barandaa manichaa gama bitaarran xiqqoo akkuma deemameen balbala gara kutaa mana hidhaatti ol nama seensisutu jira.
Kutaan kun bal’ina qaba. Kutaa kana keessatti teessoon sibiilarraa hojjetame kan Lij Iyyaasuun irra taa'aa ture ammayyuu kutaa kana keessatti argama.
Teessumni kun guutummaansaa sibiilarraa kan tolfame yoo ta’u, bal’inni isaa akka nama tokkoof ta’utti hojjetamee duubattis hirkannaa qaba.
Teessoon kuni haala qilleensaa kam keessattuu akka diilallaa’u sibiilli irraa hojjetame kan filatamee hojjetame fakkaata jedhu, maanguddoonni. Teessumichi diilalla cimaa cabbiitti dhihaatu qaba.

Lij Iyyaasuun teessoo kanarra taa’uun iddoo abidda qaqqaammannaa bifa ammayyaatiin hojjetameef kanatti abidda hoo’ifataa ture jedhu maanguddoonni seenaa himan.
Bakki abidda itti qaqqaammatan kun garuu yeroo ammaa kunuunsa dhabuudhaan jijjigaa akka jiru gaazexeessitoonni BBC arganiiru.
Kutaa mana hidhaa kana keessatti cancalli Lij Iyyaasuun ittiin hidhamaa ture jedhamuus maramee ciisee jira.
Ta’us cancalli inni ittiin hidhamee ture waan badeef fakkeenyumaaf kuni askaa’ame shakkiin jedhu akka jirus himu Obbo Siraajii fi Obbo Aliin.
Galmi mana hidhaa kuni iddoo Lij Iyyaasuun gorsitoota waliin wal-argee haasa’u, iddoo bultii fi iddoo barandaatti bahee aara galfatuu fi saddeeqa taphatus kan qabudha.
Mooraa sadaffaa kana keessatti gamoon mana hidhaa kun walakkaarratti qubatee argama.
Duuba isaatiin ammoo kutaalee nyaatni itti qophaa’u, kutaa lafa jalaa kan Lij Iyyaasuun itti garafamuu jedhamu ni argamu.
Manni nyaanni itti qophaa’a jedhamu mooruma sadaffaa kana keessatti gama duubaatii kan argamu yoo ta’u, kutaaleen kunneen eegumsa dhabuudhaan amma sadarkaa guutumatti manca’uurra gahaniiru.
Gama duubaa kanaan kutaa nyaanni itti qophaa’u bira yeroo darbamu ulaa mooraa sadaffaa kana keessaa baasee mooraa biraatti nama dabarsutu jira.
Gamoon kutaalee lafa jalaa fi keessaa qabu jalqabaa harka bitaarratti argama.
Gubbaa isaatti qondaalotatu saddeeqa itti taphata, jala isaatti ammoo Lij iyyaasuun kan itti garafamu jedhu maanguddoonni.
Mooraa gama duubaatiin jiru kana gama mirgaatiin kutaalee hedduutu marsee argama. Kutaa eegumsaa kaan ammoo kutaa angaa’ota haala Lij Iyyaasuu hordofaniiti.
Ta’us kutaaleen dallaa duubaa kana keessa marsanii ijaaramanii jiran hedduun isaanii kunuunsa dhabuun jijjiigaa jiru.
Lij iyyaasuun waggoota sadiif mana hidhaa kanatti erga hidhameen booda bara xaaliyaaniin Biyya weerarte 1928 ALI ajaja Mooticha Haayilasillaaseetiin achii baafamee akka ajjeefame seenaan ni hima.
Ta’us Lij Iyyaasuun eessatti akka ajjeefameefi awwaalame shakiidhaan alatti ragaan qulqullaa’aan asi jedhu hin argamne jedhu maanguddoonni.
Mana hidhaa Lij Iyyaasuun baafamuun booda
Akka maanguddoonni aanaa Guraawaa Obbo Siraajiifi Obbo Aliin jedhanitti, manni hidhaa lij iyyaasuu kuni erga inni keessaa baafameen booda waajjira bulchaa kutaa awuraajjjaa ta’uun tajaajilaa ture.
Ergasiis yeroo Dargii ammoo akka waajjira maallaqaa fi waajjiraalee birootti itti fayyadamamaa ture. Hanga yeroo sanaatti hambaan kun eegumsa fooyya’aa qabaachaa akka tures himu.
Bara ADWUI aangorra ture ammoo yeroo dheeraadhaaf akka bakka buufannaa waraana mootummaafi bakka hidhaa ta’uunis tajaajilaa ture. Yeroo kana qabeenya hambaa kanaarra mancaatiin guddaan gahuus himu.
Meeshaaleen mana hidhichaa keessa turan hedduunis achii bahuun harka namoota dhuunfaa akka gales miira gaabbiitiin himu maanguddoonni.
Kana malees keenyaa manichaa dabalatee meeshaalee seenaa achi keessa turan manca’uus himu.
Akka fakkeenyaatti, keenyaan kutaalee mooraa mana hidhaatiin duuba jiranii irratti barreeffamoota adda addaa barreessuun badiif saaxilamaniiru.
Kanaan alas kutaaleen keessoo mana hidhichaa suphaa dhabuun jijjigaa jira.
Dhakaan manni hidhichaa irraa ijaarame haalluu mataasaa kan adda ta’e kan qabu ta’ulleen kutaan seensa mana hidhichaa jiru keenyaa isaa qalama dibuun bu’uurrisaa badeera.
Bakka bu’aa Itti gaafatamaan waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa Guraawaa Obbo Caalaa Toofiq manni hidhaa Lij Iyyaasuu kun silaa kunuunfamee madda turizimii jabaa kan ta’u ture jedhu.
“Manni kuni akka suphamuuf akka waajjira keenyaatti qaama dhimmi ilaallatu gaafachaa turre.
''Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa manichi yeroo suphaan Masaraa Kumsaa Morodaa xumuramu itti aansee akka haaromfamu waadaa nuuf seenee ture,” jedhu.
Waajjirri isaanii meeshaalee aadaa manicha keessaa baafamaniifi harka namoota dhuunfaa seenan barbaaduun gara manichatti deebisuuf hojjechaa jiraachuus himu Obbo Caalaan.
“Qawwee Lij Iyyaasuun ittiin eegamaa ture Waajagraa jedhamufaatu ture. Qawween sun as keessaa bahee waajjira poolisii jira. Amma isaan waliin dubbannee akka mana kanatti deebi’u waliigalleera.”
“Meeshaa kaanis kan asii bahan, kitaaba Lij iyaasuun barreesse dabalatee harka nama dhuunfaa akka jiru eeruu argannee hordoffii gochaa jirra,” jedhan.
Miidhaa ijaarsawwan mana hidhaa kanarra gahe yeroo ibsanis: “Manni kun hedduu miidhaan irra kan gahe yeroo waraanni mana kana keessa buufatee ture.
''Dhiibbaafi gaaffii irra deddeebiin taasifameen jijjiirama booda waraanni mana kana keessaa baafame,'' jedhan.
Lij iyyaasuun erga mana hidhaa kanaa baafamee ajjeefameen booda bakka itti awwaalame qorannoo taasisuun akka adda baasanii jiranii fi qorannoo ogeessota arkiyooloojitiin mirkaneeffachuun akka isaan hafus dubbatan.
Hambaan seenaa mana hidhaa Lij Iyyaasuu kun qabeenya aanichaa qofa osoo hin taane qabeenya biyyaa waan ta’eef qamni hundi xiyyeeffannaa akka itti kennuufis gaafatan.
Lij Iyyaasuun erga mana hidhaawwan adda addaa keessatti dararamaa tureen booda ALI bara 1928’tti mana hidhaa Gurawaa kanaa bafamuun umuriisaa waggaa 40’tti akka ajjeefame ragaaleen seenaasaa irratti barreeffaman ni mul’isu.












