'Guyyaan tokko ji'a tokko nutti fakkaata'-Lammiilee Iraan

Madda suuraa, BBC / Getty Images
Waraanni US fi Israa'el Iraan irratti banan erga eegalee torbaaniif deema. Iraanonni haleellaa qilleensaa guyyuu, yaaddoo humnoota nageenyaa fi uggura intarneetii itti baruuf carraaqqii gochaa jiru. Maatii isaaniitiinis wal to'achaatuma.
Namoota biyya keessa jiran waliin wal haasawuun rakkisaa dha. Iraanonni eenyummaa isaanii dhokfatanii maal keessa akka jiran BBC'tti dubbatan jiru.
"Wanti amma nu mudachaa jiru waraana guyyoota 12 bara darbeetii oli"jedha Saalar.
"Baay'inni dhoo'insaa, mancaatii, fi wanti ta'aa jiru- waan amanuuf rakkisudha."
Inni Teehraan keessa jiraata. Teehraan Guraandhala 28 kaasee danbalii haleellaa qilleensaa US fi Israa'eliin rukutamaa jirti.
"Sagaleen danbalii haleellaawwan kanaa foddaa fi maggaarajaa mana keessaa mirmirsa,"jedha.
"Akka fuulleen irraa hin harcaane jedheen foddaa manaa banaa dhiise. Mana guututu rom'a...
"Guyyaan hundi ji'a tokko fakkaata," jedha Saalar. "Baay'inni haleellaa olaanaadha.
Namni biraa Teehraan keessa jiraatu, Babak, uummanni akkuma haleellaa eegaleen nyaata bibbitachaa ture jedha.
Innnillee haleellaan miilanaa kan guyyoota 12 bara darbee caalaa muddaa akka ture hima. Akeekkachiisni miilanaas laafaa ture jedha.
"Ennaa darbe, dhukaasa humna qilleensaa dhagahaa turre. Haleellaan jiraachuu barre. kan ammaa kun adda—tasa sagalee danbalii dho'iinsaa fi diigumsaa bakka wayiitii dhageessa"
Kaaveh immoo Zanjan, iddoo 275km kaaba-lixa Teehraan irraa fagaattu jiraata.
"Guyyoota sadan duraa, magaalaan teenya akka hamaa haleelamte," jedha. Iddoo jeettiiwwan waraana yeroo hunda irraan dabran jiraanna."
Waraana guyyaa tokkoffaa booda, samiin guyyaa hunda duumessuma. Aara gurraachaa fi adii haleellaa hordofee dhalatuun jedha Kaaveh.
"Aarri kun ni bareedas nama sururas."

Madda suuraa, Majid Saeedi / Getty Images
Sodaa nageenyaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Salar waayee nageenya hiriyoota, firootaa keessumaa haadhaa fi abbaa isaa ni yaadda'a.
"Warra koo gara kaabaa Iraanitti ergeen jira, achis balaan jiru sadarkaan isaa hin beekamu malee" jedha.
"Garuu qe'eesaanii Teehraan caalaa achi wayyaaf"
Manni warra isaa ollaa wiirtuu waraanaati, kanaaf xiyyeeffannaa haleellaa ture.
"Haati isaa haala gaariirra hin turre. Baay'ee sodaatte, " jedha, waraana waggoota saddeetii har'aa Iraaq keessa bara 1980 irra hamaadha.
Guyyaa guyyaan namoonni Teehraan gadhiisanii bahaa jiraachuu dubbata. Filannoo gaariis ta'uu baatu.
"Akkawoon hiriyaa isaa ni dhukkubsatu, sochoosuu hin dandeenye"
Mana hiriyaa saa fi ofii gidduu deddeebi'aa turan.
"Mannisaanii iddoo gahaa waan hin qabneef ala baay'ee arguun rakkisaa dha. odeeffannoorraayis citaniiru.
"Lubbuu keenya oolfachuun cinatti, yaaddoon keenya maatii keenya iyyaafachuu dha. Odeessa qabatamaa argachuu dha" jedha.
Rakkisaadha. Guyyaa jalqaba waraanaa interneetiin guyyaa walakkaatti cufame. Guyyaa lama booda deebi'e.
"Interneetii makaraa meeqan argachuuf nan yaala, maatii keenya Iraaniin ala jiraniif oduu nan qooda" jedha.
Kaaveh fi Salar lamaansaaniyyuu VPN fayyadamu. Toorawwan marsariitii interneetii hedduu mootummaan Iraan cufeera. Kun salphaa miti
Ergaawwan gabaabaa (SMS) akeekkachiisoo
Odeeffannoo walabaa argachuun rakkisaa ta'ullee, humnoonni nageenyaa Iraan fedha isaanii ifa gochuu hima.
"Guyyaa hunda yoo gadi baatan isinii dhumate jedhanii ergaa gabaabaa bilbilaa SMS ergu" jedha.
"Ergaan kun tokkoon tokkoon keessan yoo ala baatanii mormii dhageessiftan, akka kittillayyoo Israa'el taataniitti isin ilaalla'."
Ergaan kun namni yoo ajaja kana sarbe, dhiibbaan akka irra gahu ykn akka ajjeefamu akeeka.
Ummanni rakkoo maallaqaafis saaxilameera. Haleellaan kun danqaa diinagdee fi tajaajila mootummaa uumeera.
"Baatii Amajjii kaasee rakkootu ture" jedha Babak.
Mormiin uummataa, lagannaan hojii, cuccufamuun intarneetii haalota hammeessuun namni akka hin hojjetanne gochaa turan.
Namni baay'ee galii dhabeera.
Ajjeefamuu Ayaatolaa
Balaa guyyaa guyyaan argan, rakkoo waldhaansoo wal qabaniin gamatti waraanni kun egeree biyya isaaniif maal akka ta'e yaadda'u, keessumaa du'a Ayaatolaa Kaameenii booda.
"Jalqaba oduu kana hin amanne ture" jedha Kaaveh.
"Waan kana yoon dhagahu nan gammadan se'e, garuu hin gammadne, jedha.
Sababa abjuu fi maraatummaa nama tokkoo, barri jireenyaa koo jiruun miliyoonotaa ni manca'e,kumaatamni lubbuu dhaban-akkasuu ta'ee duuti isaa na dallansiise."
"Duutisaa waaree dura 04:30-05:00 gidduu yo himamu, kuun gammadee, kuun ni ililcha(boo'ichaan)" jedha Salar.
"Miirri akkasii in jiraata jedhee hin eegne. Haleellaa san booda humni nageenyaa heddumminaan bobbaafame. Ammallee akkasumatti jira."
Sababa rakkoo waraana fi muddama nageenyaa du'a Ayaatolaa booda miira guutummaa Iraan keessaa baruun rakkisaa dha.
Kuun ni gammada, kuun aangawoota waliin gadda.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Egeree Iraan
Waraanni kun isaaniif, maatiisaanii fi biyya isaaniif maal fidee dhufu namuu beekuun rakkisaa dha.
Salar, "Biyyi keenya kana booda bakka duraatti deebi'uushee nan shakka " jedha.
"Kanneen biyya alaa jiran ilmaan mootii, kanneen sirna mootii durii deeggaranii fi waraana US fi Israa'el deeggaran waan nuti keessa jirru hin beekan. Beekuus qabu jedhee hin hawwu.
Tiraamp ammallee haleellaa hamaan hin eegalle jedha. Kanaa ol maal haleeluu akka barbaadanii fi akkamitti haleeluu akka barbaadan hin beeku."
Babak abdii hin kunne, garuu waraanni kun haga yoomii akka turutu isa yaaddessa.
"Yeroo baay'ee gadi nan baha. Olloota keenya waliin nan haasawa, warra suuqii waliinis, hunduu rakkoon kun dhiyootti akka furamu hawwa". Waraanni kun akka dheeratuu fi hammaatu yaaduutti hin jiran."
"Akka nuti yaadne waraanni kun gabaabaa ta'uu dhiisuu danda'a. Hawwiin kiyya akka gabaabbatu ta'us, hanga ammaa hammaachaatuma dhufe."
"Akka ga'eessa dhukkubbii waldhaansa baqaqsanii yaaluu ulfaataa ta'e keessa darbu tokkootti dhukkubsachaatuma keessa darbuu akka qabnu natti dhagahama."
"'Oppireeshinii' kana gidduutti maaltu akka mudatu hin beektu" Ameerikaa fi Israa'el yoo sirnaan hin dalagne, waan hamaatu ta'a."
"Akkanaanis carraan jiraachuu fi egeree arguu ni jira."












