Wantoota ajaa'ibaafi hin dagatamne yaa'ii UN irratti mudatan

Waajjira Muummee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN), Magaalaa Niiw Yoork

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waajjirri Muummee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Magaalaa Niiw Yoork keessatti argama

Magaalaan Niiw Yoork duruu ko’oommattuudha. Wagga waggaan baatii Fulbaanaa keessa garuu jaataniitu itti baay’ata. Kunis Korri Waliigalaa Biyyoota Gamtoomanii (UNGA) waan taasifamufidha.

Korri kuni kora bulchitoota addunyaa isa guddichadha. Biyyoonni miseensota dhaabbatichaa ta’an irratti hirmaatu.

Hoogganoonni gaafa kaan wal biratti arguun hin yaadamne kora kanarratti hirmaatu. Kanneen ciraadhumasaa koricha lagataniis inuma jiru.

Kora kanarrati taateewwan 'edaa kunis jiraa?' jechisiisan, wantoonni hin yaadamne ni mudatu, mudataas turaniiru.

Maddeen UN fi kaan irraa kan waabeffanne akkanaan qixeessine.

Korri Waliigalaa UN maali? Maaltu ta'a?

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) dhaabbata idil-addunyaa xumura Waraana Addunyaa Lammaffaa booda bara 1945 nagaa idil-addunyaa itichuuf hundaa’edha.

Yeroo ammaa biyyoota miseensota ta’an 193 fi miseensota hin taane lama of keessaa qaba.

Korri Waliigalaa walgahii ijoo waan dhaabbatichi dalaguu qabu murteessudha.

Walgahii tokkicha miseensonni 193 keessatti bakka buufamanidha.

Kora kanarratti biyyoonni hunduu akka dubbatan carraan kennamaaf.

Bulchitoonni yookiin namoonni bakka buufaman waan isaan yaaddesse yookiin dhimma ijoodha jedhan irratti kaasu.

Yaaddoo qaban irratti ibsatu, waamicha dhiheessu yookiin seenaaf akka galmaa'u waan fedhanis irratti dubbatuu danda'u.

Kanneen mufii qabaniif yookiin sagalee dhabne jedhaniif qalbii addunyaa argachuuf Korri Waliigalaa UN bakka sirriidha.

Kora bulchitoota biyyaa bakka tokkotti fiduun alatti garuu bulchitoonni marii addatti waliin taasisan dhimma ijoo biraati.

Miseensota UN keessaa 40% kan ta’an biyyoota galii gad-aanaa qaban bakka ba’u. Garuu hunduu sagalee walqixa qaba.

Biyyi badhaates, hiyyoomtes kora kanarra sagaleema tokko qabdi.

Kora bulchitoonni dubbiin itti wal tuqan

Biyyoonni Kora Waliigalaa Biyyoota Gamtoomaniirratti akkaataa hiika Afaan Ingilizii maqaa biyya isaaniin tooraan taa’u.

Teessuma duraarra biyyi teessu garuu Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin filatamti.

Kan bara 2023 Kaaba Maqedoniyaadha. Kora kanarra wal ciguun, wal qeequun, darbee wal arrabsuunis ni mudata.

Addunyaa garee siyaasaan qoqqoodamte kanneen hoogganan gaafa galma tokkotti dhufan waan akkanaa mudachuun waan barame.

Dubbii adda kutuu, cookuufi dubbiin keessan sirrii miti waan jedhamu garuu hin jiru. Kana jechuun garuu diraamaan dhiba jechuu miti.

Biyyoonni qeeqa yookiin gaaffii irratti ka’eerratti deebii kennuuf carraan ni kennamaaf.

Waan akkanaa yeroo baay’ee dubbii ho’isa. Gara caalus, bulchitoota osoo hin taane bakka buutota yookiin dippiloomaatota isaanitu deebii kenna.

Pirezidantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarlis Micheel ''Yukireen bakka yakki itti raawwatamudha. Nami kana raawwatan galma kana keessa jiru,'' jedhan.

Pirezidantiin Yukireeniifi pirezidantiin Ameerikaas Raashiyaa yakkani. Kaan immoo dubbii biyyoota kanaa jabeessanii qeeqan. Walgahiichatu akkana.

Fakkeenyaaf Pirezidantiin Gaanaa Awurooppaan gara caaluufi US dafqa, imimmaan, dhiigaafi dararaa daldala garbaan of ijaaran jechuun biyyoota Afrikaaf beenyaa akka kanfalan gaafatan.

Qondaalli waraanaa Pirezidantii Giinii fonqolchuun aangoo koran Koloneel Mamaadii Domboyaa immoo ‘’akka ijoollee yeroon itti nu laaltan dhaabuun amma yeroon isaa gaheera,’’ jedhanii dubbatan.

Biraazil garuu maaliif dura dubbatti?

Kora Waliigalaa UN irratti yeroo hunda kan jalqaba dubbattu Biraazilidha. Ittaanee biyya walgahiin suni keessatti taasifamu US.

Biraazil kan jalqaba dubbattuuf yeroo korichi dur jalqabu biyyoonni dursa bahanii dubbataa hin turre. Yeroos Biraazil kaka’umsa ofiin dursitee as baatee dubbatte.

Kuni barsiifata ta’ee hafe. Eegasii Kora Waliigalaa UN waggaa waggaan gaafa eegalu Biraazilitu jalqaba dubbata.

Eega biyyoonni lamaan dubbatan booda asiis achis biyyoonni wal keessa tarreeffamanii bahanii dubbatu.

Nama biyyi tokko ergite [bulchaa yoo ta'an dursi kennamaaf], fedhii yeroo irratti dubbatan biyyoonni filataniifi kaaniin toorri dubbatan ifa ta’a.

Bulchaa sa'aatii 4 fi daq. 30'f dubbatan

Kora Waliigalaarratti bulchitoonni yookiin nami isaan bakka buusan dubbii taasisu. Dubbii isaaniifis Afaan UN itti dhimma bahu jaha keessaa tokko fayyadamuu danda’u.

Kunneenis, Afaan Arabaa, Chaayinaa, Ingilizii, Faransaay, Raashiyaafi Ispeenidha.

Kanneen dubbii taasisaniif daqiiqaa 15'tu kennama. Ammoo yeroo baay’ee ni caba.

Bara 2022 Pirezidantiin Islovaakiyaa Zuzaanaa Chaaputovaa waan ergaa qabu tokko dalagan. Dubbii isaanii daqiiqaa 12 gadi xumuran.

Dubbiin xumuraa isaanii akkana jedha: ''Qajeelfama xinnoollee kabajuun waan barbaachisuuf, sa’aatii daangeeffameefi irratti waliigalame kabajeen xumura,’’ jedhan.

Bara 1960’tti garuu waatu ta’e. Pirezidantiin Kuubaa Fiidal Kaastiroo yeroo dheeraa dubbachuun riikardii qabatan.

Pirezidantiin duraanii Kuubaa Fiidel Kaastiroo bara 1960 UN'tti yoo dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin duraanii Kuubaa Fiidel Kaastiroo bara 1960 UN'tti yoo dubbatan

Hangam dubbatan seetan? Sa’aatii afuriifi walakkaa yookiin daqiiqaa 269. Kaastiroon dubbii dhedheertuu dubbachuun beekamu.

Nami UN keessatti yeroo dheeraaf dubbachuun Galmeen Dinqisiisoo Addunyaa galmeesse garuu dippilomatii Hindii VK Kirishinaa Menoon jedhamanidha.

Bara 1957’tti nami siyaasaa kuni Kaashmir kan isaanii ta’u ibsuuf guyyoota sadiitti sa’aatii saddeet ta’uf dubbatan.

Dubbiin isaanii garuu kora waliigalaa UN osoo hin taane Mana Maree Nageenyaa UN irratti ture.

Hooggantoonni Afrikaas yeroo dheeraaf dubbatanii beeku. Fakkeenyaaf akka galmeen UN agarsiisutti, Pirezidantiin Giinii Seekuu Turee bara 1960 daqiiqaa 144’f dubbatani.

Buush ''seexanadha''

Hariiroon biyyoota lamaanii yerootti hammaate ture.

Bara 2006 Pirezidantiin Venezuwelaa Hugoo Chaavez yeroos pirezidantii US kan turan Joorji W Buushiin ''seexana'' jechuun arrabsan.

Waltajjiin Buush akkuma kaleessumtii irraa dubbatan ''ammallee salfarii'' urgaa'a jedhan. Salfariin Macaafa Qulqulluu keessa seexana waliin walqabatee ibsama.

Dubbiin kuni dippilomaatota US mufachiise ture.

''Akka addunyaan qabeenya isaanii taatetti dubbatuuf kalee as dhufanii turan,'' jechuun dubbatan.

Pirezidantii duraanii Venezuweelaa Hugoo Chaavez Ameerikaa qeequun beekamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii duraanii Venezuweelaa Hugoo Chaavez Ameerikaa qeequun beekamu

Pirezidant Buush yeroos Giddugala Bahaatti waan adeemaa jiru yoo ibsan dimookiraasii dhufaa jira jedhanii turan.

Iraaq, Lebaanon, Filisxeemiifi kaan eeruun Ameerikaan nagaa hin barbaaddu jechuun Chaavez yaa'ii gubbaa dubbatan.

Pirezidantiin michuu Kuubaa fi Iraan turan kuni Ameerikaa hin jaalatan. Bara 2013 lubbuun isaanii boqochuu ni yaadatama.

Dubbii Gaadaafii sa'aatii 1 fi walakkaa ol

Bara 2009 ture. Bulchaan duraanii Liibiyaa Mu’aammar Gadaafii Kora Waliigalaa UN gubbaatti argamanii dubbii qeeqa makate danuu taasisan. Daqiiqaa 96 oliif dubbatan.

Inumaa osoo dubbatanii bakka buutonni galma dhiisanii baanaan komataa turan. Biyyoonni gurguddoo qajeeltoo UN cabsani jechuun dokimantii UN lafatti darbataniiru.

Mirgi sagale sagaleen fashalsuu [veto power] akka haqamu gaafatan.

‘’Manni Maree Nageenyaa shororokaafi qoqqobbii malee nagaa nuuf hin finne,’’ jedhanii biyyoota Lixaafi dhaabbata UN qeeqan.

Dhaabbati kuni eega hundaa’e jalqabee qeeqi irratti dhihaataa as gahe.

Koloneel Gaadaafiin waggoota 40 oliif Liibiyaa abbaa irrummaan bulchaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Koloneel Gaadaafiin waggoota 40 oliif Liibiyaa abbaa irrummaan bulchaniiru

Chaartariin UN tokkoof dalaga kaaniif hin dalagu jedhanii qeeqan. Bara 1990 Iraaq yeroo Kuweet weerartu waan ta’eefi yeroo Iraaq US fi michoota isheen yeroo weeraramtu wal bira qabanii ibsan.

‘’Iraaq biyya walabaafi miseensa Kora Waliigalaati. Akkamiin haleellaan irratti raawwata? Akkamiin Chaartariin [UN] yeroos hojiirra hin oolle,’’ jechuun jabeessanii qeeqan.

Waggaa lama booda bara 2011 fincila irratti ka'een 2011 Koloneel Mu’aammar Gadaafiin aangoorraa fonqolchamanii ajjeefaman.

'Kooriyaa Kaabaa lafarraa balleessina'

Dubbiiwwan hin dagatamne keessaa inni biraa doorsisa Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp waa’ee Kooriyaa Kaabaa dubbatanidha.

Bara 2017 Tiraamp Kora Waliigalaa UN irratti akkana jedhan: ‘’Yunaayitid Isteet jabinaafi obsa qabdi.

‘’Yoo ofiifi michuushee tikfachuuf dirqamte garuu Kooriyaa Kaabaa guutummaatti barbadeessuu malee filmaata biraa hin qabdu.’’

Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un ‘’nama ofiifi bulchiinsa isaa of galaafachuuf sosso’u,’’ jechuun ibsan.

Dubbii taasisaniin yeroo garagaraa qeeqi kan irratti dhihaatu Tiraamp, dubbiin isaanii silaa waltajjii wal ta’umsaafi nagaa lallabuu qabaniirratti dubbatan garuu hin dagatamu.

Tiraamp waa’ee balaa niwkularaa erga haasa’anii booda dhaadannoo kana dhageessisan. Tarkaanfiin akkanaa hin barbaachisu jechuun biyyoonni UN akka dhiibbaa godhan dubbatan.

Donaald Tiraamp kora UN gubbaa guddoo dhaadatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp kora UN gubbaa guddoo dhaadatan

Osooma waggaa hin turiin garuu Tiraamp pirezidantii US jalqabaa osoo aangorra jiranii Kiim qaamaan dubbisan ta’ani.

Kooriyaan Kaabaa garuu ammallee yaalii niwukilaraa ishee hin dhiifne.

Dubbii isaanii kana booda pirezidantiin duraanii Zimbaabuwee Roobart Mugaabee Tiraampiin ‘’Gooliyaad guddicha’’ jechuun ibsan.

Osoo waa’ee nagaa labsanii maal qaba jechuun qeeqan.

Daayinasoor 'kora UN irratti'

Waltajjiin UN waltajjii addunyaa dhimmi ijoo dhala namaa irratti mari’atamuufi furmaati itti barbaadamudha.

Dhimmoota ijoo addunyaa yaaddessaa jiru keessaa tokkommoo jijjiirama qilleensaati.

Dhimma nageenya dhala namaaf yaaddessaa ta’e kana qalbii keessa galchuun bineensi lafarraa waggoota miiliyoonota 65 dura bade biyyoota addunyaaf ergaa dabarseera.

Bineensi kuni lubbuun dhufee garuu hin turre. Fiilmii UN qopheesserratti mul’ate. Bineensi maqaan Firaankii jedhamu baheef biyyoota akeekkachiise.

Ergaa jabduu dabarse. Fiilmii keessatti waltajjii Kora Waliigalaa UN keessa yeroo adeemu mul’ata.

Waltajjii UN dhimmi ijoo addunyaa mara'atamuurratti wantoota mudatan keessaa tokko guyyaa bineensi bade 'haasaa taasisedha'

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waltajjii UN dhimmi ijoo addunyaa mara'atamuurratti wantoota mudatan keessaa tokko guyyaa bineensi bade 'haasaa taasisedha'

Taatoon Jaak Bilaak sagaleen qooda fudhate kana keessatti bineensi kuni ‘’sababa tarreessuu dhiisaa, jijjiirama fiduu jalqabaa’’ jechuun gorsa.

Ergaan ijoo baasiin guddaa anniisaa hin haaromne jechuunis cilee, boba’aa, gaazii, dikita, petroliyeemiifi kaanif bahu jijjiirama qilleensaa fidu keessatti qooda qabu hubachiisuufi.

Yoo xiyyeeffannoon dhibe akkumakoo baddu ergaa jedhu qaba. ‘’Lafarraa baduu hin filatiinaa. Barfatuu dura sanyii keessan baraaraa.’’

Burruusa Ayislaand, kaan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ayislaand akka marii eegalaniifi ittiin xumuran bara 1952 Pirezidantii Kora Waliigalaa UN [kan walgahii gaggeessu]’f burruusa kennite. Burruusi kuni addadha.

Gaafa ajandaa tolchan akkasumas sagaleen gaafa mirkanaa’us burruusa kana rukutu.

Garuu bara 1960 dippilomaatiin Ayirlaand Firediriik Bolaand jedhaman bakka bu’aa USSR Nikitaa Kirusheev osoo tasgabbeessuu yaalanii burruusi sun tasa duraa cabde.

Achii UN akka burruusi kuni bakka akka buufamu Ayislaand gaafate. Ta’us, bara 2005’tti koppiin burruusa kanaa bade.

Burruusi amma itti dhimma bahan kan jalqabaarraa xiqqoo jijjiirama qabdi jedhama.

Gama kaaniin, Ministirri Muummee Ayislaand yeroosii bara 2018 daa’ima isaanii baatii sadii kora UN gubbaa fiduun ijoo dubbii ture.

Murteen isaanii kuni walqixxummaa korniyaa ijoo marii taasise. Daa’ima isaaniis hoosisan. Ammo gaafa dubbii taasisan daa’ima isaanii jaarsa isaanitti kennan.

Dureewwan addunyaa erga UN hundaa‘eti yeroo jalqabaaf qaamaan walarguu kan hanqatan bara 2020 ture.

Burruusi walgahii UN ittiin gaggeessan kana jalqaba dhaabbata kanatti kan kennite biyya Awurooppaa Ayiislaandidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Burruusi walgahii UN ittiin gaggeessan kana jalqaba dhaabbata kanatti kan kennite biyya Awurooppaa Ayiislaandidha

Kunis, sababa weerara koronaavaayirasiini. Ta’us, onlaayiniin walgahaan.

Galmi UN mariif cufama. Seenaa keessatti garuu yeroo takka fiilmii ‘’The Interpreter’’ jedhuuf eeyyamame. Erga ergaan isaa qoratamee booda filmichi hamma tokko achitti waraabame.

Biyyi seenaa keessatti UN keessaa baate tokko qofa - Indoneeshiyaadha. Kunis, erga Maalezhiyaa waliin waldhabde boodadha. Barri kuni bara 1965 ture.

Bulchiinsi ishii erga jijjiirame, fonqolchis erga taasifame booda garuu waggaa booda na deebisaa jette. Hanga yoonaa biyyi biraa dhaabbata kana keessaa baate hin jirtu.

Biyyoonni dhaabbata kana olaantummaa biyyoota Lixaa jala bu’e, humna dhabe jedhanii komataniis ammallee dhaabbata idil-addunyaa dorgomaa hin qabne ta’ee itti fufee jira.