Waraana Tigraay: Mootummaan Itoophiyaa sababii hojjattoota UN torba biyyaa akka bahan itti ajaje ibse

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs
Mootummaan Itoophiyaa sababii hojjattoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) torba biyyaa akka bahaniif itti ajaje ibse.
Ministerri Haajaa Alaa Itoophiyaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa Jimaata galgala baaseen, hojjattoonni dhaabbatichaa kunneen gochaawwan walabummaa biyyaa cabsaniifi yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'an raawwataniiru jechuun himate.
Kamisa Fulbaana 30, 2021 akka ibsametti, hojjattoonni dhaabbilee UN sadarkaa garaa garaa irra hojjatan torba dhimma keessoo biyyaa keessa galaniiru jechuun sa'aatii 72tti akka biyyaa bahaniif ajajame.
Dhaabbatichi tarkaanfii mootummaa Itoophiyaa kana akka hinfudhanne barreessaa olaanaan UN Antooniiyoo Gutereez Ministira Muummee Abiy Ahimaditti guyyaa Jimaataa dubbachusaanii fi dubbi himaan dhaabbatichaa Faarhaan Haaqi tarkaanfiin Itoophiyaa hojjattoota UN irratti hojiirra oolfamu kan ta'u waan hintaaneef, aanga'oonni Itoophiyaa keessa akka turaniif ibsuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Mootummaan Itoophiyaa sababii hojjattoonni dhaabbatichaa biyyaa akka bahanii ittiin gaafate wayita ibseetti, humnootii TPLFtiif deeggarsa namoomaa fi meeshaalee qunnamtii taasisaniiru jedhe.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa haala kaaba biyyaatti umameen walqabatee hojjattoonni dhaabbilee UN kunneen ulaagaa dhaabbatichaa kabajuu akka hindandeenye kaasuun, gochaawwan cimaa kanneenis anga'ootni olaanoo dhaabbatichaa dhimmisaa ilaallatu fi deeggartoonni idl-addunyaa kan biraas akka beekan taasifamuilleen bu'aa akka hinfinne ibseera.
Haata'u malee Rooyitarsi yaadannoo Waajjira dhimmoota seeraa UNtti ergamaa Itoophiyaa kan Niiw Yoorkiitti argamuuf ergame ilaalee jira jechuun akka gabaaseetti, hojjattoonni kunneen dhimma keessoo biyyaa keessa seenuu isaanitiif odeeffannoo kamuu akka isa hingahiin ibsuu himeera.
Mootummaan Itoophiyaa akka jedhutti ammoo, balleessaa yaaddessoon hojjattoota kanneenii raawwataman itti fufuu isaanitiif akka filmaata dhumaatti mootummaan ''gariin isaanii biyya gadhiisuun akka bahaniif gaafate,'' jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa guyyoota sadii keessatti biyyaa akka bahaniif Kamisa waaree booda xalayaa hojjattoota UN kanneeniif barreesse irratti dhimma keessoo biyyattii jidduu galuu jechuun alatti sababii gadi fageenyaa kaasee hinturre.
Tarkaanfiicha ilaalchisuun burjaajjii jiru qulleessuuf jechuun Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa baasee kanaan, badii hojjattoonnia kunneen raawwataniiru jedhaman tarreesseera.
Haaluma kanaanis hojjattoonni biyya gadhiisuun akka bahaniif ajajaman kunneen, ''dhiyyeessii deeggarsa namoomaa fi meeshaalee qunnamtii TPLF akka ittiin gargaaramuuf dabarsuun kenanniiru,'' jedheera.
Kana malees, ''hojimaatawwan nageenyaa irratti waliigalaman'' cabsuu fi konkolaataawwan fe'umsaa 400 ol kanneen dhiyeessitii deegarsaatiif bobba'uun osoo hindeebi'iin hafan, ''TPLF sochiilee loltummaatiif dhimma itti bahaa jira'' jechuun akka deebiifamaniif yaalii barbaachisu osoo hintaasisiin hafanii kan jedhuus kaa'eera.
Akkasumas dhimmoota tarkaanfichaaf sababa ta'an keessaa namoonni kunneen ''odeeffannoowwan dogongorsaa ta'an tamsaasuu fi deeggarsa namoomaa siyaasaaf dhimma itti akka bahamu'' taasisaniiru jechuun himateera.
Gochaawwan kunneenis balleessaa walabummaa biyyattii irratti raawwataman ta'uu Ministeerri Haajaa Alaa ibsa baaseen kaaseera.
Sababii tarkaanfii motummaan fudhate kanaan walqabatees dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa gaggeeffamu akka hin gufanne amantaa qabaachuu ibsuun, hojjattoota biyyaa baafaman kanneen atattamaan bakka buusuun hojiin deeggarsi namoomaa akka itti fufuuf waamicha dhiyeesseera.
Itti dabaluun ammoo miseensoonni hawaasa idil-addunyaa tokko tokkoos gochaa TPLF raawwatu callisuun, tarkaanfiiwwan ittigaafatama mootummaa walabaa tokkoo ta'aniifi gama motummaatiin fudhataman akka rakkootti kaasu jechuun komateera.
Mootummaan Itoophiyaa tibba rakkisaa kanatti dhaabbilee Motummoota Gamtoomanii hawaasa rakkataa jiran gargaaruuf kaayyoo qaban waliin wal ta'uun akka hojjatu, akkasumas dhaabbilee walabummaa fi nageenya biyyaaleessaa biyyattii irratti yaaddoo hintaane kamuu waliin hojjachuu akka itti fufu ibsichaan kaaseera.
Hojjattoonni dhaabbilee Motummoota Gamtoomanii (UN) torba guyyaa Kamisaa akka sa'aatii 72 keessatti Itoophiya gadhiisanii akka bahaniif motummaan Itoophiyaa ajajees kanneen sadarkaalee ittig aafatamummaa adda addaa itti turaniidha.
Isaan keessaayis shanan isaanii kan Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA), tokko ammoo Dhaabbata Deeggarsa Daa'immanii (UNICEF) fi tokko ammoo Komishinii Olaanaa Mirgoota Namoomaa keessa ittigaafatamummaa garaa garaatiin hojjataa turaniidha.
Tarkaanfii mootummaa Itoophiyaatiin fudhatame hordofees barreessaa olaanaa dhaabbatichaa dabalatee, biyyoonni akka Ameerikaa, Yunaayitid Kingdam, Jarmaniifi kaanilleen karaa imbaasiiwwan isaanitiin mormiisaanii ibsanii jiru.














