Teknolojiin hubannoo namtoltee haaraan ChatGPT Atlas jedhamu maaliidha?

Atlaasii fi Google Kiroom

Madda suuraa, Reuters

OpenAI guyyaa Kibxata darbee appii marsariitii haaraa hubannoo namtolcheen hojjatu beeksiise. Kunis kanneen addunyaarratti beekaan kan akka Google Chrome dabaltee appiiwwan kaaniin dorgomuuf kan qophaa'eedha.

Atlas gara hojiitti kan seene abbaan qabeenyaa ChatGPT hubannoo namtolchee (AI) fi fayyadamtoota dabalaa dhufee irraa galii argachuuf malawwan haaraa barbaaduun.

Jalqaba baatii Onkololeessaa kanarratti Hojii gaggeessaa olaanaan OpenAI, Saam Altimaan, ChatGPT'n torbaniitti fayydamtoota miiliyoona 800 akka qabu ibsaniiru. Kunis fayydamtoota baatii Guraandhala keessaa ture irra miiliyoona 400 kan caaluudha.

Atlas gara hojiitti seenuun isaa ammoo OpenAI odeeffannoo fayydamtootaa walitti qabuudhaaf carraa olaanaa uumaaf.

Amaloonnisaa ijoo maalii fa'iidha?

Hojii gaggeessaa olaanaa OpenAI Saam Altaan

Madda suuraa, Reuters

Atlas hubannoo namtolchee appii marsariitii guyyaa waliin walitti makuuf kaayyeeffate ka'eera.

Haala fayydama teessoo barame haambisuun, ''ChatGPT irratti kan hundaa'ee'' jedhu Saam Altmaan.

Fayyadamtoonni odeeffannoo waliigalaa argachuuf, oomishaalee wal bira qabanii ilaaluuf ykn odeeffannoo xinxaluudhaaf marsariitii irratti ChatGPT fayydamu ni danda'u.

ChatGPTn kanfaltiin hojjatu 'Agent Mod' barbaacha akka raawwatuu fi maqaa fayydamtootaatiin marsariitiiwwan waliin wal qunnamtsiisuuf ni gargaara. Hojiiwwan akka karoora imaa fi bittaa onlaayinii kanneen fakkaatan raawwachuuf ni gargaara.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qophii agarsiisa guyyaa Kibxataa raawwatame irratti oggeeyyoon OpenAI Altas akka haala nyaanni itti qopheeffamu barbaaduu fi galteewwan nyaataa akka dhaabbata Instaakaartii irraa bitu ajjajaniiru. Instaakaarti dhaabbata daldala qinxaanoo fi dhiyaassaa Ameerikaatti argamudha.

OpenAi akkasums dhaabbilee beekamoo tajaajila imalaa kennan waliinis waliigaltee akka qabu beeksiisera.

''Marsariiwwan akka Atlaas hubannoo namtolcheen hjjatan, appiitti fayydamuuf caalaa mijatoodha. Sababiinsaas sararawwan adda addaa darbuurra, doowwachuu fi kamiitu siirrii akka ta'e ilaaluu caalaa amma marsariitiiwwan walitti qabuun argachuun ni dandeessu'' jedhu Koleejjii Kingis Landaniitti Ittigaafatamaa Insititiyuutii Namtolchee kan ta'an, Pirofesar Elenaa Siimparl.

Haata'u malee, cuunfaa argatan sirrii ta'unsaa shakkisiisaa ta'u akka danda'u akeekkachiisaniiru.

''Rakkoo ChatGPT tokkoo tokko dhimma marsariitii amanaman barraa'e isa madda hin amanamneen barraa'en adda baasuu dadhabusaati'' jedhu itti dabaluun.

Yaaddoo hoo qabaa?

ላፕቶፕ

Madda suuraa, PA Wire/PA Images

OpenAI Atlaasiif ittisa tolchuu ibsulleen garuu bakka fayyadamtootaa tarkaanfii fudhachuu kan danda'u bakka bu'aan balaawwan akka qabaatu amaneera.

Haala eegumsa kanneenntti, Appichi koodiiwwaniitti kennuu, galmeewwan buusuu ykn appiiwwna kaan argachuu hin danda'u. Marsariitiiwwan icciitii ta'an kan akka baankiiwwan irratti dhaabuun hin danda'amu. Fayyadamtoonni saaxilamumaasaanii hir'isuudhaaf osoo enyumaa saanii hin beeksiisiin raawwachu ni danda'u.

Qajeelfamoota dabaa kanneen marsariitiiwwan ykn imeeliiwwan keessa dhokfaman dabaltee, dogongorriiwwan akka jiraatan OpenAI ni akeekkachiisa. Isaaniis gara tarkaanfiiwwan hin barbaadamne ykn hanna daataatti geessuu danda'u.

Dhaabbatichi yaaliiwwan bal'aa taasisuu fi saaxilamummaa hir'isuu akka itti fufuu dubbatulleen, fayydamtoonni yoo odeeffannoo qoodanii fi bittaa yoo raawwatan akka of eegan gorseera.

''Hanga ammaatti odeeffannoowwan keenya harka dhaabbilee hin amanamne olkaa'aa jirra'' jedhan Pirofesar Siimparl.

"Kana yaaluudhaaf xiqqoo akkan of eegu na taasisa'' jedhan itti dabaluun.

Atlaas kan seenaa barbaachaa yaadachiisuu fi yoo gaafatameettis dhiyeessuu kan dandeessisu 'Browser Memories' ni hammata.OpenAI garuu kana kan ''gutummaa guutuun akka filmaataatti dhiyaate waan ta'ef yeroo hundaa to'annoo keessan jala jira'' jedha.

Atlas gara gabaa kan seene yeroo OpenAI daandiiwwan itti maallaqa argatu barbaadaa jiruuttiidha

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Google'n ni dorgomaa laata?

Fayyadamtoonni interneetii hedduun yoo gorsaafi deebiiwwan barbaadan moodeeloota (LLMC) Afaanii gurguddaa kan akka ChatGPT fayyadamu filataa jiru.

Fayyadamtoonnis appiiwwan beekamoo akka Google jiran caalaa meeshaalee dogommii odeeffannoo walitti qabu kan fayydamu kan akka Atlas fakkaatan hubannoowwan namtolcheen baayyinaan akka dhufan gargaaru danda'a.

Dhaabbanni qorannoo Daatoos akka ibseetti, Adooleessa 2025 irraa kaasee appiiwwan Desktop irratti barbaachawwan taasisan %5.99 ta'an karaa LLMC'tiin raawwataman. Kunis kan waggaa tokkoon dura tureen dachaan caalaa.

Google garuu hubannoo namtolcheerratti invastimantii olaanaa taasiseera. Bara darbe gaaffiiwan bu'aa barbaachaa keessatti dhiyaataniif hubannoo namtolcheen gargaaramuun deebii kennuuf dursa kennuun dhiyeessuu eegaleera.

Baatii darbe keessa ammoo, Google moodeelii Jeeminaay AI Chrome waliin walitti makuun fayydamtoota Ameerikaatiif dhiyeessera. Jemiinaay gara Appii IOS Chrome fiduuf karoorfateera.

''Fayyadamtoonni duraa OpenAI haara irratti dhiibbaa akka qabaatan nan amana'' jechuun Hojii gaggeessaa olaanaan Tarsimoo fi Insaayit Yamuur, Paat Muurheed kan dubbatan.

Atlas Chrome ykn Microsoft Edge irratti qormaata cimaa uumaa laata kan jedhurratti shakkii akka qaban dubbatan. ''Hirmaattoonni ijoo baayyeen, jalqabdoonnii fi fayydamtoonni korporeetii adeesa kana hanga argataniitti ni eegu'' jedhan.

Microsoft Edhe har'a hojimaatawwan kanneen ni dhiyeessaa jedhu. OpenAI Atlas gara gabaa kan gale yeroo Google barbaacha interneetii iratti olaantummaa akka qabu erga mirkanneessee waggaa tokkoon boodadha.

Fulbaana 2025 olaantummaa Google dhaabuudhaaf yaadni murtee kennamulleen, dhaabbatichi akka appii Chrome balleessi dirqisiisuun hin dana'amne.

Dorgommiichi cimulleen Google Chrome olaantummasaa qabate tureera. Baatii Fulbaanaa keessa gabaa barbaacha odeeffannoo addunyaa keessatti %71.9 gahee gabaa akka qabu Istaat Kaawuntar gabaaseera.

Xinxaltoonni akka jedhaniitti, filmaanni haaraan OpenAI irraa dhiyaate kun galii beeksiisaatiif dorgomaa haaraa fiduu aka danda'u dubbatu.

''Chat gara appii marsariitiitti galchuun beeksiifniiwwan OpenAI gurguramu akka eegalaniif haala dureedha. Kanas hanga ammaatti hin raawwanne. OpenAi beeksiisawwan gahee beeksiisa Google keessaa gahee olaanaa fudhachu kan danda'u gurguruu eegala. Google galiisaa keessaa kan %90 ta'u beeksiisa irraa argata'' jedhu xinxalaan Dii'e Deedaaviidist, Giil Luuriiyaan.

Yoom gara hojii seena?

Ammaan tanatti ChatGPT Atlas sirna 'Operating system Apple Max Os' irratti bilisaan, fayydamtoota plus, Pro fa'iif ni dhiyaata.

Sadarkaa manaatti ammoo daldalaaf hayyama irratti hundaa'ee, dhaabbileedhaa fi fayydamtoonni argachu ni danda'u.

OpenAI akka jedhetti yoo ta'e, fayydamtota IOS fi Android fa'iif ammoo yeroon booda ni dhiyaata.