Saayintistoonni sammuu namaarraa kompiitara hojjechuutti jiru

Waan asoosama saayinsii fakkaatu garuu qorattoonni lakkoofsaan muraasa tahan seelii lubbuu qaburraa kompiitara hojjechuuf jijjiirama fidaa jiru.
Gara addunyaa koompiitaroota baayookeemikaalaa irraa hojjetamanitti baga nagaan dhufatan.
Damee kanaan qorannoo taasifamu irratti kan hogganaa jiru saayintistoota Siwiizarlaandidha.
Gaaf tokko, wiirtuu daataa(server) ''lubbuu qabu'' akkatti hubannoon nam-tolchee baratu fakkeessuun hojjechuuf fedhii qabu.
Mul'atni Dr Fred Joordaan hundeessaan FinalSpark kana dhugoomsuudha.
Yeroo ammaa kana yaada sooftweeriifi hardweerii kompiitaraa waan jedhamu beekna.
Dr Joordaaniifi kanneen damee kana keessa jiran kaan waan kalaqaa jiran ''wetware'' jechuun moggaasaniiru.
Jecha salphaan, tuuta niwuroonotaa orgaanooyid jedhaman uumuun elektroodiwwanitti maxxansuun - akka koompiitara xiqqootti fayydamuudhaani kalaqnisaanii kan jalqabu jechuudha.
Akka Dr Joordaan jedhanitti yaad-rimeen koompiitara baayookeemikaalaa uumuu namoota baayyeef liqimfamuu dhiisuu mala.
''Asoosama saayinsii keessatti garuu namoonni yaada kana akkaan baraniiru,'' jedhe.
''Yeroo ati niiwuroonii akka maashinii xiqqoottin fayyadama jettu, sammuu keenya addatti akka ilaalluufi ''nuti eenyu kan jedhurratti gaaffii kaasuu mala,'' jedhan.
Dhaabbata FinalSpark jedhamu kanaaf seelii qaama namaarraa fudhatameen jalqaba. Kanas kiliinika Jaappaan irraa kan bitan yoo tahu, achitti seelii kana namoonni arjooman eenyummaan isaanii hin beekamu.
Tahus hanqinni dhiyeessii jiraachuu mala.
''Namoonni nu gaafatan baayyee jiru,'' jedhu.
''Garuu nuti seelii kan fudhannu kanneen gahumsi isaanii mirkanaa'e irraati, sababiinsaas qulqlullinni seelii murteessaa waan taheef,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kutaa laaboraatorii Dr Joordaan faa keessatti sammuun xixiqqoo seelii irraa tolfaman mul'atu isaaniis ''orgaanooyids'' jedhamu.
Sammuu namaa wal-xaxaa tahetti cirumaa hin siqan garuu waan sammuun irraa ijaarame fakkaatu hunda qabu.
Adeemsa ji'oota fudhatu keessa erga darbaniin booda orgaanooyidooti kunneen elektrooditti maaxxanuun ajaja kiiboordii salphaa akka deebisan gaafatamu.
Qormaata salphaa tahe dha: ergaa elektiriikii karaa elektiroodotaan dabarsita kuni egaa yeroo baayyee hin hojjetu garuu yoo hojjete iskiriinii irratti deebii argita jechuudha.
Dr Joordaan orgaanooyidooti akkamiin hojjetuufi maaliif kan jedhu waan hubatan muraasa tahuu kan himan yoo tahu kunis xiqqoo akka isaan aarsu himu.
Amma waan fakkeessuudhaan hojjetaa jiran galma isa guddaa koompiitara baayokeemikaalaa tolchuu keessatti shoora guddaa qaba.
''Hojiin AI yeroo hunda wal-fakkaataa dha,'' jedhe.
''Wayii itti kennita, achii wayii deebisee sii kenna.
''Fakkeenyaaf suuraa adurree kenniteefi akkanii adurree kana baree sitti himu goota,'' jechuun ibsa.
Koompitara baayookeemikaalaa lubbuun tursuu
Koompiitara amma itti fayyadamaa jirruu hojii akka itti fufu gochuun salphaa dha. Annisaa elektiriikii qofa barbaada. Koompiitarri baayokeemikaalaa yoo tolfame garuu maaltu taha?
Saayintistoonni ammaaf kanaaf deebii hin qaban.
''Orgaanooyidooti ujummoo dhiigaa hin qaban,'' jedhan Kooleejii Impeeriyaal Landanitti piroofeesariin Niwurooteeknolojii Saayiman Iskaaltiiz.
''Sammuun namaa ujummoo dhiigaa qaba waan taheef soora barbaachisu isaaf kennuun akka hojii itti fufu godhaanii''.
Dhaabbatni FinalSpark waggoota darban afuran gama kanaan jijjiirama galmeesseera. Orgaanooyidooti amma hamma ji'a afurii turuu danda'u.
Komppitarooti baayokeemikaalaa kunneen yeroo du'an ykn annisaa fixan sochii dhikkisa onnee namaa fakkaatu agarsiisu, sochiin yeroo du'aa sammuu namaa keessatti mul'atus irratti mul'ateera.
Akka Dr Joordaan jedhanitti haala kanaan kompiitaroonni baayokeemikaalaa 1000-2000 tahan waggoota shanan darban keessatti du'aniiru.
''Maaliif kmpitaroonni kunneen akka du'an gatii baruu hin dandeenyeef hojji dhaabnee hubachuuf yaalaa jirra, irra deebines gara yaaliitti galla,'' jedhe.
Piroofeesar Iskaaltiiz karaa addaa fayyadamuu kana ni deeggaru.
Piroofeesar Iskaaltiiz koompiitaroota kunneen sodaachuu hin qabnu koompiitarootuma waantota lubbuu qaban garagaraa irraa tolfamanidha jedhan.
Hojiirra oolmaasaa
Dhaabbata FinalSpark qofaa miti dhimma koompiitara baayookeemikaalaa irratti kan hojjechaa jiru.
Dhaabbanni Awustiraaliyaa Koortikaal Laabs jedhamu niwuroonii kan akka sammuu keessaa uumuun geemii poong akka taphatu taasisuu himeera.
Ameerikaa Yunivarsiitii Joon Hoopkiins keessatti ''sammuu shishifii'' tolchuun akkatti isaan odeeffannoo fayyadaman hubachaa turan-kuni garuu dhibee fayyaa sammuu kan akka Alzaayimarii faa fayyisuuf kan faayidaarra oole ture.
Abdiin jiru AI qorannoowwan akkasii saffisiisuu danda'a kan jedhudha.
Ammaaf Yunvarsiitii Joohn Hoopkiinsitti Dr Liinaa Ismiirnoovaa argannoon wetware jedhamu sadarkaa jalqabaarra jiraatus kan nama gammachiisuu dha jetti.
''Baayokoompitaroonni AI isa silikooniidhaan hojjetu gargaaruu dha qabu malee bakka buusuu hin qaban,'' jetti.
Piroofeesar Iskaaltiiz, ''koompiitaroota amma jiran bakka bu'uu hin danda'an garuu oommisha biraa argachuun gaarii dha,'' jedhan.
Teeknolojiin kuni jireenya namaa keessatti hojiirra yoo ooluu baateyyuu, Dr Joordaan garuu ammallee asoosama saayinsii keessatti seenaan jiruun baayyee daniqamu.












