Saayintistonni yeroo jalqabaaf gogaa namaarraa miciree ulfa ta'u uuman

Miciree mala haaraan tolfame

Madda suuraa, OHSU/Christine Torres Hicks

Saayintistoonni Ameerikaa miciree dhala namaa sadarakaa jalqabaarra jiru DNA seelii gogaa namaarraa fudhatame isparmii waliin makuun tolchan.

Malli kuni seelii qaama namaa kamirraayyuu fudhatame fayyadamuun dhala dhabuu dhukkubaafi dullumaan dhufu hambisuuf gargaara jedhameera.

Kilinikooti hormaataa fayyadamuun dura malli kuni hojiirra ooluuf waggoota kurnaan lakkaa'aman fudhachuu danda'a jedhameera.

Ogeeyyiin malli kuni argannoo guddaa akka tahe himanii waan saayinsiin fiduu danda'u irratti mareen ifaa adeemsifamuu qaba jedhan.

Wal hormaatni dhimma salphaa isparmiifi hanqaaquun wal-kiphuun booda micireen uumamee ji'a sagal booda daa'imni kan ittiin dhalatu dha.

Yeroo ammaa saayintistoonni seera kana geeddaraa kan jiran yoo tahu qorannoon miilanaa seelii gogaa dhala namaa fayyadamuurraa jalqaba.

Yunivarsiitii Fayyaafi Saayinsii Oriigan keessatti gareen qorannoo kuni seelii gogaa namaa irraa niwkilasii fudhate. Niwkilasiin kunis odeeffannoo qaccee sanyii guutuu kan qabate dha.

Kanaan booda hanqaaquu arjoomaan kenname garuu qajeelfamooti qaccee sanyii irraa kaafaman keessa kaa'ama.

Hamma qabxii kanaatti adeemsa hoolaa Doolii jedhamtu tolchuuf mala bara 1996tti hojiirra ooleen tokkuma.

Haa tahu malee hanqaaquun seelii gogaa fudhate kuni cimdii kiroomoozoomii guutuu waan qabuuf isparmiin waliin fertilaayizeeshinii uumuuf qophii miti.

Namni tokko cimdii DNA kan haadhaafi abbaa irraa 23, 23dhaan 46 fudhatee dhalata kana jechuun hanqaaquun kuni hundasaa qaba jechuu dha.

Kanaaf sadarkaan itti aanu hanqaaquun haaraa kuni kiroomoozoomiisaa 23 akka gatu gochuu dha, adeemsi kuni mitoomiyoosiis jedhama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon joornaalii Nature Communications jedhamu irratti bahe akka agarsiisu adeemsa kanaan hanqaaquun fayyaa 82 uumamuu danda'eera. Kunneenis isparmiidhaan yoo walitti makaman gara micireetti kan guddatan yoo tahu guyyaa jaharra darbuu garuu hin dandeenye ture.

''Waan kanaan dura hin danda'amu jedhamee yaadamu fiixaan baasuu dandeenyeerra,'' jechuun Piroofeesar Shookraat Mitaalipoov Yunivarsiitii Fayyaafi Saayinsii Oriigan hogganaan wiirtuu seeliifi qaccee sanyii himan.

Hanqaaquun kiroomoozoomii walakkaa gaafa gatu akka feeteen waan filatuuf malli kuni hojiirra ooluuf baayyee fagoo jira.

Gama biraan ammoo kiroomoozoomiin adeemsa murteessaa tahe bira taruun hamma milkaa'ina mala kanaa %9tti gad buusa.

Piroofeesariin qorataa dhimma kanaa Mitaalipoov, ''mala kana sirriitti qixeessuu qabna,'' jedhan.

''Dhumarratti gara kanaa deemuu qabna sababiinsaas namoonni daa'ima godhachuu dadhaban baayyeen jiru,'' jedhan.

Teeknolojiin kuni damee qorannoo isparmiifi hanqaaquu qaama dubartiin alatti gabbisuu vitroo gaamiitoojeenesiis jedhamu keessaa tokko dha.

Malli kuni ammallee argannoo saayinsiiti malee sadarkaan kilinikaan waan hojiirra ooluuf gahe miti. Kaayyoonsaa maatii hanqaaquufi isparmii gatii hin qabneef karaa IVF ijoollee argachuu hin dandeenye gargaaruu dha.

Namoota sababa kaansariin faa daa'ima godhachuu hin dandeenye gargaaruuf oolu fa'i danda'a.

Malli kuni seelii gogaa dubartii qofa osoo hin taane kan dhiiraas fayyadamuu ni danda'a.

Jaalattoonni saal-walfakkaataa illee mala kanaan daa'imman qaccee sanyii isaanii qaban akka dhalatan gochuuf gargaaraa jedhameera.

Miciree

Madda suuraa, OHSU

Amantii uummataa ijaaruu

Yunivarsiitii Haalitti piroofeesariin fayyaa wal-hormaataa Roojar Istaarmii argannoo saayinsii kuni ''murteessaa fi waan ajaa'iba,'' tahe dha jedhan.

Haala wal-fakkaataan,''dhimma teeknolojii wal-hormaataa irratti mareen hawaasaa akka itti fufu jajjabeessuu,'' jedha

''Argannoon saayinsii akkasii bulchiinsaafi itti gaafatamummaan amantii hawaasaa ijaaruun barbaachisaa dha,'' jedhan.

Piroofeesar Riichaard Andarsan hogganaa ittaanaa wiirtuu qorannoo wal-hormaataa Yunivarsiitii Endanbiraati. Hanqaaquu haaraa tolchuu danda'uun ''argannoo guddaa dha,'' jedhan.

Dabaluunis, ''dhimma kanarratti dhimmi amanamummaa nageenyaa adeemsichaa ka'uu danda'a garuu dubartoota baayyee daa'ima sanyiisaanii qabu akka godhatan gargaara,'' jedha.