Daa’ima miciree ganna 27 ol kaa'amee ture irraa dhalatte

Madda suuraa, Courtesy National Embryo Donation Center
Dhalootni daa’ima Mooli Gibsan, kan Onkololeessa bara kanaa dhalattee, adeemsa waggaa 27 fudhatedha.
Micireen ishee Onkololeessa 1992 kan cabbii keessa ol ka’ame yoo ta’u, Guraandhala 2020 Tiinaa fi Been Gibsaniin guddiffachaan fudhatame.
Mooliin miciree yeroo dheeraa booda dhalatteen rikoordii haraa kan cabsite yoo ta’u, rikoordii kana kan qabatee ture obboleetti ishee Emaadha.
“Guddaa gammanneerra,” jetti Tiinaan. “Ammayyuu ana ajaa’iba.”
“Utuu waggaa shan dura daa’ima durbaa tokko utuu hin taanee lama akkan qabaadhu natti himteetta ta’ee maraattee jirtan sin jedhan ture,” jetti.
Utuu maatiin Tiinaa oduu irratti waa’ee guddifachaa hin dhaga’iin dura, maatiin kun waggaa shaniif daa’ima godhachuu dadhabanii turani.
“Seenaa keenya kan qooduu barbaanne kanaafidha. Utuu maatiinkoo kana oduu irratti hin dhageenye ta’e, yoona as hin jirru,” jetti dubartiin ganna 29 Tiinaa.
Tiinaa, barsiistuu kan taate fi abbaan manaa ishee Ben, ogeessa eegumsaa ganna 36, Wiirtuu Gumaachaa Miciree Biyyaalessa (NEDC), dhabbata tola olaa Kiristaanaa Nooksiviil jiru kan miiciree gumaachame kuusu waliin wal qunnamani.
Maatiin akka warra Giibsan miciree kana keessa tokko guddifachaan fudhachuun da’ima dhigaan kan isaani hin taane da’uu danda’u.
Akka NEDC jedhutti US keessa amma micireen dhala namaa miiliyoona tokko ta’an kuufamanii jiru.
Daarektarri guddinnaa fi daldalaa NEDC, Maark Melliger akka jedhutti, kanneen miciree guddifachaan fudhatan keessa hedduun isaani maatiilee dhala godhachuu hin dandeenyedha jedha.
“Guddifachaa kan taasisan keessa %95 kan ta’an kanneen dhala godhachuu hin dandeenyedha jechuu nan danda’a,” jedha.
“Hojii kana hojjachuu danda’uu keenyaan kabaja fi koraatu nutti dhaga’ama,” akkasumas jalaalleewwan maatii isaani bal’isuu barbaadan gargaara.
Guddifachaa miciree isaanii isa jalqabaan Tiinaan bara 2017tti Emaa deesse. Halkaan daa’imaaf argachuuf kadhannaan hirriba dhabdu gara halkan harmee ta’uun hirriba dhabuutti geeddaratte.

Madda suuraa, Courtesy National Embryo Donation Center
“Kun dadhabbii namatti toludha,” jetti.
Ijoolleen isaanii , Moolii fi Emaa obbolaa dhiigaadha. Micireen lamaan isaanii kan gumaachaamee ka’ame bara 1992tti yoo ta’u yeroos Tinaan daa’ima ganna tokkoo taatu.
Emaan obboleetti ishee quxisuu ni jaallatti jetti Tiinaan.
“Nama agartuu hundaatti ‘elaa obboleettiikoo ishee quxusuu Moolii’ jechuun wal barsiifti,” jetti. Tiinaan wantoota ijoollee ishee lammaan ittiin wal fakkaatan arguu ni jaallatti.
Akka NEDC jedhutti umuriin miciree ol ka’amee murta’aadha. Ta’us garuu bara teeknoolojiitti micireen bara 1984tti ol k’ame Awustraaliyaa keessatti dhalateera.
“Yeroo tokkotti guyyaan itti micireen ganna 30f ol kaa’ame dhalatu jiraachuu danda’a,” jedha Meelingar.


















