Daa'imni ilkaan waliin dhalatte guyyaa 12 booda buqqifameef

Madda suuraa, JASMIN HEASMAN
Daa'imni ilkaan waliin dhalatte guyyaa 12 booda ilkaan ishii waldhaansa fayyaan buqqifamef.
Haatii Islaa Rooz jiraattuun biyya UK magaalaa Pilaaymaawuz, umurii kanatti daa'ima ishee yaala ilaakniif gara waldhaansa fayyaa nan geessa jettee yaaddee akka hin beekne dubbatte.
''Socho'u waan tareef buqqifachuu qabdi ture. Ana caala goota dha, hin boonye'' jetti Jasmiin.
Ogeeyyiin gidduu gala yaala ilkaanii ''Seven Trees'' Islaa Rooz nama umurii xiqqaa yaala ilaakniif isaan bira dhuftee akka taate himan.
Daa'imman hedduun ilkaan soogiddaa kan biqilchuu eegalan ji'a jahaa eegalee ta'us, kaan ji'a afuriittis waggaa tokko boodas ni biqilchu.

Madda suuraa, JASMIN HEASMAN
Akka ragaa Waldaa yaala ilkaanii Briiteenitti(BDA) daa'imman 2,000 keessaa tokko carraa ilkaan waliin dhalachuu qabu.
Hidda jabaa waan hin qabneef osoo hin buqqa'u.
Ogeeyyiin fayyaa ilkaanii ilkaan akkasii waayita haatii harma hoosiftu rakkoo qabaachuu mala jedhu.












