Dubartiin Ameerikaa daa'ima korojoo keessa dhoksitee Filippiinsiiti ba'uf yaalte himatamte

Madda suuraa, EPA
Lammii Ameerikaa kan taate dubartiin takka daa'ima reefu dhalate korojoo keessa dhoksitee biyya Filippiinsiiti ba'uuf osoo yaaltu to'atamte yakka daddabarsa dhala namaan himatamte.
Jenifar Taalbot, 43, buufata xiyyaaraa idil addunyaa Ninooy Akuwinoo magaalaa Manilaatti gaafa Roobii to'annoo jala oolte.
Daa'imni dhiiraa umrii guyyaa ja'a kun korojoo ishee keessatti kan argame yeroo isheen xiyyaara Ameerikaatti imalu yaabuuf yaltutti akka ta'e himameera.
Aanga'oonni akk jedhanitti Jenifar daa'ima kana qondaaltoota immigireeshiniitti akka hin beeksisne himu.
Dhaabbatni qorannoo biyyaalessa Filippiinsi NBI Jenifer "daa'ima kana dhoksitee biyyaa baasuuf yaalte" jechuun hima.
Harmeefi abbaan daa'ima kanaa heera kunuunsa daa'ima jalatti himatamanii akka jiran anga'onni dubbatu. Daa'imni kunis eegumsa dhaabata taajajila hawaasummaatti kennamee jira.
Aanga'onni akka himanitti Ohayoo irraa kan taate Jenifar waraqaa eeyyama balaliis ta'e dokimaantii daa'ima kamiyyuu dhiyeessuu hin dandeenye.

Madda suuraa, Bureau of Immigration
Kamisa har'aa himannaa irratti dhiyaate beeksisuun ibsa midiyaaleef aanga'ootaan laatame irratti Jenifar Taalbot argamteetti. Yaada garuu hin kennine.
Hogganaan dhaabbata NBI damee buufata xiyyaara, Manuwel Dimaano, yoo himannaa irratti dhiyaaten yakkamtu ta'uun ishee mirkanaa'e hidhaan umurii gutuu irratti murtaa'uu danda'a jechuun gaazexeessitootatti himeera.
Dhimmi to'annoo jala oolu Jenifar Taalbot qondaaltota Imbaasii Ameerikaatti himamuu isaa AP'n gabaaseera.
To'annoo jala ooluun booda Jenifar dokimantii daa'ima kana Ameerikaatti fudhachuuf naa eeyyamudha jettu dhiyeessiteetti jedha NBI.
Ta'us dokimantiin kun harmee daa'ima kanaan akka hin mallatteeffamne NBI ni hima.














