Baahirdaar: Iyya shamarran baadiyyaa irraa gara magaalaa godaananii

Salaam (kan barreeffama kanaaf jedhamee maqaan geeddarame) gara magaalaa Baahidaar kan godaante baatii sagaliin dura ture. Shamarreen waggaa 14 kun mana warrasheetii bahuuf kan dirqamte abbaa ishee waliin wal dhabdeeti.
Hiriyaan ishee osoo badanii gara magaalaa deemanii hojii argachu akka danda'a irra dedeebbiin itti himaa turte.
''Hiriyaan tiyya yaa bannuu naan jechaa waan turteef, abbaan kiyya baradhu naan jennaan nan dide,'' jetti.
Hiriyaan ishee magaalaa Baahirdaar waan beektuuf waliin badanii mana namaatti kununsituu daa'imaa taatee hojjachuuf yaada qabaachushee himti.
Booda garuu murtoon ishii sirii akka hin taane gaafa hubattu yaada ishee akka geeddarte dubbatti.
''Abbaan kiyya nan baradha jennaan deebisee lakkii naan jedhe" jetti akka wal-dhabdeen jidduu isaaniitti umamuu eegale yoo himtu.
Kanaafu yaada hiriyaa ishee waliin irratti waliigalan hojiirra olchuuf murtessite.
''Manaa maallaqa fudhadhee ergan bahee booda hiriyaa tiyya waliin naannoo jiraanyaa keenya gadi dhiisnee waliin badne.''
Salaam haala akkasiitiin rakkina keessa galte. Gara mana warrasheetti akka hin deebiineef mallaqni hattee baate danqaa itti ta'e.
Gara Baahirdaar akka hin imalleef ammoo maallaqa geejibaaf ishee gahu waan hin qabneef filmaata biraa yaaluuf dirqamte.
''Magaalaa biraa deemuun hojjachuun eegale. Maallaqan warra kiyya jalaa hate bahes karaa nama gabaa dhufuutiin deebisee ergeef.''
Erga maallaqa geejibaaf ishee gahu walitti qabatteen booda imala ishee gara magaalaa yaadaa turte Baahirdaariitti qajeelte.
Haa ta'u malee magaalaa sana keessaa nama beektu hin qabdu. Hiriyaan ishee magaalicha beektus maallaqa ishee fudhachuun jalaa miliqxee jirti.
Abdiin ishee tokkichi faddaalaadhaan mana namaa qaxaramuudha.
''Akkuman Baahirdaar gaheen faddaalichi gara manasaatti na fudhatee gale. Achumaanis halkanuma jalqabaatti dirqisiisuun na gudeede'' jechuun waan irra qaqqabe BBC'tti himte.
Faddaalichis eenyuttuu homaa hin himiin jechuun erga akeekkachiiseen booda mana namaatti qacarsiiseen.
Isheenis miidhaa irra qaqqabe dhokfachuun hojjachuu eegalte. Baatii lamaaf mana nyaataa, isaan booda baatii sadiif mana jireenyaatti qacaramuun hojjatte.
"Na beeleessiti ture"
Hojiin akka yaadde salphaa hin turre. Humna daa'ima waggaa 14'tiin kan danda'amu hin turre.
Keessattu mana itti qacaramtetti miidhaan irra gahu baay'ee cimaa dhufe.
''Maaliif akka ta'ee hin beeku na beeleessiti" jetti waa'ee hojjechiiftuu ishee yoo dubbattu, "hojiin ammo baay'ee ulfaata,'' jetti.
Hojii geeddarachuu barbaaddee kan hojjatteef kanfaltii gaafannaan dubartiin hojjachisaa turte akka reebde himti.
''Yoo barbaachise ammoo maallaqa kanfaleeraaf jedheen poolisoota biratti sirratti rageesisa" jechuun doorsisaa akka turtes himti.
Boodas shufeerii tokkoof kanfaltee "bakka ani hin beeknee akka na geessu" itti himte jetti. Inni garuu gara buufata poolisii akka ishee geesse himti.
Poolisiin erga jecha ishee irraa fuudheen booda gara dhaabbata shamarran daandiirra jiraatan bayyanachiisuu magaalattii keessa jiru tokkoo akka galcheen dubbatti.
Dhaabbatichi Salaamiin dabalatee daa'imman daandiirra jiraatan, kanneen miidhaan saal-qunnamtii irra qaqqabee fi dubartoota balaaf saaxilamtoota ta'an deeggaru erga jalqabee waggoota 10 lakkofsiiseera.
Salaamis erga gara dhaabbatichaa galtee kaasee deeggarsi nyaataa, uffannaa, bakka bulmaataa fi deeggarsi qor-qalbii ni taasifamaaf.
''Akkan asi dhufeen baay'ee na dhiphisa ture. Maatii kiyyaaf yoo bilbilan 'ishee hin barbaannu' jedhan. Ani kana hin beekun ture."
"Si hin jaalatan" jedhanii yoo natti himan baduuf foddaarran utaalee bahuuf yaalee beeka jechuun waan keessa dabarte himti.
Gorsi dhaabbatichatti keennamuuf tasgabbiin akka jiraattu taasisuun alatti, gudeeddii dirqii irratti raawwatame yeroo jalqabaatiif akka himattuuf gargaareera.
Tajaajila gorsaatiin alattis, rakkinni fayyaa gudeedamuun walqabatee mudate yoo jiraate adda baasuuf qorannoon fayyaa taasifameefiira.
''Na qorachisuun fayyaadha naan jedhaniiru,'' jetti.
Aadde Sannaayit Gadaamu dhaabbata shamarran daandiirraa bayyanachiisuu kana keessatti gorsituu ta'uun tajaajilaa jirti.
Shamarran gaa'ila umurii malee fi miidhaan quunnamtii saalaa irra gahee baay'inaan gara dhaabbatichaa dhaqaa akka jiran dubbatti.
''Daa'imman umurii isaanii malee herumsiifaman maatiisaanii fiduun ni gorsina. Daa'imman barachu akka qaban itti himuun maatiinis akka hin herumsiifnee waadaa erga galchineen boda maatiisaanii waliin walitti makna."
Daa'iimman miidhaan saalaa irra qaqqabee ammoo dahoo seeraa argachuun haqa akka argataniif ni deeggarra'' jetti.
''Dubartoota jajjabeessuu fi gorsuun dhimmicha dagatanii jireenya fooyya'aa akka jiraataniif ni gargaarra."
Aaddee Sannaayit akka jedhanitti, shamarran dhaabbatichaa keessaa erga bahanii boodas barnoota eegalusaaniifi haala keessatti argaman ni hordofu.
Amajjii irraa eegalee baatiiwwan sadan jiran qofa keessatti dubartoonni 38 gara dhaabbatichaa kan dhufan yoo ta'u, jiddugalaan waggaatti dubartoota 150 akka keessummeessan himu.
Daa'imman kan gara dhaabbatichaa fidu ammoo poolisiidha.
Poolisoonni dubartootaa miidhaa dubartoota irra gahuu irratti hojjatan buufataalee poolisii magaalattii hunda irratti argamu.
''Daa'imman haala seeraan alaatiin daddabarfamanii dhufanis ta'e kanneen hawaasni gara poolisiitti ergu, nuti gara dhaabbatichaatti geessina" jedhu dhimma kanarratti kan hojjetan Saajin Mallas Alamuu.
"Dhaabbatichis hojii maatii waliin waliitti makuu hojjata,'' jedhu.
Ijoolleen fira hin qabne ammoo dhaabbaticha keessatti barnoota akka hordofan kan taasifamu yoo ta'u, kanneen umuriin isaanii hojiif gahe lafa balaaf hin saaxilamnetti akka hojjataniif ni gorfamu.
Dhaabbatichatti itti gaafatamaan waajiira pirojaktii dame Baahirdaar Obbo Daani'eel Gizaawu gama isaanitiin, dhaabbatichi A.L.I bara 2000 irraa kaasee fedhiiwwan bu'uuraa daa'immanii guutuun alatti deeggarsi qor-qalbii akka taasifamuuf ni dubbata.
''Galmi guddaan daa'imman osoo daddabarsa seeraan alaatiin naannawa isaaniitii hin fagaatiin deeggarsa taasisuudha.
"Kanaanis daa'imman kuma lamaa ol gargaaru danda'uun jijjirama olaanaadha'' jedhu.
Abdii maatii arguu
Dhaabbatichi shamarran miidhaan saalaa irra qaqqabe gara seeraa akka deeman ni taasisa.
Shamarree Salaam garuu carra qabeetti hin taane. Faddaalichi ishee gudeedee eessa akka jiraatu waan hin beekneef namticha seeratti dhiyeessuun hin danda'amne.
Karaa dhaabbatichaatiin akka maatii isheetiin walitti makamtuuf hojjatamaa jira. Bu'aa isaas haalaan eeggataa jirti.
''Guyyaan itti deebi'uu eeggachaan jira. Haati kiyya baay'ee ija dura na deemti'' jetti imiimmaan ija guutaa.
''Gara biyya kiyyaatti yoon deebi'ee barnoota barachuun barbaada,'' jechuun abdii qabdu ibsiti.














