Viidiyoon qunnamtii saalaa attamiin jireenya dubartii kanaa miidhe

Tiziana Cantone

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Haatii Tiziana intal ishee akk bareeddu garuu kan saaxilamteetti yaadatu

Shamarree Tiziana Kaantone of ajjeesuuf taateewwan raawwataman tarii sakandiiwwan muraasa caalaa hinfudhanne.

Ebla bara 2015 keessa namni umurii 31, jiraataan Naaples Itaalii manadara Mughaano irraa viidiyoowwan qunnamtii saalaa mul'isantu walitti aansuun karaa WhatsAppiin namoota shaniif eergame.

Namoota viidiyoo kana argatan keessaa tokko hiriyaa dhiiraa intala kanaa duraanii kan ta'e Sergio Di Palo; kan waldhabbii keessatti argaman.

Viidiyichis wayita isheen qunnamtii saalaa dhiroota hinbekamne baayyee waliin raawwatu kan mul'isu ture.

"Baayyee bareedduufi kan naasu hindandamannee turte,'' jetti Taarezaa Petris hiriyyanshee kan waaggoota 15. ''Isheenis namoota dogongoraa waliin lafa dogongoraa turte.''

Vidiyichis battalumatti qoodamuun marsariitiiwwan gaheessootaa hedduu irratti maxxanfame.

Gochiwwan qaamaa warraabbicha irratti ture bahee hinmul'annee ture. Garuu jechi Tiziana Kaantone tokkichi dhagahame.

Isheenis namicha kaameeraa waraabaa tureen ''viidiyoo waraabaa jirtaa?'' jechuun gaafatte. 'Waan gaaridha!'

Jechi ishee kunis akka waan waraabamu isheetti gamadaa jirtuutti ibseen. Jechi ishee kunis namoonni ofi qabiinsa tokko malee akka viidiyicha dowwataniif heeyyema kenneef.

Erga isheen waraabamuuf baayyee gammadoo taatee, dowwachuuf akka itti hingaddine amanan.

Garuu warri Itaaliyaanota dowwachuun caalaa jecha ishee gara mataduree barreeffamaatti geeddaran.

Suuraan ishees hamizii fi marsariitiiwwan deebiisanii waa maxxansa irratti bahuu eegale.

Namni kamiyyu isheef ofi eeganno taasisee hinturre. Garuu kunis baayyee dogongora guddaa ture.

''Namoonni kanneen beekamtii argachuuf jecha taasisaniifi dirqisiifaman jidduutti dogongoraan hubatu,'' jedha oggeessi midiyaa hawaasaa Selvaaggia Lucaarelli.

''Viidiyoo waraabuun namoota muraasa waliin qoodu dandeessa. Garuu akka kana caalaa qoodu hindandeenyeef waliigaltee hubatamaa hindubbatamnetu jira.''

Qabsoo Seeraa

Tiziana Kaantone, dubartii lallaaftuu waan turteef baayyee qaanoofte.

"Anii fi ishee waa'ee viidiyichaa ballinaan hinhaasoofne,'' hiriyaashee Terezaatu jedhe. ''Hinagarrees, arguus hinbarbaadu. Attam akka miidhamte dubbachuun ni danda'ama. Garuu isheen cimtu ture.''

Ms Kaantone deebiftee dheekkamu barbaadde turte. Garuu battalumatti viidiyichi marsariitiiwwan hunda irraa buusuuf haalli hinturre.

Isheenis dhimmicha gara mana murtiitti geessuun viidiyichi fedhiishii malee ummataaf gadhiifame jettee himattulleen, wayita sanatti jireenya nagaa jiraachu hindandeenye.

"Namoonni ishee beku waan danda'aniifu gadi bahu hindandeenye. Isaan boodas addunyaan dhugaa fi addunyaan barbaachiftu takka ta'ushee hubatte,'' jechuun himti Terezaan.

"Haalli gonkumaa akka hiikka hinargannee waan hubatteefu, bara tokkoos ijoollee fi abbaan manaashee gara fuula duraa viidiyicha hinballeefamne sana argu danda'u."

Maria Teresa Giglio with her daughter Tiziana pictured
Ibsa waa'ee suuraa, Haatii Tiziana Maariiyaaa Teereezaa maqaa intala ishee kabachiisuuf kutattee jirti

Tiziana Kaantone nis mana warra ishee Magaalaa Mugnano keessatti argamu keessatti dhokachuu eegalte.

Haadha ishee Mr Maariyaas waa'ee intala ishee dhugaasaa riportarootatti himuuf humna argachuuf torban itti fudhate.

"Intalli kiyyaa nama gaarii turte. Garuu saaxilamtuu taate,'' jechuun BBC'tti himte. ''Dhaloota irraa kaasee fakkeenya maatii dhabde. Abbaa ishee gonkumaa agartee hinbeektu. Kunis jireenya ishee gutuu hubeera.''

Haatii fi intalli waliin jiraacha turan. Wayita gammachuutti, Tizianaan sirboota Xaaliyaanii dhaggeeffachu, kitaaboota dubbisuu fi piyaanoo xabachu jaallatti turte. Garuu erga viidiiyyoon sun gadhiifamee booda sana hundaa dhaabde.

''Jireenni ishee namoota hunda duratti akka hintaaneetti badeer.'' jetti haatiishee. '' Namoonnis isheetti qoosaan, sirriiyu marsariitii quunnamtii saalaa agarsiisnan irratti osoo hinhafne maxxanfame. Naqaa salphinaatiinis waamamte.''

Baatii Fulbaanaa keessas, maana murtii Neeppaal viidiyoon kun akka marsariitiiwwan hunda irra buufamu ajjaja dabarse. Garuu manni murtichaa isheenis akka tajaajila seeraatiif Yuroo kuma 20 ykn dolaara 21, 600 kanfaltu gaafatera.

Kun hundumtu baayyee cimaa ture.

Fuulbaana 13, 2016 irrrattis, Maariyaa Terezaa Giglio lafa hojii deemte. Mucaanshee mana ture.

Achinis Giglion bilbilaan waamamne lafa hojiitii.

"Obboleetiin abbaa warraa koo naaf bilbiltee akkan gara manaa dhaquuf sagaleedhuma qabannaa'aan natti himte. Achi yoo gahuttis poolisootaafi ambulaansii arge battalumatti waan ta'u malu naaf gale ture,'' jechuun lafa ilaalte.

''Sayyuun tiyyas ishee baraaruuf yaaltee turte. Olloonni kiyya akkan konkolaataa keessa bu'uuf naaf hinheyyemne. Du'uufiin ture. Gara manaa akkan seenu naaf heeyyemuu didan. Yeroo dhumaatiif akkan fuulashees hinagarre na dhorkan.

Guyyaa isheen itti duute sana naafiis dhume.''

Funeral of Tiziana Cantone

Madda suuraa, Alamy

Guyyaa tokkoon boodas, Maariyaan intala ishee saanduqa reeffaa adiin awwaalte. Kunis fakkeenya ''mii'ooftuu, bareedduu fi ergamtuu waaqaa'' mul'isuuf ture.

Viidiyicha eenyutu maxxansee?

Shamarreen tunis ofii sheetii ofi ajjeessuun viidiyichi irraanfatamuun hafee, caalaayyuu akka namoota hedduun yaadatamtu taaseera.

Haatii ishees viidiyicha ilaaluuf of dirqiisiifte.

"Maal akka fakkaattu qofaa ture yaadu kan dandeessu. Anis dhugaawwan hubachuuf wantoota nagargaaran hunda baruun barbaade. Innis Tiziana tiyya hinturre,'' jetti.

Intalli ishees qoricha sammuu hadoochuutiin machoofte malee dhugaa ishee akka hnturre himti.

Tamsaasa viidiyoos kan akka tasaa hintaasifamne akka ta'e amanti.

"Inni akka waan karoora yakkaa dursame itti yaadame jiruti. Kunis itti yaadame ishee intarneetii irratti saaxiluuf kan raawwatameedha.''

Keessattuu hiriyaa ishee kan duraanii Mr Di Palo gochiicha keessatti gahee attamii akka qabau akka hibuuf barbaaddi haati ishee.

''Akkan lubbuushee baraaruuf na gargaaru hinbarbaanne. Tarii akkan dhugaa isaa baruuf na gargaaru danda'a ta'a. Abdii kutadheera.''

Saadaasa 2016 keessatti, abukaatoonni Mr Di Palo sa'aatii 10f gaafatanii turan. Nama akka isheen of ajjeeftuuf ka'umsa ta'ee adda baasuuf barbaadaa turan. Mr Di Palo gaaffii nuti dhiyeessineef tole jechu dide.

"Kabaja intal miidhaa irra gaheen kan ka'e lubbunshii darbeef jechu yaada kennu irraa of qusanneera'' jedhaniiru Bruno Larosa, abbookaatoon Mr Di Palo. ''Manni murtiis kana hubachuun maamila kiyya akka wayinu hinhimannee nana amana.''

Yaadannoo Du'a Tiziana

Erga ishee duuteen boodas yaadni Itaaliyaan iccitii dhunfaa fi viidiyoowwan akka sanaa irratti qaban geedarameera.

"Haalli kunis adda natti hinfakkaatu, haalli gaazexessitoonni Xaaliyaanni waa'ee viidiiyoowwan akkasii itti gabaasan,'' jedha oggeessi midiya hawaasaa Selvaggia Lucarelli.

"Ofi eegannoo tokko malee hojjatu turan amma dutii ishee geedareerra." Baruu namoota viidiiyo dhunfaa ta'ee qoodu barbaadu kamiifuu barnoota jedheera.

"Namoonni akka waan jireeeenyiisaanii kan dhufaa fi kan biyya lafaa adda adda ta'eetti hubatu. Dhugaasaa garu mitiidha. Marsariitiin jireenya keenya. Kanaafuu waan jireenya keessan kan dhugaatti hinraawwan hunda marsariitti irratti hinraawwatiinaa."

Tiziana with her mother
Ibsa waa'ee suuraa, Haatii Tiziana akka yaadannoon du'a intal ishee jireenya dubartoota warra kaan gargaru barbaaddi.

Viidiyoon intala kanaas marsariitii irra buufameera tarii bakka biraa jiraachu danda'a ta'a.

Haa ishees biyyattiin fi warra Awurooppaa kamiiyyuu dafanii dhimma akkasiirratti akka seera dabarsan barbaaddi.

"Anis haadhooli akka kiyyaatti rakkina keessa jiran bakka bu'uun dubbachaan jira,'' jettis.

Haadha Tiziana tiif amma jireenyi qabsoodha, maqaa intala ishee eeguufi dubartoota biraa carraan walfakkaatu akka hinmudannee taasiisuuf.

''Maqaan intal kiyyaas maqaa itti qoofamu ta'usaarra akka maqaa jireenyi dubartoota biraa ittiin baraaramu ta'un hawwa. Kunis akka ta'un barbaada. Namoota gara biraas baraaruuf,'' jechaa fi hawwii haadha shamarree dute kanaa ture.