Chaayinaan walgahii Paartii koministiin dursitee WhatsAppii addaan kutte

WhataAppiin oomisha Feesbuukii Chaayinaa keessatti argamu dha.

Madda suuraa, Getty Images

Motummaan Chaayinaa walgahii Paartii Koministii ji'a dhufutiin dura eegumsa nageenyaatiif jecha tjaajila ergaa addaan kute.

Fayyadamtoonni appichaas tajaajilichi bahee galuusaatii torbanii oliif rakkoon mudateera.

Yeroo tokko tokkos, gutummaatti kan cufamuu yoo ta'u, karaa marsariitii Chaayinaa dhuunfaa qofaan arachuun danda'ama.

WhatsApp oomisha feesbuukii qofaa jiddu gala biyya Chaayinaa keessatti akka hojatuuf heeyyama argateedha.

Addaan cituu tajajilaa

Akka gabaasaan BBC Chaayinaa irraa jedheetti, tajaajilli ergaa WhatsAppii badu erga eegalee torbaan tokko ol guuteera.

Yaaliin tajaajilichaa Kibxataa akka agarsiiseettis, fayyadamtoonni Chaayinaa keessaa vidiiyoo yookaan suuraa namoota Chaayinaan ala jiraniif erguu hindanda'an.

To'annoon qabiyee marsaritii cimaan walgahii yaa'ii biyyoolessaa Paartii Koministii waggaa shaaniin gaggeefamuun dura Chaayinaa keessatti haala nageenyaa cimsuuf kan raawwatamu dha.

'Akkuma beekamuu yeroo walgahii akkanaa itti gaggeefamuutti, dhorkaa cimaa gosa hundaatu taasifam. Kunis walgahiin Kongrasii Paartii haala mijataa fi mudaa tokko maleen akka geggeefamuufi,'' jedha gorsaa mootummaa Chaayinaa tokko.

Haa ta'u malee, dhaarkaan kunis akkuma walgahii paartii kana duraatti kan ka'u ta'uu fi dhiisuun ganaa ifa miti jedheera.

Expartiin nageenya Saayiberii tokko immoo, WhatsAppiin sababii haala naheenyaa waliitn walitti hidhannaa cimaa waan qabuuf xiyyeefannaa to'annoo Chaayinaa jala ta'unsaa akka hinollee dubbateera.

Biyya Chaayinaa keessa namoota bilbilaatti fayyadaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaatiin Chaayinaa keessatti tooftaa oddeefannoo itti walii ergamu isa guddaadha.

Addabbii teekinoloojii

Addaan kutuu WhatsApp dhiheenyaa kunis qaama uggura oddeefannoo intarneetii fi onlaayinii Chaayinaan raawwattu keessaa isa tokko dha.

Wiixata darbe, to'ataan saayibarii Chaayinaa dhaabbilee teknolojii biyyattii gurguddoo kan akka Tensent, baayiduu fi Wii'eeboo qabiyyee onlaayinii osoohaalaan gulaalchisuu hafatan jedhuun addabbii cimaa itti murteesse ture.

Addabbichis kan itti muraa'e oduu sobaa fi waa'ee quunnamtii saalaa akkasumas, qabiyyeewwan qondaaltoonni 'walitti bu'iinsa qomoo' fi 'nageenya hawaasaa miidhan' haquu diduu isaanitiin ture.