Miidhaa saalaa Itoophiyaatti: Asiida akka meeshaa waraanaatti?

Dubartii lammii Itoophiyaa balaa asiidiin miidhamte, Libiyaatti - 2011

Madda suuraa, Getty Images

Miidhaawwan saala bu'uureffachuun dubartoota Itoophiyaarra gahaa jiran yeroo gara yerootti fooyya'iinsa agarsiisuu irraa, itti cimaa akka deeman ragaan Waldaa Dubartoota oggeessoota Seeraa Itoophiyaa ni mul'isa.

Yeroo dhiihoon asitti ammoo miidhaa dubartootarra gahaa jiran bifa geeddarachu isaanii ragaan Waldaa Dubartoota Oggeessoota Seeraa Itoophiyaa ni mul'isa.

Namoota waajjira waldaa kanaatii deeggarsa seeraa barbaacha dhaqan harka 90 kan ta'an dubartoota dhimma dhirsaa fi niitii ilaallatudha.

Kanneen keessaayis irra caalaan dhimma miidhaa mana keessaa kan ilaallatudha jedhu ittgaafatamtuun waldichaa Aaddee Meroon Argaawu ni dubbattu.

Dhugumattis miidhaan mana keessaa olaanaadha kan jettu addee Meeroon, sarbamawwan mirgoota qaamaa, xin sammuu fi diinagdee miidhaawwan saalqunnamtii akka dabalatu himu.

Dubartoota gara waajjira isaanii dhaqanis miidhaawwan kanneen keessa kan darba ta'u himu. Amma garuu osoo miidhaawwan raawwataman seeratti dhiyeessuun murte itti hinargatiin dura miidhaawwan biraa harawaan raawwatamaa jiru jedhaniiru.

Miidhaawwan kanneen keessaayis tokko miidhaa asiidii fi guddeeddii gareen raawwatamu eeru.

Ragaa tokko -Daangilaa

Dhimmichi kan raawwatame ALI bara 2007tti ture. Waggoota shaniif hiriyyummaan waliin turaniiru. Innis waan araadawwan garaa garaatiin qabameef waliigalu dadhabnaan adda bahan.

Haa ta'u malee gurbichi ati kiyya yoo taate malee jiraachu hindandeessu jechuun irra dedeebiin doorsisaa turusaa dubbatu Aaddee Meroon.

Ittaansees hoteela isheen keessa hojjattuufi bultutti miidhaa irraan gahuuf wayita yaadeettis, nama isa waliin hojjatu waliin ta'uun sa'aa isheen itti baatuufi galtu eeggachuun kutaashee dhaquun fuula ishee irratti asiida naqe jedhu.

Qorannoo tibba sanatti taasifameenis ''bakka kuftetti irra deddeebiin waan asiida irratti facaaasun uffata isheelleen asidichaan akka balleesse baruun danda'ameera,'' jedhu Adde Meroon.

Haa ta'u malee nama dubartii miidhamteetti gammachuun asiidii irra dedeebiin facaase kanarrattis hidhaa waggaa 19 tu murtaa'e jedhu oggeettiin kun.

Intalli garuu miidhaa qaqqabeen kan ka'ees ijashee dunuunfachu hindandeessu. Gurrishii gutummaatti cicciteera. Miidhaa fulasheetii hanga lapheetti irra qaqqabeen baqaqsanii hodhuun yaaluuf yeroo 20 ol wallaanamtee jirti.

Ammas wallaansa biyya alaa argachuuf bakkee deemushee dubbatu.

Miidhaan akkaanaa kunis waggoota 23 darban dhaabbatichi itti hojjachaa turetti kan irra dedeebiin hinmudannee fi barana qofa garuu baatii tokko osoo hinguutiin taatee akkasii sadii ta'u gara isaanii dhaqu isaatti dhimmichi xiyyeefannaa barbaada jedhaniiru.

Ragaa lammaffaa- Addigraati

Addigiraatitti ammoo abbaafi haadha warraa ga'ila dhaabbachuun mucaa waliin erga godhatanii booda walii galu dadhabuun waliin gaa'ilasaanii kan diiganiidha. Abbaan warraa biyya alaa kan jiraatu yoo ta'u isheenachuma Addigiraati jiraatti turte.

Guyyaa tokkos akka tasaa karri manashee rukutamee yoo baatu abbaa warraashee duraa asiida harkatti qabatee dhaabateera.

Isheen dhufuusaalleen osoo hinbariin asiidaan ishee simate. Dubartiin kunis fulli ishee guutummaatti gubateera. Ijashee lamaan baduun gurriifii funyaan ishee miidhamu dubbatu Addee Meeroon.

Hospitaala Addigiraati galtu illeen guyyoota 40 osoo wallaansa hinargatiin yaalii dubartoonni taasisaniin gara Finfinneetti darbuun yaalii argattu taasifameera. Haa ta'u malee hanga ammaattu namni miidhaa qaqqabsiise kun to'annaa jala hinolle jedhuun dubbatu.

Daayirektara Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa

Madda suuraa, Meron Aragaw

Ibsa waa'ee suuraa, Daayirektara Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa

Ragaa sadaffaa- Finfinne Boolee bulbulaa

Shamarreen waggaa 24 fi hojjattuu xiyyaara Itoophiyaatti keessumeesitu taatee gaa'ila dhaabbachuun mucaa tokko godhattee ture. Abbaa warraashee waliin walii galuu dadhabnaan adda bahaniiru.

Wayita qabeenyaa hirachu irra gahanittis koottu galmee mucaa keenyaan siif kenna jechuun erga waameen booda fuula ishee irratti asiida naquun fullishee walakkaan miidhameera, jedhu Aaddee Meeroon.

Namtichi seera fuladuratti yoo dhiyaatuttis balleessaa miidhaa qaamaatiin gaafatamuun waggaa 5 qofti itti murtaa'e jechuun qaawwa seeraa jiru himu.

Rakkoolee dachaa

Waldaan kunis qaamolee hawaasaa galii gad-aanaa qaban waliin waan hojjatuuf, dubartoonni hedduun gara waldichaa dhaqan harka duwwaa waan ta'aniif ni miidhamu jetti.

Dhaabbatichi dubartoota miidhaan irra gahu kannen jajjabeesse gara cimina isaanii duraaniitti deebisuu irratti hanqina qabaachuu dubbatu.

Kanaafis miidhaa dhiheenya akkanaa gara Hararitti waajjira isaanii qaqqabee tokko akka fakkeenyaatti kaasu.

Dubarrii waggaa 13 mana namaatti mindeefamuun hojjachaa turte tokkos erga dirqiin gudeedamteen booda ragaa balleessuuf jecha dugdaan gadii gubachuun gara waajjira isaanii dhufte.

Gubaan mucaa kanarra gahees miidhaafi kan hanga lafee isheetti qaqqabe ta'u hakiimoota hospitaala Yekkaatiit 12n mirkanaa'usaa himu Aaddee Meroon.

Mucaan kunis baasii wal'aansaa ishee haguggachuuf harka lammiilee eegachaa akka jirtu himu. Kanaafis akkaawuntii baankii maqaa haadha isheetiin bamanuun deegarsa walitti akka qabamuuf taasifamaa jiras jedhaniiru.

Waldich erga labsiin dhaabbilee siviilii hojiirra olfame bara 2001 irraa kaasee hojii isaa hedduun gufachuu dubbatu ittigaafatamtuun kun.

Akka duraatti hordofuun hawaasa waa'ee walqixummaa saalaa irratti akka hubanno argatu taasisuu irratti rakkachu dubbatu.

Mummichi ministiraa Dr Abiy Ahimad erga gara taayitaatti dhufanii booda haasaan dhimma dubartoota irratti kallattii addaa fi haaraa kennan mullachuusaanii himaniiru. Kanumaan walqabatees waldaan isaanii waldoota walfakkaatan kan biroo waliin ta'uun sochii eegalusaanii himu.