'US fi Chaayinaan dhimma Iraan irratti wal taanerra'- Tiraamp

Madda suuraa, Ge
Traamp, US fi Chaayinaan dhimma Iraanirratti walta'aniiru, Tehraan dirqama daftee mari'achuu qabdi jedhe.
Prezdantiin US Donaald Tiraamp, obsan Iraanif qabu fixachaan jira, Pirezdantii Chaayinaa Shii Jiinpiing faana Ulaa Hormuuz bansiisuu irratti waliigalle jedhe.
Tiraamp kaampaanota Chaayinaa Iraanirraa boba'aa bitan irratti qoqqqobbii kaawuu itti yaadaa jiraachuu hime.
Yaadni isaa kun Beejing Teehraan irratti dhiibbaa uumuun waraanaaa dhaabsisuu akka maltu waan akeeku.
Chaayinaan dhiibbaa akkasii tanaan dura hin goone.
"Rakkoolee garaagaraa eenyullee furuu hin dandeenye furreerra," jedhe Tiraamp marii guyyaa lammeessoo Shii Jiinpiing waliin godhe booda yaada kenneen. Mariin guyyaa lammeessoo dhimma Taayiwaan, daldalaa fi kaan kan hammatu ture.
Shii Jiinpiing dhimma Iraan ilaalchisee waan Tiraamp faana mari'aterratti homaa hin jenne.
Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa garuu yaada kenneen waraana Iraan irratti yaaddoo qabu ibse.
"Walitti bu'iinsi kun waan ta'uu hin malle ture, sababni itti fufuufis hin jiru," jedhe.
Iraan erga waraanaa as Ulaan Hormuuz cufuutti milkoofteerti-Kun immoo dhiyeesii boba'aa addunyaa danqeera.







