Namichi sobaan 'dabballee ABO Shaneeti' jedhee hiriyaasaa hiisise hidhaa cimaan adabame

Suuraa harka namaa sibiila mana hidhaa fakkatu qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taateen kuni kan mudate Bulchiinsa Magaala Shaggar kutaa Magaala Galaan Guddaatti.

Jiraataa kutaa magaalichaa kan ta'e namni maqaan isaa Mazgabuu Darajjee jedhamu hiriyaasaa kan ta'e nama Urgeessaa Qaabataa jedhamu waliin hojii geejjiba gaarii hojjetaa turan.

Ittigaafatamaan waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa Obbo Masarat Yaaddessaa BBC'tti akka himanitti, namootni lamaan kunneen dura waldhabdee dhuunfaa qabaachuu himu.

"Gaarii fardaa irratti waldhabdee dhuunfaa qabu ture. Sababa kanaan gaaafa 22/07/2028 naannoo sa'aatii saddeetii irratti Mazgabuun waajjira poolisii kutaa magaalichaa deemuun hiriyaansaa Urgeessaa jedhamu kuni 'Dabballee ABO Shaneeti' jechuun poolisiif eeruu kenne" jedhan.

Eeruu kenname bu'uura godhachuun poolisiin magaalichaa nama 'Dabballee ABO Shaneeti' jedhame kana to'annoo jala oolche.

"Namni eeruun irratti kenname kuni A L I guyyaa 22/07/2018 hanga guyyaa 24/07/2018 waajjira poolisiitti to'annoo jala oole".

Poolisiin magaalichaa abbaa alangaa waliin ta'uun eeruu shakkamaa kanarratti kenname yeroo qulqulleessanitti shakkamaan kuni dhugumaan 'Dabballee ABO Shanee osoo hin taane waldhabdee dhuunfaatiif ittiin miidhuuf akka eeruun kuni raawwatme bira gahame.

"Poolisiin ka'umsi eeruu kanaa, waldhabdee dhuunfaa ta'uu erga bira gahee booda nama hiriyaasaa 'Dabballee ABO Shaneeti' jechuun sobaan himate kana too'annoo jala oolche.

"Ergasii nama sobaan maqaa namaa yakke kanarratti abbaan alangaa bu'uura seera Yakkaa keewwata 447/A jalatti himannaa banuun falmii gaggeessaa ture" jedhan Obbo Masarat.

Dhimmichi mana murtii magaala Galaan Guddaatti kan ilaalame yoo ta'u, himatamaan sobaan maqaa hiriyaasaa yakkee hiisisee ture ragaa ittisaa dhiheeffatee ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef murtiin balleessummaa itti kenname.

Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha A L I Caamsaa 03, bara 2018 ooleen himatamaa hiriyaasaa sobaan 'Dabballee ABO Shaneeti' jechuun maqaa balleessee guyyootaaf hiisise kuni hidhaa cimaa waggaa lamaa fi birrii kuma lamaan akka adabamu itti mure.

Hawaasa keessatti gochi maqa balleessii fi sobaan walfarrajuu taasifamu kamuu seera yakkaatiin kan nama gaafachiisu akka ta'e eerameera.

Waan ragaa qabatamaa hin qabneen maqaa namaas ta'ee dhaabbataa xureessuun yakka ta'uu hubachuun of eeggannoo gochuu, kanneen maqa balleessiin nurra gahe jedhan ammoo dhimma isaanii seeraan gaafachuu akka danda'an dhaaman Obbo Masarat.