Gosootni nyaataa shan yeroo hedduu nyaachuu hin qabne isaan kami?

Gosoota nyaataa hin gorfamne

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gosoota nyaataa ogeeyyiin hin gorfamne

Ogeessotni nyaatni ofii isaan uumama namaaf kan hin simne ykn kan miidhudha jedhanii murteessuun cimaadha jedhu. Nyaatni ofii isaan hamaa miti.

Ta’us garuu malli ittiin nyaati bilcheeffamuu, hangi nuti nyaannu fi irra daddeebi’uun, bu’aa nyaaticha irraa argannuu hir’isuu irraa eegale hanga miidhaa fayyaa geessisuu danda’a.

Kanaaf ogeessotni goosotni nyaata guyya guyyaatti nyaachuu irraa of qusachuu qabna jechuun gorsan kami? Maaliif?

1. Gosoota nyaataa zayita (dhadhaa fi zayitii) qaban

Yuunivarsitii Laas Veegaas US’tti ogummaa nyaata bilcheessuu fi sirna nyaata kan baratan Sheef Addis Alem Buzaayyoo, nyaatni zaayita akka coomaa of keessaa qaban yeroo hedduu soorachun, qaama keenya keessatti pirootiiniin garmalee akka baay'atuuf sababa akka ta’u ibsu.

Pirootiiniin nyaata zayita qaban irra argannu yeroo qaama keessatti baay'achaa deeman, bu’aa nyaata daakuu irratti nu gargaaruu dhiisaanii gara coomaatti geeddaramu.

Kun ammoo dhibee maashaaf nu saaxiluu irraa eegalee hanga kalee keenya irratti dhiibbaa turu uumuu gahuu mala.

Kaanaafidha Dhabbati Fayyaa Addunyaa, ga’eessootni akka ulfaatina qaama isaaniitti guyyatti pirootiinii giraamii 0.83 irra hin dabarree akka nyaatan kan gorsu.

“Akkuma beekamu Itoophiyaa keessatti akka dandeettii namaatti zaayitaa fi dhadhaa hedduuti nyaatatti dabalama,” kan jedhan ammoo Yunivarsitii Finfinneetti gargaara Piroofesara wiirtuu saayinsii nyaataa fi sirna nyaata Dr Qale'ab Taayyeedha.

2. Ashaboo nyaataa

Yuunivarsitii Diillaatti barsiisaa saayinsii nyaataa fi sirna nyaataa kan ta’an Dr Yihunee Ayyalaa, ashaboo “utuu dhiisneeyyuu homaa miti,” jedhu.

Qaama keessatti ashaboon yoo baay'ate, raakkoolee adda addaaf saaxilamuuf carraa qabnu dabala jedhu.

Ashaboon soodiyeemii of keessaa qaba, sodiyeemiin qaama keessatti yoo baay'aate ammoo ujummoo dhiigaa keessa akka jiraatu taasisa. Kun ammo dhiibbaa dhiigaa sirrii hin taane fida jechuudha.

Kunimmoo walitti ida’ame yeroo booda dhibee dhiibbaa dhiigaa, istirookii, kalee fi rakkoolee biroof nu saaxiluu mala.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa namni ga’eessi guyyatti ashaboo giraamii shan ykn fal’aana shaa'ee tokko ta’urra kan kan caaluu fayyadamuu akka hin qabne gorsa.

Faallaa kanaan garuu naannoolee Itoophiyaa keessatti, ashaboon gar malee akka fayyadamamu hubachuu isaanii Sheef Addisaleem ni himu.

Dr Yihuuneenis yaada kanan walii galuun, “ Ashaboon bunatti, akaayiitti, ittoottis ni dabalama – wanti ashaboon itti hin dabalamne maaltu jira?” jechuun gaafatu.

3. Shukkaaraa fi nyaata mi’aawoo

Dhaabbata Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti daarektara sirna nyaataa fi qorannoo nyaata kan ta’an Dr Maasresha Tasammaa, shukkaara baay'isuun qaama keessatti wantooti annisaa nuuf kennan [energy] garmalee akka baay'atan taasisu jedhu.

Wantoonni annisaa keennan yoo baay'atan ammo ‘rakkoo’ hedduu uumu.

Inni jalqabaa ulfaatina qaamaa dabaluu ykn furdinadha. Furdinni ammoo dhibee kan biraaf akka saaxilamnuuf carraa guddaa uuma.

Feedhii nyaataa hir’isuu irraa eegalee dhibee onnee, dhibee shukkaaraa fi dhibeen kanaan wal qabatan uumuus danda’a.

Dabalataanis goosota nyaataa shukkaaraa hedduu qaban akka keekii, karameellaa, ayiskireemii ykn dhugaatii lallaafaa fayyadamuun shukkaara akkanumaan fayyadamuurra waan xiqqaate miti.

Ta’us garuu shukkaarri bu’aa qaamaaf uumu waan qabuuf, shukkaara oomishamee [refined sugar] baay'isuu dhiisuun kan gorsamu ta’us, shukkaarri Firuuktoosii of keessaa qabuu fi fuduraalee keessatti argamu fayyadamuun fayyaa ofii qofa osoo hin taane guddina qamaaf barbaachisaadha.

Akka Dr Yuhuneen jedhaniitti, “sammuun keenya annisaa isaa %60 kan fayyadamu shukkaaraa irraadha.”

4. Gosoota nyaataa saamsaman

Nama Bargarii nyaatu

Madda suuraa, Erik Jonsson / EyeEm

Biyyootii guddatan waliin yoo madalamu dhiyeessiin nyaata omishamee samsamuu guddaa ta’uu baatus, magaalota tokko tokko keessatti fedhiin nyaataa kunneeniif jiru suuta suuta dabalaa jira.

Qophii guddaa keessa darbanii saamsamanii nyaatni dhiiyatan shukkaaraa fi ashaboo baay'ee of keessaa qabachuu malu.

Dr Qaale'aab Taayyee, gosoota nyaataa sirna qopheessi guddaa [Ultra processed food] keessa darban “hanga danda’ametti utuu fayyadamuu dhiisnee” gaariidha jedhu.

Gosooti nyaataa kun yemmuu qopheeffaman wantoota uumamaan hin argamne halluuf, mi’eessuufi akka turaniif jecha itti dabalaman of keessa qabu.

Akka Dr Qaale'aab jedhanitti, nyaata akkanaa yeroo hedduu soorachuun, miidhaan inni uumuu inni jalqabaa hariiroo sammuu fi garaacha keenya jidduu jiru jeequudha.

Sammuun keenya akkataa beelaa ykn quufa itti hubatu akka qabu kan ibsan Dr Qaale'aab, nyaata warshaatti saamsaman baay'isuun “sirna kana jeequu fi kan barbaadameen ol akka nyaannuuf” fedhii akka uumuu akkasumas araada ta’urra akka gahuu danda’u ibsaniiru.

Akkasumas nyaatni saamsamanii dhiyaatanii fi foon of keessaa qaban dhibee kaansariifis nama saaxiluu akka malan himaniiru.

5. Gosoota nyaataa zaayitaan waadamanii fi ariitiin bilcheeffaman

Saambuusaa

Madda suuraa, MOHAMMED HUWAIS

Dinnichi zaayitaan waadame ykn chiipsiin, saambusaa fi buskutoonni mi’aawoon biroon zaayitaan waadamnii kan ‘dafanii bilchaatanii’ dhiyaatan gurguruun Itoophiyaa keessumaa magalaa keessatti hedduumataa dhufeera.

Gosootni nyaataa akkanaa keessumaa kan akka chiipsii zayitiin waadaman bu’aa isaan sirna nyaataaf qaban “zeeroodha jechuun ni danda’ama,” jechuun Dr Maasresha himaniiru.

“Keessumaa hedduun isaanii kan waadaman zaayitaa Palm Oil jedhamuun waan ta’eef fayyaa keenyaaf yaaddessoodha,” jedhu.

Dr Yihuneen gama isaaniin, nyaatni akkanaa caalaatti miidhaa kan uumuu zaayitni itti waadamu irra daddeebiin waan fayyadamamuufi jedhaniiru.

Sababa kanaan nyaatni kun “zayiiticha ofitti xuuxee gara ‘bad fat’ [coomaa hamaatti] geeddarama. Coomni hamaan kun ammo dhibee kaansarii fiduu danda’a. Fayyaa keenyaafis hamaadha,” jechuun yaada isaani ibsaniiru.

Kanaaf gosoota nyaataa kamfaa yeroo hedduu nyaachuu qabna?

Qorattoonni sirna nyaataa akka jedhanitti nyaati tokko qofaa isaa guutuu miti.

Nyaata madaalamaa argachuuf fuduraa kuduraalee, fuduraalee, callaa fi nyaata akka ocholooni zaayita of keessa qaban yeroo hedduu nyaachuun fayyaa fi guddina qaamaaf bu’aa buusa.

Ta’us akkataa itti nyaata kunneen bilcheessinu bu’aa isaa hir’isuu akka danda’an Dr Maasreshaa himaniiru.

Fakkeenyaaf naannolee Itoophiyaa hedduu keessatti “kuduraaleen garmalee bilcheeffamuu malu. Kun beekuu dhabuudha jedheen fudhadha.

"Kuduraaleen sirritti bishaan qulqulluun dhiqamuu qabu. Sana booda garuu garmalee bilcheeffamuun isaanii wantoota bu’aa buusan nyaaticha irraa argaman guutummaa guututti akka dhabnu,” taasisuu danda’a.

Sheef Addis Aleem gama isaaniin bolloqqee hanga da’anda’ametti baay'isanii nyaachuun gaarii akka ta’e gorsu. Biyya alaatti “akka warqee giraamiidhaan bitama biyya keenyatti garuu hin fayyadamnu,” jedhu.

Yeroo hunda sa’aatii nyaataatti kuduraalee makuun akkasumas akka maksasiitti [snack] waan akka fuduraalee fi salaaxaa utuu hin bilcheeffamiin dhiyaatu nyaachuun gaarii akka ta’e dhaabbati faayyaa addunyaa Ebla 2020 keessa ibsa baaseen beeksiseera.

Wanti ijoon garuu nyaata tokko ykn walfakkaataa ta’an nyaachuun yoo xiqqaate wantoota guddina qaamaaf barbaachisan guutuutti fi madalaamaa haala ta’een argachuu irraa nama fageessu.