Warqeen Itoophiyaa maaliif barana kana keessa qalbii qorattoota addunyaa hawwate?

Madda suuraa, RBG Kew
- Barreessaa, Helen Briggs
- Gahee, Science correspondent
Saayintistoonni akka jedhanitti, wayita ammaa jijjiramni haalli qilleensa addunyaa mudatee jiruu kanatti, soorannii warqee kan kutaalee Itoophiyaa muraasa keessatti baramee soora lubbu-baraaruu haaraa ta'u ni danda'a jedhan.
Warqeen biqiltuu muuziitiin waliin walfakkaatu kunis, kutaalee addunyaa ho’ii dabalaa jiru keessatti dandeettii namoota miliyoona 100 ol ta'u sooruu qaba jedha qorannoon haaraan bahe kun.
Biqiltuun warqee kunis Itoophiyaan alatti biyyoota birootti baayyee hin beekamu. Itoophiyaatti garuu warqee irraa nyaatawwan akka qixxaa (hollataa) gosa garaa garaa, mooqa, marqaafi unkuroo kanneen jedhamanitu irraa qophaa'a.
Qorannoon kun akka akeekutti, biqiltuun warqeen harka caalaa kutaalee Afrikaa keessatti biqiluu ni danda’a.
Itoophiyaa Yunvarsiitii Hawaasaatti qorataa kan ta’an Dr Wandaawwaq Abbabee, ’’Biqiltuun kun rakkoo wabii midhaan nyaataa furuu fi guddina itti fufiinsa qabu fiduuf keessatti qooda olaanaa gumaacha,’’ jedhan.
Warqeen (false banana) kan muka muuziitiin wal fakkaatu yoo ta'u, Itoophiyaatti eddoowwn muraasatti soorataaf oola.
Firiin warqeen buusuu muuzii fakkaatulleen garuu soorataaf hin oolu. Jirmi fi hundeen isaa garuu istaarchiin kan badhaadheefi erga duugameen booda gosa nyaataa adda addatu irraa qophaa’a.

Madda suuraa, RBG Kew
Itoophiyaa keessatti namoonni miliyoona 20 ta’an warqee akka soorata isaanii mummeetti gargaaramu.
Haata’u malee, biqiltuun warqeetti dhiyaatu daggala keessa margan jiraatan illeen, Itoophiyaan ala iddoowwan birootti warqeen hin oomishamu.
Biqiltuuwwan kanneen warqee fakkaatuufi daggalatti kan marguu garuu soorataaf hin oolu. Gosti kun hamma Afrikaa Kibbaattu ni marga.
Saayinstistoonni ganna afurtaman dhufan iddoowwan warqeen itti marguu danda’u qorannoo qonnaa itti dhiyeenyaan gaggeessaanirratti hundaa’un adda baasaniiru.
Qorattoonni kun argannoo isaanitiin warqeen namoota miliyoona 100 ol sooruu akka danda’uu fi Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Yugaandaafi Ruwaandaa keessatti wabii midhaan nyaataa guddisuuf akka oolu mirkaneessan.
Hayyuun qorannicha dursan Dr Jeemsi Boorel akka jedhanitti, warqee toora qabsiisanii ooyiruu gidduu dhaabbachuun yeroo rakkinaatti wabii midhaan nyaataa cimsachuuf gargaara.
‘’Dhugumatti midhaanirraa waanti warqee adda godhu hedduutu jira’’ jedhan.
‘’Warqee yeroo barbaaddeetti dhaabda, yeroo dheeraaf tura, yeroo barbaaddetti nyaataaf qopheessuuf ni duugda. Kanaaf biqiltuu farra beelaati kan jedhamuuf.’’
Itoophiyaan Afriikaa keessatti jiddugala midhaan garaa garaa kan itti argamuufi bakka argama bunaafi gosoota midhaan adda addaati.

Madda suuraa, RBG KEW
Jijjiramni oomisha midhaan nyaataa Afriikaa fi biyyoota biroorratti dhiibbaa olaanaa uumuuf akka jiru raagameera.
Sababii kanaatif, gosoota midhaan nyaataa qofarratti hundaa’u caalaa gosa biqiltuu addunyaa sooruu danda’u barbaaduuf fedhiin jirus guddataa jira.
Kaaloriin sooratarra argannu harka walakkaa ta'u hundisaa gosoota midhaan sadii; jechuunis ruuzii, qamadiifi boqqoolloo qofaa irraa argama.
‘’Sanyii biqiltoota soorataaf itti gargaaramnu hedduummmessuu qabna,'' jedhan Dr Boreel.















