Hojjettoonni Itiyoo-Telekoomii fi kaampaanii Chaayinaa hidhattoota WBO'n butaman gadhiifaman

Hojjettoota Itiyoo-Telekoomii fi ZTE hidhattootaan Wallagga Lixaatti butaman

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa

    • Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa

Hojjettoonni Itiyoo-telekoomii fi dhaabbata Chaayinaa ZTE hidhattoota WBO'n butaman gadhiifamuu BBC'n maddeen isaa irraa dhagaheera.

Hojjettoonni waliigalaan 11 tahan Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Boojjii Dirmajjiitti erga butamanii torbee tokko booda gadhiifaman.

Jimaata, Amajji 9 bara 2026 hojjettoonni torba aanaa Qilxuu Kaarraatti hidhattootaan butaman.

Gaafa Amajji 10 bara 2026 ammoo hojjettoonni afur biroo aanaa Boojjii Dirmajjiitti butamuu BBC'n maddeen isaa Itiyoo-Telekoom irraa iyyaafateera.

Maddi BBC amanamaan akka himatti hidhattoonni WBO hojjettoota kanneen aanolee lamaan keessatti butan miidhaa tokkoyyuu osoo irraan hin gahiin gadhiisan.

''Qabeenya isaanii homaayyuu hin tuqne. Bilbila harkaa isaanii dabalatee waan qaban hundaa keessaa homaayyuu harkaa hin fudhanne.

Maallaqi akka isaan gadhiifamaniif kaffalames hin jiru'' jedhan maddi keenya.

Hojjettoonni gadhiifaman hunduu gara magaalota aanolee dhiyoo jiraniitti imaluu akka ajlqaban maddi BBC himaniiru.

Hidhattoonni kunneen waa'ee hojii tajaajila neetwoorkii babal'isuu isaan hojjetan ilaalchisee qoratanii akka gadhiisan himan.

Duraan hojjettoota butan kanneen gadhiisuuf Birrii miliyoonotaan gaafachuu maddeen BBC himanii ture.

Ergasii WBO dhimma kana akka qoratu BBCtti himee garuu ibsa bal'aa kennes hin qabu. Hojjettoota kanneen hidhattoonni isaa butuus hin amanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Itiyoo-Teelekoom tajaajila neetwoorkii Wallagga Arfan, Shawaa Lixaa fi Beenishaangul Gumuz keessaa hanga Kamaashiitti jiru fooyessuun gara 4Gtti guddisuuf hojjetaa ture.

Tajaajilli kun kana dura godinaalee kanneen keessatti %5- %12 hin caalu ture kan jedhan maddi BBC kun gara %82tti guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Uummanni godinichaa tajaajila interneetii gahaa argataa akka hin turreefi waggoota 10 as tajaajilichi ammayyeessamee akka hin beekne himan.

Kanaaf meeshaleen hunduu meeshaalee ammayyaan bakka buufamuun haareffamanii uummanni tajaajila interneetii fi neetwoorkii saffisaa akka argatan taasisuuf hojjetaa jiru.

Tajaajila uummataaf oolu kana babal'isuuf Itiyoo-Telekoom dhaabbata Chaayinaa ZTE jedhamu waliin hojjechaa jira.

Hojiin kun kan jalqabe ji'a lama dura. Hojii kanaaf doolaara miliyoona 26 oltu baasii taheera.

Meeshaleen barbaachisan biyya alaatii bitamuun karaa buufata doonii Jibuutii fe'amanii galuun magaalaa Naqamteetti buufamuun ariitiin hojjetamaa ture.

Kontiraata isaa kan fudhate ammoo dhaabbata Chaayinaa ZTE jedhamudha.

Babal'ina pirojeektii kanaaf Itiyoo Telekoom meeshaa dhaabbata ZTE kana fayadama.

''Lammiileen Chaayinaa Wallagga keessa naanna'uun hojjetanis baay'eedha.

Lammiileen Itoophiyaa hojii kana keessa jiranis gara 500 ol tahu.

Magaalaa Finfinnee irraas kan dhufan garee 100 ol tahu. Gareen tokko gara afurii ykn shanii qaba. Isaan jalattis hojjettoonni humnaa hojjetan biroos jiru,'' jedhan maddi BBC dubbise.

Hojiin pirojeektii kanaa jalqabee gara %80 tahu hojjetamee xumurameera jedhan.

Magaalota akka Naqamtee, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Shaambuu fa'aa keessatti diriiree xumuramaa jira.

Haala kana keessa osoo jiraniiti hidhattoonni Boojjii Dirmajjii fi Qilxuu Kaarraatti hojjettoota 11 tahan kan butan.

Qilxuu Kaarraatti hojjettoota torba butaman keessaa ''tokko hojjetaa Itiyoo Telekoomidha. Kaan hojjettoota kaampaanii ZTEdha. Lammiileen alaa keessa hin jiran.''

Maddi kun erga butamanii karaa dhaabbata ZTE Birrii miliyoonotaan lakkaa'amu gaafachuu himan.

Hojjettoonni kunneen namoota siyaasaa osoo hin taane kanneen ogummaa isaaniin tajaajila uummataa diriirsuuf hojjetanidha.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa waa'ee hojjettoota hidhattootaan butaman jedhamanii yoo gaafataman akkas jedhan.

''Kana dura dhaabbata Itiyoo Telekoom damee Naqamtee waliin taanee hojjechaa turre.

Yeroo hojiin jiru dursanii nu beeksisaniiti kan eegumsa goneefii hojjechaa turan.

Sararri ibsaa hidha Haaromsaa irraa ka'u yeroo diriiru akkasuma Dhidheessaa hanga laga Daabbusitti eegumsa barbaachisu gochuun hojjetamee xumurame.

Warri kun ammoo osoo nu hin beeksisiin callisanii hojiitti erga galanii butamuu isaanii dhageenye'' jedhan.Obbo Taliilaan.

Obbo Taliilaan guyyuma hojjettoonni kunneen butaman jedhamee qabuun hojiin hordoffii taasisuu hojjetamaa jiraachuu BBCtti himan.

Konkolaataan hojjettoonni fayyadamaa turan bakkuma turan dhaabbattee argamuus himaniiru.

Waggaa guutuu Itiyoo Telekoomii waajjirri isaa Naqamte jiru waliin hojjechaa turre kan jedhan Obbo Taliilaan aanolee Wallagga Lixaa hedduu keessatti nagumaan hojjechaa akka turan himan.

''Godina keenya keessa shiftaan waan jiruuf dursanii nu beeksisaniiti eegumsa goonefii kan hojjechaa turan. Keessumaa naannoo gaarreenii fi bosonaa keessa yaaddoo waan qabuuf eegumsa gochaafii turre,'' jedhan.

Hojjettooni amma butamuu dhageenye ammoo dursanii waan nu hin beeksifneef erga dhabamanii qofa odeeffannoo alaan dhageenyee hordoffii jalqabne jedhan.

Gochaan akka kanaa Lixa Oromiyaa keessatti yoo raawwatu kun kan jalqabaa miti.

Dhiyeenyas Wallagga Bahaa aanaa Jimmaa Arjootti abbootii alangaa Oromiyaa nama afur hidhattoonni WBO butan keessaa sadii gadhiifamuun maatii isaaniitti galaniiru.