Muddama Hidha Haaaromsaa Abbayaa irratti jiru furuun ajandaa koo isa angafaati -Tiraamp

Pirezidant Tiraamp fi Pir. Al-Siisii

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa doonaald Tiraamp, dhimmi bishaan Laga Abbayyaa waliif qooduufi Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Laga Abbayaa gara "walitti bu'iinsa human waraanaa guddaa ta'etti' akka hin geessine yaaddoo qabu ibsuun, Ameerikaan irra deebiin gahee gidduu seenuun gara waliin mariyachuutti fidu akka jalqabdu xalayaa agarsiisu pirezidantii Masirii Abdul Fattaah Al-Siisiif erge.

"Nageenyi waara'aan Baha Giddu-galeessaa fi Afrikaatti akka dhufuu hojjechaa yeroo jiru kanatti, muddama Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa waliin walqabatee jiru furuun ajandaa koo isa angafaati."jedhan

Tiraamp xalayaa galagalchi isaa Pirezidantii Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqe-Sillaasee akka qaqqabu taasisuun Al-Siisiif erga kanaan, " Ameerikaan bishaan Laga Abbayyaa qaalii ta'e biyyi kamiyyu dhuunfatee to'achuun biyyoota olla miidhaaf saaxiluu akka hin qabne cimsitee amanti," jedhe.

Xalayaan Ahram Online irratti bahe Amajji 16, 2026 Waayit Hawusirraa akka barreeffame agarsiisu kun, Ameerikaan dhimmicharratti ejjennoo akka jabeeffatte kan agarsiisu yoo ta'u, bulchiinsi bishaan Laga Abbayyaa bifa waliigaltee qabuun ta'uu ta'uu akka qabu akeeka.

Dhimmichi yaaddessaa ta'uu yeroo ibsetti "tarree ajandaa koo keessaa isa jalqabarra jirudha. Muddamni Hidha Haaromsaa Itoophiyaan walqabatee Masiriifi Itoophiyaa gidduu jiru gara walitti bu'iinsa waraanaatti akka hin deemne abdii guddaan qaba," jedhe Tiraamp.

Walitti bu'iinsa kana hambisuudhaaf Ameerikaan maricharratti gahee to'achuufi qindeessuu jabaa qabaachuushee akka barbaadus ibseera.

Pirezidant Tiraamp xalayaa isaa kana kan jalqabe Pirezidant Al Siisii galateeffachuunidha. Keessumaa Rakkoo Onkoloolessa 7, 2023 Qaxanaa sana keessatti dhalate to'achuufi Israa'el fi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu "gahee jaarsummaa " Masiriin bahattee dinqisiifateera.

Akka xalayaa kanaatti, yaada furmaataa Tiraamp dhiyeesse bara hongeen jiru keessa bishaan akka Masiiriifi Sudaan qaqqabu wabii kennuu fi Itoophiyaan ammo human ibsaa maddisiiftee Sudaaniifi Masiriitti dabalatee hanga tokko akka gurgurtu hayyamuu jedha.

Galagalchi (CC) xalayaa kana: Ilma Mootii Sa'ud Arabiyaa Mahaammad Biin Saalmaan, Pirezidantii Yunaayitid araba Emireetis Sheek Mohaammad Biin Zaayid, Pirezidantii Itoophiyaa Taayyee Asqe-Sillaasee fi hogganaa Mana-maree walabaa Sudaan jeneraal Abdel fattaah Al-Buraaniif ergameera. Kun ammoo dhimmichi bifa idil-addunyaa akka qabate agarsiisa.

Mariin jaarsummaa Ameerikaan taasifamu kun yoomiifi bifa akkamiin akka deebiyee jalqabamu ifa ta'uu baatus, xalayaan kun Waashingiteen dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennitee akka itti deemaa jiru agarsiisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp ji'a Onkoloolessa 2025 keessas dhimmi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa dhimma ijoo isaa ta'uun himamee ture.

Gorsaan Olaanaan Dhimmoota Afrikaa, Arabaa fi Baha Giddu Galeessaa, Pirezidaantii Ameerikaa Massad Bowulos waldhabdee Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti ka'u furmaata akka argatuuf Waashingitan deeggarsa barbaachisu kan taasiftu ta'uu irra deebiin ibsee ture.

Waldhabdeen kun kara siyaasaa osoo hin taane "mala teeknikaa" fayyadamuun furmaata argachuu qabas kan jedhe gorsaan pirezidant Tiraamp, dhimmi Hidha Laga Abbayaa dhimma pirezidaanitichaa ta'uu hime.

"Kun bu'uuraan dhimma haala teeknikaatiin ilaalamuu qabu waan ta'eef, furmaata nama hundaaf hojjetu adda baasuuf carraaqaa jirra, keessumaa tooftaa teeknikaa fayyadamuun," jechuun Bowulos miidiyaa Al Arabiyaatti himuun isaa ni yaadatama.

Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo gara garaatti dhimma Hidhaa Haaromsaa Guddicha IToophiyaa fi hariiroo Itoophiyaafi masirii gidduu jirurratti dubbii falmsiisoo ta'an dubataa ture.

Bara bulchiinsa isaa marsaa jalqabaa keessatti Pirezidaant Doonaald Tiraamp Masiriin Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ni rukkutti jechuun dubbatee ture.

Adoolessa 2025 ammoo Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp, ''Itoophiyaan irra caalaa Hidha Haarumsaa Guddicha maallaqa Ameerikaan ijaarte,'' jechuun yeroo sadaffaaf irra deebiin dubbatee ture.

Haata'u malee, Hidha kana Itoophiyaan baasii fi ogeessota mataa isheen hojjette.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''doggoraa'' jedhe.

Kana malees, Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''waldhabdee'' Itoophiyaafi Masriin sababii Hidha Guddicha Haaroomsaatiin walqabatee gidduusaanii ture dhaabsiisuun ''nagaa'' buusuu dubbatee ture.

Itoophiyaan kana dura Ameerikaan Masiriif loogdi jechuun komattee jaarsummaa Ameerikaan jalqabdee turte dhiistee baate.

Ergasii Gamtaa Afrikaa jalattai marii bal'aan gaggeeffamaa turus osoo waliigaltee dhumaarra hin gahiin hafaniiru.