Dhimmi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa dhimma ijoo Tiraamp - Gorsaa Pirezidantichaa

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Gorsaan Olaanaan Dhimmoota Afrikaa, Arabaa fi Baha Giddu Galeessaa, Pirezidaantii Ameerikaa Massad Bowulos waldhabdee Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti ka'u furmaata akka argatuuf Waashingitan deeggarsa barbaachisu kan taasiftu ta'uu irra deebiin ibsan.

Waldhabdeen kun kara siyaasaa osoo hin taane "mala teeknikaa" fayyadamuun furmaata argachuu qabas kan jedhan gorsaan pirezidant Tiraamp, dhimmi Hidha Laga Abbayaa dhimma pirezidaanitichaa ta'uu himan.

"Kun bu'uuraan dhimma haala teeknikaatiin ilaalamuu qabu waan ta'eef, furmaata nama hundaaf hojjetu adda baasuuf carraaqaa jirra, keessumaa tooftaa teeknikaa fayyadamuun," jechuun Bowulos miidiyaa Al Arabiyaatti himan.

Waldhabdeen kun Masrii, Sudaan, fi Itoophiyaaf "dhimma jiraachuuf fi jiraachuu dhabuu" ta'uu ibsuun, hidhichi xumuramee sirnaan eebbifamuu isaa hordofee "amma dhugaa ta'eera" jedhan. Garuu ''dhugaa jiru kana keessaa furmaanni argamuu qaba,'' jechuun cimsanii dubbatan.

Hidhi haaromsaa kan dandeettii kuufama bishaanii meetir kiyuubii biiliyoona 74 qabatu kun bara 2011 irraa eegalee ijaaramaa kan ture yoo ta'u baatii fulbaana darbe eebbifameera.

Marii waggoota kurnan oliif Masrii, sudaan fi Itoophiyaa gidduutti taasifamaa ture utuu walii galteerra hin gahamin hidhichi ijaaramee xumurame.

Kaayiroo fi Kaartuum hidhichi hanga bishaanii argachuu qabnu nu jalaa hir'isaa sodaa jedhuun yaaddoo akka qaban himu.

Itoophiyaan ammoo gama kanaan yaaddoon jiraachuu akka hin qabne irrra deddeebin ibsaa jirti.

Ameerikaan Kaayiroo fi Finfinnee gidduutti tumsa nagaa jajjabeessuu itti fuftee jirti kan jedhan Bowulos, lamaan isaanii "biyyoota walitti dhufeenya seenaa waldhabdee uumuu hin qabneen walitti hidhaman'" jechuun ibsaniiru.

Dhimma kana daawwannaa tibbana Itoophiyaa fi Masriitti taasisaniin mari'achuu isaanii hubachiisuudhaan, qunnamtiin mootummoota Ameerikaa fi Masrii gidduutti ammallee itti fufee akka jiru ibsaniiru.

Waa'ee pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp yeroo dubbatan Bowulos dhimmi hidhaa haaromsaa (GERD) "dhimma tarsimoo fi baay'ee barbaachisaa" akka isaaniif ta'u eeran.

''Pireezidant Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaa keessatti dhimma kanaaf furmaatni akka argamu carraaqqii guddaa akka godhan ni beekna," jechuun waliigaltee teeknikaa xumuramuu fi Waashingitanitti mallattaa'uuf qophaa'uu isaa yaadachiisanii, sun garuu haala tokko tokkon utuu hin milkaa'iin hafus dubbatan.

Gorsaa Olaanaan Dhimmoota Afrikaa, Arabaa fi Baha Giddu Galeessaa Pirezidaantii Ameerikaa Massad Bowulo

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gorsaa Olaanaan Dhimmoota Afrikaa, Arabaa fi Baha Giddu Galeessaa Pirezidaantii Ameerikaa Massad Bowulo
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa marii dhimma kana irratti xiyyeefate Sadaasa 2019 hanga Guraandhala 2020 gidduutti haala mijeessaa turan.

Yaalii walfakkaataan Gamtaan Afrikaatin ergasii tasifames bu'aa hin argamsiisne.

Tiraamp ammas Pirezidaantii Masrii Abdel-Fattah El-Sisi fi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad walitti fiduuf yaaluun ni mala jedhamee gaafatamee, Bowulos, "Yoo Waaqni jedhe kaayyoo sanaaf carraaqaa jirra" jechuun deebii kennaniiru.

Mariin akkanaa kun "bu'uura Afrikaa keessatti, tarii taatee Gamtaa Afrikaa waliin walqabatee dhufu madditti" ta'uu akka danda'u kan agarsiisan yoo ta'u, US jalqabbii rakkoo kana karaa nagaa furuuf kaayyeffate kamiyyuu "ni simatti, ni deeggarti, ni gargaarti" jedhan.

Dilbata darbe prezidaant Al-Sisiin Itoophiyaan bulchiinsa hidhichaa irratti adeemsa "ittigaafatamummaa hin qabne" yoo raawwattu Masriin "harka marattee teessee hin ilaaltuu'' jechuun akeekkachiisuun, nageenya bishaanii biyyattii eeguuf "tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta'an hunda akka fudhatan ibsuun ni yaadatama.

Torban Bishaan Kaayiroo 8ffaa irratti Al-Sisiin hirkattummaa Masrii dippilomaasii fi dhaabbilee idil-addunyaa keessattuu UN irratti of gatte akka mallattoo dadhabinaatti ilaalamuu osoo hin taane akka agarsiiftuu cimina, bilchina, fi fedhii biyyoota laga Naayil hunda eeguuf marii fi tumsaaf kutannoo qabaachuutti ilaalamuu akka qabdu ibsan.

Itoophiyaan gama isheen Masriin masaanummaa Itoophiyaarraa qbdu itti fufuu himatte.

Ministeerri Bishaaniifi inarjii Itoopihyaa haasaa Al Siisiin dhimmaa Hidhichaa ilaalchisuun tibbana dubbatan hordofee, Masriin imaammata dogoggaraa ilaalcha bara koloniirratti hundaa'een Itoophiyaa waliin waltumsuu caala xiqeessitee ilaaluutti jirtii jechuun qeeqera.