Hidhi Abbayyaa xumurame, Masriin si'achi Itoophiyaa maal gochuu malti?

Itoophiyaan hidha guddicha Afrikaa laga Abbayyaarratti ijaarteefi akka kallachaatti ilaaltu osoo Masriin watwaattuu xumurtee hojii eegalsisteetti.
Hidhi kuni humna maddisiisuun Afrikaa keessaa isa guddichadha. Hidha Masriin ijaartees ni caala. Lammiileen Itoophiyaas gammachuu ibsaniiru.
Haa ta'u malee, jalqabumaa ijaarsa kana kan mormaa turte Masriin akeekkachiisa baaste.
''Callisnee hin ilaallu'' jechuun guyyaa eebba hidha kanaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti xalayaa katabde.
Qaami UN kuni nagaa fi tasgabbii addunyaa kabachiisuu, dhibdee idil-addunyaatti geessu qorachuufi furmaata kennuuf aangoo guddaa qaba.
Mana Maree kana keessatti biyyoonni shan sagalee sagaleen kuffisuu danda'anillee jiru.
Yeroo jalqabaaafis ta'u baatu dhimma kana wiirtuu ijoo addunyaa kanatti geessuun 'fedhii ummataafi Masrii kabachiisuuf' waan hunda akka gootu ibsiteetti.
Itoophiyaan ijaarsa waggoota shan fudhata jedhame waggoota 14'tti fixuun hidha kana eebbisiisuun 'barri mataa gad-qaban' dhumateef jetteetti.
Masriin si'achi maal gochuu dandeessi? Dhimmoota ijoo ta'an ilaalla.
Itoophiyaa mudduu
Itoophiyaan waggoota kudhanii oliif dhibbaa dippilomasii Masrii irra aanuun hidha Abbayyaa ijaarte ifatti hojii eegalsisteetti.
Garuu, eebba dura guyyoota muraasa dura wanti Itoophiyaan itti jirtu ''yaaddoo'' hin buqqaane nutti ta'e jechuun Masriin Sudaan waliin dubbatte.
Guyyaa hidhi eebbifamemmoo Itoophiyaa balaaleeffachuun dhimmicha gara UN geessiteetti.
Aangawaan duraanii mootummaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Iwinatu Bilaattaa Dabalaa Masriin hin dhaabattu jedhu.
''Masriin yoomiyyuu taanaan hidha laga kanaa gufachiisuudhaaf, fashalsiisuudhaaf waan isaan hin godhin tokkollee hin jiru.
''Waan gochuu danda'an hunda godhaniiru. Kana boodas waan gochuu danda'an hunda itti fufu.''
Keessumaa biyyoota Arabaa keessatti ''irree guddaa waan qabduuf'' Itoophiyaarratti dhiibbaa cimsuu itti fufuu dandeessi jedhu.
Asirrattimmoo, Ameerikaaf michuu jabaa ta'uun ishee hiree kana bal'isuu danda'a.
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp osoo hidhi kuni hin eebbifamiin dura irra deddeebiin Masrii bira goranii dubbachuun isaaniis waan biraati.
''Isarratti hojjechaa jirra. Rakkinichi furmaata argata,'' jechuun gidduu akka seenan Tiraamp dubbataniiru.
Si'achi waan ta'uf deemu ifa ta'u baatus, Masriin ejjennoo Tiraamp jajuun qooda isaanii akka eegdu ifa gooteetti.
Tiraamp Itoophiyaarratti dhibbaa yoo godhan, akka deebiitti Ameerikaan Masriirraa maal eegdi yaadni jedhu akkuma jirutti ta'e jechuudha.

Xiinxalaa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr Bizunaa Yimanuunis, Masriin mormuu akka itti fuftu himu.
Xinxaltoonni yeroo adda addaatti BBC'n dubbise dhimmi Hidha Abbayyaa dhimma bishaanii qofa osoo hin taane dhimma siyaasaa, dinagdee, jiopolotikaa akka ta'es eeru.
Ministirri Muummee Abiy hidhichi xumuramuun ''.. haalli seenaa ji'opilitikaa xiqqeenya Itoophiyaa dhumeefiira, ejjannnaan ji'oopolitikaa Itoophiyaa fooyya'eera jechuudha'' jedhan.
Kuni ''dhugaa jala sararameedha'' jechuun rakkoowwan Itoophiyaa keessa jiran Abbayyaa gadi akka ta'an eeran.
Abbayya hidhuun Itoophiyaaf irree akka bal'isu, mataa akka ol qabu himan.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Itoophiyaan naannichatti 'irree cimsachuun' Masrii hin gammachiisu.
Hidha Abbayyaa bulchuuf yaaluu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Masriin hidha ijaarameen hammi bishaanii natti yaa'u xiqqaata, bara hongeen dhufe balaarran bu'a yaada jedhu qabdi.
Itoophiyaan immoo kaayyoo akkanaa hin qabnu, hanga yoonaas bishaan hanqate hin jiru jechuun deebisti.
Masriin wanti irra-deddeebiin kaasaa jirtu Itoophiyaan osoo biyyoota Yaa'a Gadii hin mariisisiin ''gam-tokkeedhaan'' hidha kana hoogganaa jirti kan jedhudha.
Ambaasaaddar Iwunatuun ''Waliigaltee kanaan dura yeroo kolonii jala turan inni sun akka itti fufu gochuudhaaf ijibbaata guddaa gochuu itti fufu dandeessi ammasi,'' jedhu.
Masriifi Sudaan waliigaltee bara kolonii (1929 fi 1959) Itoophiyaan alatti mallatteessan kabachiifachuu barbaadu.
Xalayaa Masriin UN'tti barreessiteen, hidhi Itoophiyaa ''Pirojektii gam-tokkee seera idil-addunyaafi dambiiwwan biyyoota yaa'a Baha Abbayyaa ittiin bulan cabsudha,'' jedha.
Itoophiyaa, Masriif Sudaan waggoota darban irra deddeebiin marii ta'anis waliigaluu hin dandeenye.
Hidhi Itoophiyaa bishaan keenya xiqqeessa kan jedhan Masriifi Sudaaan akkaataa bishaan itti guutamuufi bulchiinsa isaa Itoophiyaan waliigaltee akka mallatteessitu barbaadu.
Haa ta'u malee, Itoophiyaa waliin walii galuu hin dandeenye. Osooma isaan mormanii waggoota walitti aananiif hidha bishaan guuttee eebbisisteetti.

Ta'us, ammallee waliigalteen akkanaa akka jiraatu gaafachaa jiru. Itoophiyaanis, ammallee mariif qophii ta'u ibsiteetti.
Masriin xalayaa UN'tti barreessiteen ''Itoopjhiyaan mataa jabaatte'' jechuun biyyattiin hidhicha ''misoomaaf osoo hin taane ajandaa siyaasaaf'' itti dhimma bahaa jiru jechuun himatteetti.
Ambaasaaddar Iwunatuun ''Kan biraa lagni kuni yeroo guutamu yeroo operate [hojii eegalu] godhu akkaataa oppireeshinii isaarratti waliigaltee Itoophiyaa waliin akka godhamu dhiibbaa gochuu dandeessi.
''Ammallee itti fufti. Karaa dippilomaasii itti fuftee jirti,'' jechuun BBC'tti himan.
''Hidhaan laga Abbayyaa kuni qabeenya dhuunfaa Itoophiyaati. Oppireeshinii isaa manage [to'achuu] gochuu jechuun mirga walabummaakee dabarsite kennuu jechuudha.
''Maal jechuudha kuni? Kuni gonkumaa ta'uu hin danda'u. Hidha Masrii qabdu isa kam keessattidha biyyoonni alaa hiree qabaatanii hamma har'aatti.
''Gonkumaa ta'u waaan hin dandeenyedha. …Gonkumaa mariif waan dhihaachuu qabu miti,'' jedhu.
Xiinxalaa siyaasaa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Rashiid Abdiimmoo Itoophiyaan hidha kana xumuruun waliigalteen bara kolonii hiika dhabe jechuuudha jedhu.
'Tarkaanfii gosa hundaa' fudhachuu
Masriin waggoota dheeraaf Itoophiyaa akeekkachiisaa baate. Ejjennoo ishee tibbanaanis, kana akeekteetti.
Itoophiyaan bulchiinsa bishaan Abbayyaa ''gam-tokkeen'' to'achuuf yaalii taasistu Masriin akka hin agarre callistee bira hin dabartu jechuun akeekkachiiste.
''Akkaataa seera idil-addunyaafi chaartara UN irratti eerametti, Masriin lubbuun jiraachuu ummatashee kabachiisuuf tarkaanfii gosa hundaa fudhachuuf mirga qabdu ni fayyadamti,'' jedha.

Madda suuraa, White House via @realDonaldTrump
Tarkaanfiin kuni maal akka ta'e ifa ta'udhaas baatu kanneen waraanatti fudhatan jiru.
Bara 2020 Pirezidant Tiraamp illee Masriin hidha kana ''rukutuuf'' jirti jechuun dubbataniis turan.
Dhimma kanarratti hayyuun Itoophiyaafi Masrii yaada walitti dhihaatu qabu.
Ogeessi seeraa UN keessa waggoota 38 ol taajaajilan Obbo Baayisaa Waaqwayyaa Masriin kana booda inumaa Itoophiyaaa bira dhaabbachuu qabdi jedhu.
Inumaayyuu kana booda Itoophiyaan gaaffii fi yaaddoo Masiriif qofa deebii kennuu dhiistee ''siyaasicha gara Masiriitti deebisuu qabdi'' jedhan.
''Itoophiyaan suphaa fi nageenya hidha kanaaf kana booda Masiriin wagga waggaan maallaqa akka kaffaltuufii gaafachuu dandeessi'' yaada jedhu qabu.
Hidhi kun tuqamnaan ummata Sudaanii fi Masrii galaana medetiraaniyaaniitti naquu waan danda'uuf eegumsa isaa irratti Itoophiyaa tumsuu qabu amnataa jedhu qabu.
Yunivarsitii Kaayirootti ji'olojistii kan ta'an Pirof. Abbaas Shaaraakii immoo Itoophiyaan yeroo Masriin ''haala baay'ee hamaa'' keessa turte hidha kana eegaluu himu.
Yeroos ''Pirezidantii hin qabnu, waraanni keenyas ko'oomee ture'' ta'us, walitti bu'iinsatti adeemuu hin qabu jedhu.
''Isaan [Itoophiyaa] obbolaa keenya. Bishaan tokkorraa dhugna. Abbayyi isaan biraa dhufa,'' jechuun Masriin mariin akka furtu himu.
Itoophiyaaanis ammallee mariif qophii ta'uu ibsiti.
Dhimma Hidha Haaromsaarratti Itoophiyaa bakka bu'anii kan mari'ataa turan Faqqaa Ahimad Nagaash, Masriin hidhichi boombiin hin dhooftu Sudaaniif dabalatee ''of galaafachuu'' waan itti ta'uf jedhu.
Yoo hidhi kuni dhahame bishaanichi biyyoota lamaan akka ''mancaasu'' dubbatu.
Piroofeesarrii Masrii inumaa Itoophiyaan hidha kana akka ''meeshaa waraanaatti'' itti dhimma bahuu malti jedhu.
''Itoophiyaafi Sudaan gidduu muddamni ykn walitti bu'iinsi jiraate, meeshaa waraanaa yookiin xiyyaara malee Itoophiyaan Sudaaniin hidha [bishaanii] isheen balleessuu dandeessi.''
Itoophiyaafi Masriin seenaa keessatti si'a lama waraana seenaniiru. Biyyoonni lamaan olla ta'u baatanis, bara 1870 keessa Masriin karaa sadii Itoophiyaa weerartee turte.
Karaa lamaan ofirraa qolatanis, gama Bahaan garuu Haraariin waggoota kudhaniif akka bulchan seenaan ni ibsa.
Wantoota ijoo biroo Masriin gochuu maltu
Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad, guyyaaa eebba Hidha Haaromsaa Masriin hidha Itoophiyaan yaadda'uu ishee yoo dubbattu ''barfateera'' jedhee katabe.
Obbo Waaqoyyaanis ''Amma Masiriitti barfateera. [It's too late and too little]'' jechuun Masiriin homaa gochuu hin dandeessu jedhan.
Dr Bizuunaan ''Biyyoonni adda addaallee laga Abbayyaarratti hojii misoomaa hojjechuu yoo barbaadan akka isaan dhimma kana ariifachiiisan ni taasisa jettee hedduu yaadda'uu [Masrii] dandeessi,'' jedhu.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Itoophiyaan bishaan gara Abbayyaatti yaa'an irratti pirojektiiwwan biroo akka hin ijaarre Masriin gaafachuu itti fufuu malti.
Gama kaaniin, aangawoonni Itoophiyaa waggootaaf Masriin biyya jeequu, hidhattoota mootummaa lolan hundeessuu, hidhachiisuufi harka wayyaa jalaan mootummaa loluun himatu.

Madda suuraa, Office of Ethiopia's Prime Minister
Sababa kanaaf, Masriin ''diina ganamaa'' Itoophiyaati jechuun waamu.
Dhibdee amma jiru kanas Masriin mootummaa laaffisuuf itti dhimma bahu malti yaada jedhu qabu.
Himannaa akkanaarratti Masriin deebii kennitee yoo beekti ta'e ifa miti.
Itoophiyaan Somaaliyaa waliin yeroo wal dhabde Masriin saffisaan Somaaliyaa bira dhaabatte.
Itoophiyaan Ertiraa waliin yeroo muddama seentus Masriin Ertiraa ofitti qabde. Sababa kanaaf, Gaanfa Afrikaatti qooda ishee kana itti fufuu malti jedhu xiinxaltoonni.
Itoophiyaan hidha Abbayyaan ala ulaa galaanatti ishee baasu gaafataa jirti.
Biyyoota kana dura aantummaan morman keessaa tokko biyya ollaa Itoophiyaa hin taane, Masrii akka taate ni yaadatama.
Itoophiyaan dhiibbaa Masrii irra aanuuf ''Nageenya keessooshee cimsuu... wal waraansa xixiqqaafi guguddaa biyya keessa jiru qabbaneessuu,'' akka barbaachisu Dr Buzunaan gorsu.
Masriifi Itoophiyaa maaltu waliigaltee dhorke?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.
Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.
Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.
Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.
Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.
Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.
Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.
Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.
Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.
Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.
Masriin waliigaltee durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf itti dhimma baati.
Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruun xumurte.












