Masriin hooggansa Hidha Haaromsa Itoophiyaa mormuun UN'tti xalayaa barreessite

Madda suuraa, Getty Images
Masriin Itoophiyaan hidha ijaartee eebbisiisuun hojii eegalsiisuushee mormuun Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti xalayaa barreessite.
Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdallaatii Pirezidantii Mana Maree Nageenyaa UN (UNSC)'f barreessan jedhame Itoophiyaan adeemsa ''gam-tokkee'' hordofte jedha.
Itoophiyaan hidha laga Abbayyaarratti waggoota 14'n darbaniif ijaaraa turte dureewwan biyyoota Baha Afrikaa argamanitti guyyaa Kibxataa eebbisisteetti.
Osoo Itoophiyaan eebbarra jirtuuti Masriin xalayaa barreessuu miidiyaan biyyattii Al Ahiraam kan gabaase.
Eebbi hidha kanaa Itoophiyaa keessa gammachuu guddaa uumuus, jalqabaa eegalee kan mormaa turte Masriin garuu balaaleeffatteetti.
Al Ahiraam akka gabaasetti xalayaan barraa'e ''Itoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) ofiishee hoogganuun'' akka walqabatu ibseera.
''Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa seera qabeessa fakkeessuuf yaaliin hin milkoofne taasifamuus, seera idil-addunyaafi qajeeltoo mormuun tarkaanfii gam-tokkee,'' fudhatamedha jedheera xalayaan barraa'e.
Dabaluunis, Itoophiyaan hidha kana eebbisiisanii hojii eegalsiisuun seerawwan idil-addunyaa kana dura cabsite jedhen alatti seera dabalataa cabsite jedheera.
Ministirri Dhimma Alaa Masrii tarkaanfii ''gam-tokkee gama Itoophiyaan fudhatamu mara ni balaaleeffata,'' jedhameeraa.
Dhimma kanarratti gama Itoophiyaa wanti jedhame jiraachuu baatus aangawoonni Itoophiyaa hidhi kuni Masrii akka hin miine irra deddeebiin dubbataa turan.
Masriin maal jette?
Itoophiyaan waggaa kudhan oliif waltajjiiwwan idil-addunyaarratti Masrii irratti olaantumaa dippilomaasii gonfachuun Hidha Guddicha laga Abbayyaa irratti ijaarte eebbisisteetti.
Kuni Itoophiyaaf akka milkiitti ilaalamuus Masriin boodarra Sudaan immoo hamma bishaan nutti yaa'u ni hanqisa jedhanii yaaddoo himatu.
Itoophiyaan lammiilee miiliyoona dukkana keessa jiraniif anniisaa elektirikii dhiheessuuf ishee gargaara.
Dhiheessii bishaaniif Abbayya kan abdattu Masriif garuu hammi bishaan natti yaa'u xiqqaatuu mala jettee yaaddofti.
Xalayaan kuni Itoophiyaan ''gam-tokkeen pirojektii kana eegalteefi eegasiis, Kaayiroon [dhibdee jiru furuuf] dippilomasiifi dhaabbilee idil-addunyaatti - UN dabalatee,'' iyyachuu xiyyeeffatte jedhe.
Masriin dippilomasiitti cichuun 'faayidaa biyyaalessaashee kabachiisuuf humna dhabde osoo hin taane' biyyoota yaa'a gadiif wal tumsuutu barbaachisa ilaalcha jedhuuni jedheera.
Tumsi kuni seera idil-addunyaafi yaaddoo biyyoota yaa'a gadii kan yaada keessa galche ta'uu qaba jedha akka Al Ahiraam gabaasetti.
''Faallaan garuu Finfinneen, mataa jabaachuufi marii harkisuun'' himateera.
Xalayaan Masrii barreessite Itoophiyaan biyya keessa deeggarsa cimsuuf ajandaa siyaasaa of dura aansuun himate.

Masriin ''ilaalcha dogongoraa'' waan adeemuu callistee ilaalti jedhu hin qabu jechuun ibse.
''Masriin seera idil-addunyaafi Chaartara UN jala jiruun fedhii ummatashee jiraachuufi jiraachuu dhabu kabachiisuuf mirga qabdi,'' jedheera.
Masriin dhimma Hidha Haaromsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti yoo dhiheessitu kuni yeroo jalqabaaf miti.
Itoophiyaan waliigaltee bara kolonii mallattaa'etti hin bitamu jechuun irra deddeebbiin ejjennoo ishee ibsuun ni yaadatama.
Biyyootni sadii - Itoophiyaa, Masriifi Sudaan - waliigaluuf mariin irra deddeebiin taasisan ija godhachuu hin dandeenye.
'Obboloota keenya hin miidhu' - MM Abiy
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eebba Hidha Haaromsaa irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad hidhi kuni guddina waloof nu gargaara jedhan.
''Obboloota keenyaaf [Sudaaniifi Masrii], Itoophiyaan hidha kana kan ijaarte badhaadhuufi, naannicha [Gaanfa Afrikaa] anniisaa elektirikii dhiheessuufi seenaa ummata gurraachaa jijjiiruufi,'' jedhan.
''Obbolootashee miidhuuf yaadamee miti,'' jechuun dubbatan.
Mootummaan Itoophiyaa aanniisaa hidha kanarraa argamu lammiileef dhiheessuun ala gabaatti baasuun waggaatti dolaaraa biiliyoona tokko argachuuf yaada qaba.
Pirojektiin humna ibsaa guddichi Afrikaa fi addunyaarrattis pirojektoota gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa wayita eebbifamu aanga'oonni biyyoota Afrikaa adda addaa argamaniiru.
Aanga'oota federaalaa fi naannolee Itoophiyaan alatti Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, Pirezidantiin Jibuutii Ismaa'el Omar Giilee, Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud fi Pirezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir argamaniiru.

Kana malees Ministirri Mummee Iswaatiinii Ruuseel Miisoo Dilaamiinii, Ministirri Mummee Baarbaadoos Amoor Motilii fi Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Alii Yuusuuf sirna kanarratti argamaniiru.
Aanga'oonni Afrikaa kunneen jala bultii eebba pirojektichaarraa eegaluun bakka argama pirojektii kanaatti kan argaman yoo ta'u, turtiisaaniin kutaalee pirojektichaa hunda daawwataniiru.
Pirojketichi akkuma injifannoo Adwaa milkaa'ina uummata gurraachaa [Afrikaa] hundaati kan jedhan MM Abiy, aanga'oota Afrikaa bakkichatti argaman galateeffataniiru.
Itoophiyaafi Masriin maaliif waliigaluu dhaban?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.
Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.
Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.
Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.
Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.
Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.
Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.
Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaan Laga Abbayyaa kanarratti hirkatti.
Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.
Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.
Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.
Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.
Itoophiyaan Masrii yaaddessitii?
Akka xiinxaltoonni jedhanitti, waggoota dheeraaf Masriin Itoophiyaa to'achuu barbaaddi.
Gaaffiin Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruun, ulaa galaanatti baha jedhuufi kaanis Masrii hin gammachiisu jedhu.
Yunivarsitii Kuwiin Belfaast, UK argamutti kan barsiisan akkasumas dhimma Gaanfa Afrikaas kan xiinxalan Dr Buzunaa Yimanuu waa'ee yaaddoo Masrii akkanaan himu.
''Gaaffiin ijoo Masriin Itoophiyaarraa qabdu dhimma Galaana [Laga] Abbayyaa. Lammatammoo, humna cimaa naannichaa ta'urrattidha.
''Fakkeenyaaf hanga dhiheenyaa kanatti Masriifi Itoophiyaan akka humna cimaa naannichaa lamatti wal ilaalaa turan. ''
Hayyuun kuni akka jedhanitti, baay'ina ummataa akkasumas bakkeen biyyoonni lamaan itti argaman 'strategic' jechuunis bakka ijoo jedhamudha.
''Masriin haala kamiinuu Itoophiyaan galaanatti akka baatu hin barbaaddu. Gaaffii Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuuf qabdu kanaaf mormiti. Kanaaf, Ertiraa waliinis gamtaa uumuu barbaaddi,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Mootiin H/Sillaasee Ertiraan 'qaama Itoophiyaati' jedhanii Itoophiyaa jala bulchuu eegalan, gareen ''Bilisa Baasaa Ertiraa kan hundaa'e Masrii keessatti,'' jedhu Dr Buzunaan.
''Masriin deeggarsa maallaqaa gochaafi turte, leenjiidhaan gargaaraa turte. Sana jechuun maali diina Itoophiyaa kan itti fakkaatu hundayyuu ni gargaarti jechuudha.
''Kan gargaartu maaliifi Itoophiyaan akka biyya dadhabduu taatu, siyaasa Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaatti gaggeeffamu keessatti akka Itoophiyaan hirmaattuufi humna qabaattu hin barbaaddu.
''Kuni beekamaadha,'' jechuun ibsu.
Akka hayyuun kuni jedhanitti, Itoophiyaan guddachuufi tasgabbaa'un Masriif ''akka sodaatti'' ilaalama.
''Bakka Itoophiyaan jirti jettee yaaddu hunda asumaafi achi marsuun ishee seenaadhumarraa ka'e waan jiru,'' jedhu.
Sababa kanaaf Masriin mormii itti fufuun ni eegama yaada jedhu qabu.












