Itoophiyaafi Masriin maaliif 'diina' ta'an? Seenaan dudduubee maali?

Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pirezidantii Masrii Abdalfattaah al Siisii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Abiy Ahimad hariiroo Itoophiyaafi Masrii fooyyessuuf yaalaa turan

Itoophiyaafi Masriin wal hin daangessan. Haa ta'u malee, dhibdeefi 'diinummaan' waggootaaf ture gidduu isaanii jira.

Kuni, Itoophiyaa Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruu dura kan turedha.

Biyyoonni naannichatti ummataafi dinagdee guddoo qaban maalif wal dhaban?

Wanti Itoophiyaafi Masrii wal dhabsiisu Abbayya qofaa? Moo waan biraas jira? Dhuguma biyyoonni lamaan hariiroon isaanii akkana turee?

Dhimmoota jedhaniifi kaan hubachuuf BBC'n hayyoota lama affereera.

Dr Bizunaa Yimanuu, Yunivarsitii Kuwiin Belfaast, UK argamutti barsiisu. Dhimma Gaanfa Afrikaas itti dhiheenyaan hordofu, xiinxaluus.

Dr Tasfaayee Tolasaa immoo Yunivarsitii Wallaggaatti barsiisaafi qorataa seenaati.

Waggoota kudhan ol darbaniif dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaarteen muddamni Itoophiyaafi Masrii cimeera.

Dhimma isaanii waltajjii guddicha addunyaa dhimma biyyoota ilaalu, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gaheera.

Ta'us, waggoota 15' ta'uf mariifi jaarsummaan furuuf yaalamus ija godhachuu hin dandeenye.

Kanuma keessa Itoophiyaan hidha kana xumuruu beeksisteetti. Masriif kuni akka 'ibidda saafaa' gubaani jira jedhu xinxaltoonni.

Mormuus hin dhiifne. Caldhiftee akka hin ilaalles beeksisteetti.

Itoophiyaafi Masriin duruu 'diina' turanii?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aangawoonni Itoophiyaa yeroo garagaraatti Masriin hidhattoota mootummaa lolaniif dahoodha, ni hidhachiistis jechuun yeroo dheeraaf himatu.

Sababa waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand mallatteessaniin, hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa hammaatee ture.

Yeroos, Masriin Somaaliyaa bira dhaabbatte. Ertiraa waliinis walitti dhufanii gaaffii Itoophiyaa busheessan, balaaleeffatanis.

Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa kana dura ''Masriin duruu diina Itoophiyaati'' jedhanii ifatti dubbataniiru.

''Masriin diina ganamaa Itoophiyaati. Seenaa keenya guutuu keessatti nuun dadhabsiisuun hojii hunda kan hojjetan isaanidha.

''Ertiraa kan fottoqsan, galaanarraa akka fagaannu kan godhan isaanidha,'' jechuun TPLF dabalatee WBO fi kaan 'kan uuman' isaanidha jechuun dubbatani.

Haa ta'u malee, hariiroon biyyoota lamaanii duruu akkanuma turee?

Dhimma kanarratti hayyuuleen lamaan yaada garagaraa qabu.

Dr Buzunaan Itoophiyaafi Masriin ''hanguma seenaan galmaa'e [taa'uu eegale] yoo ilaalle yeroo hunda waliigaltee hin qabani.

''Sababni isaa inni jalqabaa Masriin yeroo tokko lama Itoophiyaa weeraruuf yaalii gochaa turte. Fakkeenyaaf bara 1874 daangaa Itoophiyaa cabsitee seente.

''Ka'umsa burqaa laga Abbayyaallee to'achuuf kanaan dura fedhii akka qabdu, kanaan duras karaa Harariin qaroomni Harar ol ba'e [guddate] sanallee waggaa kudhan wayii Harariin to'achuu seenaa keessatti barraa'ee jira.

''Jalqabumaa kaasee Masriin Itoophiyaa to'achuuf yaada ni qabdi. Yoo immoo humnoonni alaa biyya fagoorraa dhufanillee jara waliin gamtaa uumtee gara Itoophiyaatti cabsitee seenuuf fedhii guddaa ni qabdi.

''Kanaafuu, wal gaareffannaan Itoophiyaafi Masrii gidduu jiru waggoota dhibbaatamaan lakkaa'amu kan turedha,'' jechuun ibsu.

Akka isaan jedhanitti, dhibdeen isaanii ''seenaarraa madda.''

Dr Tasfaayeen akka jedhanitti garuu biyyoonni lamaan ''diina'' qofa miti. Michummaas qabu turani jechuun ibsu.

''Kan inni eegalu amma miti durirraa kaasetidha. Yeroo warri Misiraa gara Punt dhufanii Punt kunimmoo naannoo Itoophiyaa keessatti argamti jedhama.

''Daldala waliin daldalaa turani. Isaan boodammoo yennaa amantaan Ortodoksii gara Itoophiyaatti dhufu warri Kooptik [Ortodoksii Masrii] gara Itoophiyaa kana namoota amantii Ortodoksii kana ergaafi turani.

''Fakkeenyaaf jaarraa afraffaa keessa nama lamatu dhufe, jaarraa shanaffaa keessa nama sagalitu dhufe.

''The nine saints [Qulqulloota Saglan jedhaman sana]'','' jechuun ibsu.

'Dhimmoota ijoo sadan'

Dr Tasfaayeen wanti Itoophiyaafi Masrii walitti fiduus, walitti buusus waan sadiidha jedhu.

''Inni tokko dhimma dinagdeeti, inni tokko amantiidha, inni tokkommoo nagaa Mormor Abbaay kan jennu kanadha.

''Gara amantiitti yeroo dhufnu yeroo baay'ee Paatiriyaarkiin hanga bara 1959'tti achirraa muudamee gara Itoophiyaa dhufa.

''Paatiriyaarkiin dhufan kuni dhimma amantiif qofa dhufu miti. Waan bishaan laga Abbaay kana, haala Itoophiyaan itti dalagaa jirtus [hordofu].

Hariiroon biyyoota lameenii hanga bara 1959 amantiidhaan cimee itti fufuu himu.

Lagi guddaa addunyaa, Lagni Abbayyaa kan addunyaan Naayil jedhee waamu maddi isaa 85% Itoophiyaadha.

Ta'us, waliigaltee bara kolonii mallattaa'een Masriin mirga bishaan kana fayyadamuu kan qabu anadha jetti. Itoophiyaan kana ni mormiti.

Dr Tasfaayeen dhimmi ijoo biyyoota lamaan walitti buusu Abbayyaadha jedhu.

''Dhimma Laga Abbaayi inni guddaan. Keessumatti jaarraa 19ffaa keessa impaayera guddaa Gaanfa Afrikaa ijaarra jettee Misir kaatee Itoophiyaarratti waraana bantee turte,'' jedhan.

Dureewwan Orodoksii Itoophiyaafi Masrii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manni Kirisitaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waggootaaf Paatiriyaarkiin Masriidhaa muudamaaf ture

''Waraana kana wal qabatee Mahadistoonnillee ka'ani Sudaan keessaa ishee ofirraa dhowwuuf ka'ani.

''Dhumarratti Itoophiyaan immoo Mootiin Yohaannis dogongoree Waliigaltee Hiwoot jedhamu jara [Ingiliziifi Masrii] duukaa mallatteessee gaafa inni baasu, Mahaadist achi as deebitee Itoophiyaa rukuttee, mooticha harka Mahaadistitti akka du'u ta'e.

''Warri Misir kuni egaa karaa Kaabaa to'achuu dadhabanii gad-darbanii 1875 kaasee 1885'tti Harar bulchaa turani.

''Isaan boodammoo Ingiliz gaafa biyya kana [Masrii] dhufte koloniidhaan qabattu dhimma Laga Abbaayiin to'achuu ture.

''Waliigaltee hamaa mallatteessu. Waliigaltee sana keessaa Itoophiyaa adda baasani,'' mallatteessan.

Kanaaf, ''diina ganamaa'' yoo jennuu baannellee ''dhimmi laga kanaan wal qabatu,'' biyyoota lama walitti buusaa ture jedhu.

Itoophiyaan Masrii yaaddessitii?

Akka xiinxaltoonni jedhanitti, waggoota dheeraaf Masriin Itoophiyaa to'achuu barbaaddi.

Gaaffiin Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruun, ulaa galaanatti baha jedhuufi kaanis Masrii hin gammachiisu jedhu.

Dr Buzunaan waa'ee yaaddoo Masrii akkanaan himu.

''Gaaffiin ijoo Masriin Itoophiyaarraa qabdu dhimma Galaana [Laga] Abbayyaa. Lammatammoo, humna cimaa naannichaa ta'urrattidha.

''Fakkeenyaaf hanga dhiheenyaa kanatti Masriifi Itoophiyaan akka humna cimaa naannichaa lamatti wal ilaalaa turan. ''

Hayyuun kuni akka jedhanitti, baay'ina ummataa akkasumas bakkeen biyyoonni lamaan itti argaman 'strategic' jechuunis bakka ijoo jedhamudha.

''Masriin haala kamiinuu Itoophiyaan galaanatti akka baatu hin barbaaddu. Gaaffii Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuuf qabdu kanaaf mormiti. Kanaaf, Ertiraa waliinis gamtaa uumuu barbaaddi,'' jedhu.

Madda ka'umsa Laga Abbayyaa kan addunyaan Naayiliin beeku keessaa 85% Itoophiyaarraati, 15% Yugaandaadha
Ibsa waa'ee suuraa, Madda ka'umsa Laga Abbayyaa kan addunyaan Naayiliin beeku keessaa 85% Itoophiyaarraati, 15% Yugaandaadha

Mootiin H/Sillaasee Ertiraan 'qaama Itoophiyaati' jedhanii Itoophiyaa jala bulchuu eegalan, gareen ''Bilisa Baasaa Ertiraa kan hundaa'e Masrii keessatti,'' jedhu Dr Buzunaan.

''Masriin deeggarsa maallaqaa gochaafi turte, leenjiidhaan gargaaraa turte. Sana jechuun maali diina Itoophiyaa kan itti fakkaatu hundayyuu ni gargaarti jechuudha.

''Kan gargaartu maaliifi Itoophiyaan akka biyya dadhabduu taatu, siyaasa Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaatti gaggeeffamu keessatti akka Itoophiyaan hirmaattuufi humna qabaattu hin barbaaddu.

''Kuni beekamaadha,'' jechuun ibsu.

Akka hayyuun kuni jedhanitti, Itoophiyaan guddachuufi tasgabbaa'un Masriif ''akka sodaatti'' ilaalama.

''Bakka Itoophiyaan jirti jettee yaaddu hunda asumaafi achi marsuun ishee seenaadhumarraa ka'e waan jiru,'' jedhu.

Waraana Itoophiyaafi Masrii

Itoophiyaafi Masriin kana dura waraana seenanii beeku. Biyyoonni lamaan wal daangessuu dhabanis, Masriin Itoophiyaa weeraruu dhuftee wal waraanan jedhu galmeeleen seenaa.

Keessumaa bara 1870 keessa iddoo Gundeet fi Guraa jedhamutti waraanni Itoophiyaa waraana Masrii injifachuu kitaabileen seenaa Itoophiyaa himu.

Barsiisaafi qorataa seenaa kan ta'an Dr Tasfaayeen, bulchaan Masrii Raa'uf Paashaa impaayera ijaaruuf jecha weerara baneen lolli eegale jedhu.

''Karaa sadiin waraana itti banani; karaa kaaba dhihaa, giddugaleessaafi bahaa irratti banani.

''Warri Kaaba dhihaa Yohaannis, Aluulaa Abbaa Naggaan rukutamanii deebi'ani. Warri karaa giddugaleessaan lixu yaalanis warra Affaariin rukutamani.

''Warra karaa Hararitu seenee Harariin waggaa kudhaniif bulchani.''

Waliigalteen waraana kana dhaabuuf Masrii, Ingiliziifi Mootii Yohaannis gidduu bara 1884, maqaa Waliigaltee Hiweet jedhu mallattaa'e.

Ta'us, warra Masriitti qabsoo gaggeessaa kan turan Mahaadistoonni Sudaan kanatti hin gammanne.

Warri Mahaadistii warra Masrii Itoophiyaafi Sudaan gidduu galchuun rukutuuf kaanaan warri Ingilizii gidduu seenan jedhu hayyuun seenaa kuni.

Warri Ingilizii Mootii Yohaannis Afraffaa waliin Waliigaltee Hiwoot (Hewet Treaty) mallatteessani.

''Yohaannis karaa Itoophiyaa keessaa Gibtsoonni gara Galaana Diimaatti bahanii akka deeman gaafa godhu Mahaadistoonni isa aaranii Itoophiyaarratti lola banani.

''Mootiin Yohaannis Afraffaa waraana kana gubbaatti du'e. Kanaafidha yeroo baay'ee daangaarraan karaa Kaaba-dhihaa seenuuf yaalii godhaa turan, [ta'us] seenuu hin dandeenye,'' jedhu.

Dhibbaan Masrii Itoophiyaa keessatti hangam jabaa ture?

''Olaanaa ture. Sababiin isaa yeroo sanatti Itoophiyaatti amantaan Ortodoksii amantii mootummaa ture hamma bara 1974'tti.

''Waan mootummaan godhe manni amantaa Ortodoksii hin godha, waan manni amantaa Ortodoksii godhe mootummaan ni godha.

''Isa keessattimmoo amantaa Ortodoksii kan bulchu warra Misiraati. Mootii Itoophiyaa kan muudu, kan buusu, kan abaaru kan mirkaneessu jaradha. Karaa phaaphaasota achii dhufaniitin,'' jedhu Dr Tasfaayeen.

Itoophiyaan garuu finciluun boodarra jechuunis bara 1959 Phaaphaasii ofii muuduu eegalte.

''Itoophiyaan Paatiriyaarkii ishee shuummatte karaa sana to'achuu akka hin dandeenye barani dafanii embaasii isaanii Itoophiyaa dhaabani.''

Itoophiyaan dhiibbaa Masrii akkamiin irra aanti?

Ajajaan Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa kana dura Masrii waliin lolli seenamee, Masriin mo'amuu dubbataniiru.

''Si'aa sadii si'a afur yaalanii mo'amanii hin danda'amu jedhanii deemaniiru,'' jedhan.

''Harka jalaan loluu barbaadu. Harka jalaan Itoophiyaa loluun [garuu] amma ni cima. Akka durii miti. Harka jalaanis, kallattiinis haa dhufu humni Itoophiyaa cimaadha.

''Nuun kan nu rakkise baandaa keenyadha,'' jechuun dubbatani.

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud, kan Masrii Abdul fattaah al Siisii fi kan Ertiraa Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Eritrean Information Ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliyaa, Ertiraafi Masriin 'Itoophiyaarratti wal tumsuuf' waliigalanii turan

Dhimma kanarratti kan dubbisne Dr Buzunaan, waan Itophiyaan gochuu qabdu gorsu.

''Nageenya keessooshee cimsuu, tookkummaa keessoo cimsuu, wal waraansa xixiqqaafi guguddaa biyya keessa jiru qabbaneessuu, mormitoonni meeshaa baatanii mootummaa mormaa jiran nagaa buusuu danda'amnaan '' salphaa akka ta'u him.

Ameerikaan qooda Masriin Giddugala Bahaa keessatti qabduuf deeggarsa cimaa gootiif. Masriin gargaarsi sunillee akka itti fufu barbaaddi.

''Itoophiyaan yoo tasgabboofte shoorri ishiin Gaanfa Afrikaarratti taphattu ni guddata.

''Humna ibsaan yoo of dandeesse, sanarrattimmoo dabalatee ulaa galaanaa yoo argatte Itoophiyaan wanta Galaana Diimaarratti ta'ullee to'achuuf shoora olaanaa taphatti waan ta'ef kuni Masriin hin gammachiisu,'' jedhu Dr Buzunaan.