Biyyi 'tarsiimoo obsarratti hundaa’e qabdu' Iraan Baha Giddugalaatti akkamiin dhiibbaa uumuu dandeesse?

Ayaatolaa Khameenii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ayaatolaa Alii Kameenii hogganaan Iraan duraanii Ayaatolaa Ruhollaa Kameenii du'uu horfee aangotti dhufan

Iraanifi Israa’el Baha Giddu Galeessatti biyyoota jajjaboo lama, garuu argaa walii jibbuun ija waliitti tufaniidha. Yeroo kaan arrabaan, yeroo kaan ammoo misaa'elaan wal-haleelu. Isa fageenyarraa walitti dhaadataniin alatti marsaa lama misaa'elaan wal-haleelaniiru.

Akka har’a argaa walii jibban kana osoo hin taane, waggaa 45 fura Iraanifi Israa’el michuu turan.

Inumaayyuu Iraan Turkiitti aanun biyya Arabaa lammaffaa Israa’el akka biyyatti fudhatteedha jedhama. Iraanitti bara 1979 warraaqsi bulchiinsa sirna mootii Shah kuffise aangoo qabachuu hordofee ijjannoon Iraan Baha Giddu Galeessaa, keessumaa Israa’el irratti qabdu guutummaan jijjiirame.

Ayaatoolaa Kameenii akkuma aangotto dhufeen diinota lama qabna jechuun dubbate: USfi Israa’l. Haasaa jalqabaaf taasiseen US “seexana guddoo”, Israa’el ammoo “seexana xiqqoo” jechuun ibse. Israa’el Baha Giddu Galeessaa keessatti bakka buutuu Ameerikaa akka taatetti fudhachuun, beekamtii mootummaan Iraan duraan ture Israa’eliif kenne irraa mulqe.

Kanarraa ka’uun Iraan hanga ammaa Israa’elif beekamtii kennuu qofa osoo hin taane akka diina ijootti farrajjee jirti.

Israa’elis taanan, ilaalchifi ejjannoon isheen Iraanirratti qabdu yeroo gara yerotti jijjiiramaafi hammaachaa dhufe. Hamaasifi Hezbollaa kan amma ittiin lolaa jirtu dabalatee hidhattoota Huutifi milishoota Shiyaa Sooriyaafi Iraaq keessa jiran leenjisee “shororkaaf” kan bobbaasu Iraanidha jechuun itti dhaadatti.

Ameerikaafi Israa’el qofaa osoo hin taane biyyoota lixaa kaan waliinins walitti dhufeenyi Iraan baay’edhuma nagaa hin qabdu. Kanarraa ka’uun biyya qoqqoobbii garaa garaa jala jirtuudha.

Ofii Iraan dhiibbaa biyyoota lixaa dandamattee walakkaa jaarraatti kan dhiyaatuf Baha Giddu Galeessaa keessatti akkamiin dhiibbaa qabatamaa uumuu dandeesse?

Waraanni Baha Giddu Galeessatti eegale kun callisaafi obsa waggaa dheeraf Iraan ittiin beekamtu qoree jiraa? Baha Giddi Galeessatti Iraan humnoota hidhatan maalif deeggarti? Kanneen jedhanirratti xinxaala kana isinii qopheessineerra.

Ayaatolaan aangotti osoo hin dhufin akkamitti US 'gowwoomsee' qalbiishee hawwate?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraanitti erga Warraaqsi Islaamaa bara 1979tti mootummaa duraanii aangorraa kaasee Hoggganaa Olaanaa (Supreme Leader) lama qofa qabdi- kan jalqabaa Ayatolaa Ruhollaa Kameenii yoo ta’u, kan lammataafi amma aangorra jiru Ayatollaa Alii Kameenidha.

Ayatolaa Ruholaa Kameenii bara 1989tti du’uu hordofee Ayatolaa Alii Kameenii hogganaa olanaa Iraan ta’uun muudame.

Warraaqsa Islaamaa Iraan hogganaa kan tureefi mootummaa Shah Iraan kan waggoota hedduuf biyyattii bulchaa ture bara 1979tti aangorraa kan kaase Ayaatolaa Ruhollaa Kameenidha.

Bulchiinsi sirna mootii Shah aangorra ture US dabalatee michuu warra lixaa ture waan ta’eef Ayatolaan qalbii US karaa ittiin hawwatu barbaade. US yeroo sana waa lama gidduutti danqamtee turte: bulchiinsa sirna mootii deeggaruufi warraaqsa Iraan keessatti dhohee jiru akkamiin akka keessummeessitu.

Iraan keessatti jijjiiramni akka dhufu US ni deeggarti, garuummoo Warraaqsi Islaamaa dhohee ture, fedhiishee keessummeessurratti yaaddoo qabdi ture. Ayaatolaan carraa kanatti fayyadamuun dhoksaan US qunnamaa akka ture sanadoonni icciitii BBCn argate ni mul’isa.

Gabaasa BBCn xalayaawwan icciitii Ayatolaan pirezidaantota Ameerikaaf barreesse argachuun bara 2016 hojjate irratti, Ayatolaan xalayaa jalqabaa Ameerikaaf kan barreesse Sadaasa, 1963 ture. Xalayicha keessatti, Ayatolaan bulchiinsa Keneedii akka deeggaruufi Rippaabikni Islaamaa inni hundeessuf jedhu fedhii Ameerikaan Iraan keessatti qabduttis akka hin buune ibsa.

Yeroon kun yeroo yeroo itti Waraanni Hololee hoo’efi dhiibbaa Gamtaan Sooviyeetii taasisu dura dhaabbachuuf Ameerikaan michoota fagoofi dhiyoodhaa itti barbaaddu ture. Kuni ammoo Iraan keessatti warraaqsa gaggeeffamu galmaan gahuuf Ayaatolaaf carraa guddaa ture- fira Ameerikaa fakkaatee dhiyaachuu.

“Bulchiinsi Shah [sirna mootii Iraan kan ture] yeroo hamtuu keessa akka jiru Ayatolaan sirriitti hubate Carraa kanatti fayyadamee warri Ameerikaa akka filannootti akka isa fudhataniif itti fayyadame,” jedhanii ture Yuunivarsiitii Istaanfoorditti Daayirektara Qorannoo Dhimma Iraan kan ta’an Abbas Milaani gabaasa BBCn bara 2015 hojjate irratti dhiyaachun.

Ayaatolaan waggaa 15 booda ammas pirezidaantii Ameerikaa biraa, Jiimii Kaartar, qunnamuun mootummaan inni hundeessuf deemu faallaa Ameerikaa akka hin dhaabbanne ibseef.

Ayaatolaa Ruhollaa Kameenifi qondaalota isaanii

Madda suuraa, Getty Images

Hamma Ayatolaan bara 1979 aangoo qabachuuf torbanoonni muraasi hafanitti Jiimii Kaartariifi Ayatolaan dhoksaan qunnamtii gochaa turan. Ameerikaan ifatti mootummaa Shah deeggarti ture, harka lafa jalaan ammoo Ayatolaan akkamitti akka fedhii Ameerikaa Iraan keessatti eegsisu mariyataa turte.

Ayataatolaan xalayaa Ameerikaaf barreessen, “Rippaabilkni Islaamaa michuu Ameerikaa taatee itti fufti, omishi boba’aa US dhaaf ergamus akkuma duraanitti itti fufa” kan jedhuudha.

US ammoo “Iraan keessatti heerri hin jijjiiramu jechuu hin dandeenyu” kan jedhu ergaa isheen Ayatolaaf ergaa turte keessaa tokkoodha. Iraan keessatti sirni mootii akka jijjiiramu fedhii qabaachuushee kan agarsiisu ture.

Dubbiin akka US yaadde hin taane. Ayatolaan aangoo erga qabatee booda biyyi inni jalqaba diinummaan farraje Ameerikaadha. Ittaansun Israa’eli.

Ayaatolaan mootii Iraan akkuma aangorraa buusen mootummaa Rippaabilika Islaamaa Iraan labse. Lammiilee Ameerikaa ugguruun guuyyoota 445 tursiisun hiraarsaa ture. Siyaasi Baha Giddu Galeessan ni jijjiirama.

Ayatolaa Ruhollaa Kameenii waggaa 10 booda bara 1989tti du’uu hordofee Ayaatolaa Alii Kameenii aangoo qabate. Tarsiimoo Iraan biyyoota lixaafi Baha Giddu Galeessaa irratti qabdu hin jijjiirre. Inumaayyuu Iraan karaa ifaafi dhoksaan Baha Giddu Galeessaa keessatti dhiibbaa jabaa akka uumtu nama taasiseedha jedhama.

Iraan tarsiimoo obsa (strategic Patience) irratti hundaa'e qabdi maaf jedhamti?

Iraan biyyoota tarsiimoo obsa irratti hundaa'e qabu jedhaman keessaa tokko akka taatetu himama.

Qoqqobbii biyyoota lixaa dabalatee tarkaanfiwwan garaa garaa Israa'el al-kallattiifi kallattiin fedhiisheerratti qiyyaafataniin miidhamtus garuu ariifattee tarkaanfii biraa fudhachuu keessa hin seenne.

Keessumaa Iraan gabbisa nikulaaraa eegaluunsheen wal-qabatee USfi biyyooni lixaa akkasumas Israa’el “Iraan nikulara misooma anniisaaf osoo hin taane dhimma waraanaf oolchuu malti” sodaa jedhuun qoqqobbii garaa garaa irra kaa’aniiru.

Israa’el wal-tajjii UNfi wal-tajjiiwwan idila addunyaa garaa garaa irratti Iraan meeshaa waraanaa nikularaa sadaraakaa omishuurra gahaa akka jirtu himachuun tarkaanfin cimaan akka irratti fudhatamu yeroo garaa garaa waamicha dhyeessiti.

Hogganaan Olaanan Iraan Ayatolaa Alii Kameenii Israa'el "kaansariidha, shakkii tokko malee buqqaatee baduunshee waan hin oolledha" jechuun itti dhaadatanii ture.

Dubbii qondaalonni Iraan Israa'elitt dhaadataniifi sochii waraanaa naannawa Israa'elitti taasistu akka ragaatti kaasun "Iraan yaaddoo nageenya Israa'eli" jechuun farrajjeetti.

"Jawween Baha Giddu Galeessaa jeequ mataansaa Tehraan jira" jechuun qondaalonni Israa'el yeroo garaa garaa ni dhagahama.

Kanaaf ammoo Israa'el tarkaafiwwan garaa garaa lammiilee Iraan jajjaboodha jettee yaaddu: saayintistoota nikularaa, qondaalota waraanafi kaanis ajjeesaa akka turtetu himama.

Saayintistoota Iraan kan Israa'el ajjeeste keessaa tokko saayintistii nikularaa kan ta'e Masuud Aliimohamaadii ture.

Masuud hayyuu beekamoon saayinsii Kuwaantam Fiiziiksii yoo ta'u, bara 2010tti magaala Tehraan keessatti osoo hojiidhaaf manaa bahaa jiranu ture, boombii konkolaataarratti hidhamee fageenyarraa to’atamuun kan ajjeefame.

Itaansun saayintistii nikularaa biroo Maajiid Shaahiri’ariitu ajjeefame. Majiid akkuma Aliimohamadiin osoo gara hojii imaluuf jiruu mana jireenyasaatii akkuma baheen dhootuu konkolaatarratti kiyyeeffameen ajjeefame.

Ajjeechaa saayintistii kanaafis Iraan tika Israa'el Mosaad itti gaafatamaa goote.

Qondaalota waraanaa Iraan ajjeefaman keessaa tokko Janaraal Hasan Teehiraanii Moghaadaamidha.

Qondaalli kun ogummaa misaa'elaa waan qabuuf "abbaa misaa'elaa" jedhamuun beekama ture. Chaayinaafi Kooriyaa Kaabaatti saayinsii pilaastiik miisaa’eliitiin barnoota barachuun gara biyyasaaniitti deebi'ee ture.

Bara 2011tti haleellaa irratti gaggeeffameen innis du'e; du'a janaraala kanaafis Iraan Israa'elitti quba qabde.

Waggaa afur dura taaten rifaasisaan biraa Iraan keessatti mudate; saayinstistii nikularaa Iraan beekamaafi kabaja guddaa qabu Mohisaan Fakrizahaad bara 2020tti ajjeefame.

Tikni Israa'el, Mosaad, saayintistii kana ajjeessuf meeshaa waraanaa Hubannoo Nam-tolchee (AI) dhaan hojjatuufi fageenyarraa to'atamuuni kan ajjeese.

Iraaniis ajjeechaa nama kanaatiif Israa’eliin itti gaafatamtu gochuuf yeroo itti hin fudhanne. Israa’el ammoo akkuma barame haleellaawwan akkasiirratti yaada hin kennitu.

Waggaa 10 oliif daayirektara Mossad ta'uun kan tajaajilaniifi bara 2021 soorama kan bahe Yoosii Koheen waa'ee ajjeechaa saayintistootafi qondaalota Iraan keessaa Israa'el harka qabaachuu gaafatamanii saayintistoonni Iraan yeroo dheeraf adamsamaa akka turan himan.

"Namichi dandeettii lammiilee Israa'el yaaddoo keessa galchu qaba yoo ta'e dhabamsiifamuu qaba," jechuun dubbatanii ture qondaalli tikaa Israa'el kun.

Jeneraal Qaasim Sulemaanii

Madda suuraa, AFP/Getty

Barumsa sana waanti obsa Iraan qore biraa ishee mudate. Gaggeessaa humnoota Quds kan ta'e Jeneraal Qaasim Sulemaanin Iraaq keessatti haleellaa diroonii UStiin ajjeefame. Ajjeechaa US jeneraala Iraanirratti raawwatte kanaaf odeeffannoo tikaa kan mijeesse Mosaad akka ta'etu himama.

Tarkaanfiwwan Israa'eliifi US Iraanirratti fudhatan kunneen obsa Iraan waan qoranis Iraan garuu kallattiin deebii kennuurraa of qusattee turte.

Guyyaa itti obsi Iraan dhumate

Iraan waggootaf haleellaa USfi Israa'eliif kallaattiin deebii kennuura, humnoota Baha Guddu Galeessaa keessatti deeggartu kanneen akka Hamaas, Hezbollaa, Huutiifi milishoota biroo fayyadamuu filatti.

Qoqqobbiin USfi ajjeewwan Israa'el Iraan, Sooriyaafi biyyoota Baha Guddu Galeessaa keessatti taasisan dhiibbaa Iraan naannichatti qabdu dhaabsisuu hin dandeenye.

Iraan kallattiin itti gaafatamummaa fudhachuus Sooriyaa, Iraaq, Yaman, Libaanosifi Gaazaa keessatti dhiibbafi dhageettin isheen qabdu guddaadha- keessumaa hawaasa Shiyaa biratti.

Waraana waliinii Sooriyaa keessatti bara 2011 eegaleen biyyoonin lixaa mootummaa Bashiir Al-Asaad buusuf carraaqqii guddaa godhanis, mootummaa Al-Asaad aangorratti tiksuuf shoorri Iraan guddaa ture.

Gama biroon hidhattoonni Hezbollaa, kan Iraanin deeggaraman, kuma kudhaniin lakkaa'aman mootummaa Sooriyaa cinaa dhaabbachuun lolaniiru.

Sochiin Iraan naanno Baha Giddu Galaatti taasistu yeroo gara yerootti cimaa deeme. Sarara Walta'iinsa Warraaqsaa (Axis of Resistance) kan jedhamu tolchuun deeggarti, ni hidhachiifti, ni leenjisti, bajata ni ramaddi.

Wal-ta'iinsi kun Huutii-Hezbollaa-Hamaas-fi milishoota Shiyaa Iraaqifi Sooriyaa keessa jiraniidha.

Hidhattoonni Huutii, Iraanin deeggaraman, bara 2014 mootummaa Yaman magaala guddoo biyyattii Sana'aa hari'uun biyyattii gara heddu qabatan. Hidhattoota Huutii loluuf Sawudiifi biyyoonni biroo duula waraanaa bananis mo'uu hin dandeenye.

Hidhattoonni Huutii misaa'eela Iraanirraa argataniin buufata boba'aa Sawudii fa'aa haleelaa akka turan ni yaadatama.

Ollaa Israa'elittis, Iraan hidhattoota Hezbollaafi Hamaas hidhachiistee leenjisti.

Haleellan Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti gaggeesse haala nageenya Baha Giddu Galeessaa guutummaan waan jijjiire fakkaata.

Haleellaa Hamaas hordofee, Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu nageenyi Baha Giddu Galeessaa deebi'ee Israa'elitti yaaddoo akka hin taane gochuuf dhaadatan.

Israa'el Gaazatti duultee yeroon booda gaafa Ebla 1, 2024 haleellaa obsa Iraan fixachiise Embasii Iraan Sooriyaa jirurratti raawwachuun qondaalota waraanaa olaanoo Iraan lamafi walumaa galatti namoota torba ajjeeste.

Sooriyaatti ambaasaaddara Iraan kan ta'an Hoseen Akbari, "Xayyaaronni waraanaa Israa'el bakkan ani jiraadhufi embasicha gara qontsiilaa irratti xiyyeeffachuun haleelan" jechuun dippilomaatota dabalatee qondaalonni waraanaa olaanon ajjeefamuu dubb atanii ture.

Iraan walabummaa kootu sarbame jechuun Israa'el irratti kallattiin tarkaanfii fudhachuuf dhaadatte.

Akkuma dhaadatte yeroo jalqabaaf Israa'el irratti kallattiin dhukaaste. Misaa'elootafi dirooniwwan 300 ta'an gara Israa'elitti dhukaaste.

Tarsiimoo kanaan dura biyya tokko wajjin kallattiin lolatti seenurra humnoota diina biyyasanaa ta'an fayyadamuu akkasumas balaa dhufu fageenyatti ilaalanii obsuun yeroo mijataa eeggachuu jijjiirte fakkaata.

Israa'el tarkaanfiwwan dabalataan obsa Iraan qora fudhachuu ittuma fuftee Iraan keessatti qondaala olaanaa Hamaas Ismaa'el Haniyyaa gaafa Adoolessa 31, 2024 ajjeeste.

Itti dabaluun Libaanos keessatti hogganaa Hebollaa Hasan Nasarallaa haleellaa Beerututti gaggeessiteen ajjeeste.

Kuni ammoo Iraan tarkaanfii lammaffaa marsaa lammaffaa akka fudhattuuf ishee dirqisiise.

Marsaa lammaaa baliistik Misaa'ela 200 ta'uun Israa'el haleelte. Xinxaaltonni akka jedhanitti, Israa'el Iraanin gara waraana guututti harkisuufi US akka irratti hirmaattuf tuttuqxee haleellaa gaggeessaa akka turte himu.

Barruun Foreign Policy akka ibsetti, Iraan dhiibbaa keessofi michootasheerraa kan ka'e tarsiimoo obsaa hordofuu dhiiftee tarkaanfii ija jabinaa fudhachuu eegalte.

"Deeggartoonni ciccimoofi hawaasi biyya keessaa Iraan tarkaanfii fudhachuu dhiisun kufaatii tarsiimoo agarsiisaa deema jechuun dhiibbaa godhaniin Iraan ejjannooshee jijjiiruf dirqamteetti," jedha.

Qabxiin biraa barruun kun kaasu, Iraan yeroo ammaa tarsiimoo halaalatti sodaachisuu ykn ittisuu (policy on deterrence) hojiirraa oolchaa jiraachudha.

"Humni Eegumsa Warraaqsaa Iraan (IRGC) haleellan humnaa inni [Israa'el] irratti raawwate Iraan Israa'el irratti miidhaa qaqqabsiisuu akka dandeessu kan agarsiisedha," jechuun haleellan marsaa lammataarratti Iraan Israa'el irratti gaggeessite humna biyyattii kan agarsiise ta'uu ibsa.

Misaa'eloonni Iraan sirna ittisaa Israa'el darbanii seenun buufata waraanaa Israa'el haleeluu danda'aniiru.

Haleellaa balistik misaa'elii Iraan kun sirni ittisaa Israa'el akkaan jajamaa ture hanqina akka qabu kan agarsiise ture.

Kanumaaf jecha dhiyeenya kana US sirna ittisa haleellaa misaa'elaa ammayyaa THAAD jedhamu Israa'eliif kennuunshee ni yaadatama.

Iraan Israa'eliifis ta'ee biyyoota lixaaf ergaa lama waan dhaamte fakkaata. Inni jalqabaa ijjannoo callisaa kana dura fudhataa turte dhiisun deebistee haleeluu akka dandeessu yeroo jalqabaaf bara kana kallattiidhan Israa'el haleeltetti.

Inni lammataa tarkaanfiwwan Israa'el Iraanifi Baha Giddu Galeessaa keessatti fudhattuun ammayyuu Israa'elis ta'ee Ameerikaa wajjin kallattiin waraana guututti akka seenuu hin barbaannes ifatti ibsiteetti.