Waa'ee haleellaa Israa'el Iraanirratti raawwatte hanga ammaa waan beeknu

Madda suuraa, Reuters
Israa'el Sambata barii keessa eegalee haleellaa qilleensaa Iraan keessatti raawwachuu akkuma eegalteen Tehiraan keessa dho'insi dhagahame.
Waraanni Israa’el haleellaan kuni ‚‘‘haleellaa baatiwwaniif’’ Iraaniifi michoonni ishee raawwataniif deebiidha jedheera.
‘’Haleellaan daangeffame’’ kunis xiyyeeffannoon isaa bakkeewwan waraanaa akka ta’e beeksise.
Waraanni Israa’el haleellaa banuu mirkaneessuu dura miidiyaaleen mootummaa Iraan magaalaa Teehiraaniifi naannawa magaalaattiitti dho’insi dhagahamuu gabaasaniiru.
Torban sadii dura Israa’el lafa Iraan irratti hogganaa siyaasaa Hamaas ajjeefte haaloo bahuuf Iraan misaa’eloota baalistikii 200 ol gara Israa’el dhukaaftee turte.
Haleellaan Israa’el tibbanaa isa hordofee kan dhufedha.
Dubbii Himaan waraana Israa’el Daani’el Hagaarii Israa’el deebii kennuuf ‘’mirgaafi dirqama’’ qabdi jechuun himan.
Dabaluunis, ga’umsi haleellaa qolachuufi haleellaa banuu ishee cimaa ta’u dubbatan.
Michuu jabaa Israa’el kan taate US haleellaan Israa’el Iraanirratti raawwatte ‘’ofirraa qolachuudha’’ jechuun ibsite.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbii Himaan Mana Maree Biyyaalessaa US miidiyaa CBS kan US’tti michuu BBC ta’ef yoo dubbatan haleellaan kuni haleellaa kana dura Iraan raawwatteef deebii akka ta’e hubanna jedhan.
Haleellaan Onk. 01 Iraan gara Israa’el dhukaafte gara caalu waraana Israa’elin qolatamus, hammi muraasa garuu giddugalaafi kibba Israa’el rukuteera.
Yeroos Iraan ‘’birmadummaan Iraan sarbamuufi aarsaa’’ ta’u hogganaa siyaasaa Hamaasiif Israa’el haleeluu ibsitee turte.
Dabaluunis, haleellaan yeroosii haleellaa Israa’el Libaanos keessa banteefi hogganaa Hezbollaa ajjeefteefis akka deebitti dhukaasuu himte.
Hogganaa Hezbollaan ala qondaalli olaanaa waraana warraaqsa Iraanis ajjeefamee ture.
Erga Israa’el haleellaa bante booda kan dubbatan qondaalli Waayit Haawus Pirezidant Joo Baayidan ‘’dhagahaniiru, hordofaas jiru’’ jedhan.
Haa ta’u malee, haleellaa Sambata har’aa Israa’el Iraanitti dhukaasuu eegalteerratti US qooda fudhatte hin qabdu jedhan.
Miidiyaan mootummaa Iraan dho’insi lixa Teehiraanitti dhagahamuu gabaase.
Miidiyaan waraana warraaqsaa Iraanitti dhiheenya qabu kuni buufatoonni waraanaa lixaafi kibba-lixa Teehiraanitti argamanirratti xiyyeefatamuu gabaaseera.
Hammi haleellaa kanaafi addatti wantoonni irratti xiyyeeffate ammatti ifaa miti.
Miidiyaaleen Iraan haleellaan Israa’el kuni miidhaa hin dhaqqabsiifne jechuun gabaasaa jiru.
Dhaabbanni aviyeeshinii biyyattii garuu hanga fuula duratti ifa ta’utti balaliin haqamuu ibseera.
Miidiyaan Sooriyaa akka gabaasettimmoo haleellaan qilleensaa Israa’el buufatawwan waraanaa giddugaleessaafi kibba Sooriyaa jiranirrattis xiyyeeffateera.
Miidhaa hangamiitu gahe?
Waraanni Israa'el haleellaa qilleensaa raawwatee xumuruu beeksiseera.
Hamma miidhaan gahe garuu ammaaf ifa miti.
Waraanni Israa’el gaafa Sambataa xiyyaaronni waraanaa isaa bakkeewwan Iraan misaa’ela oomishuuf itti dhimma baatu haleeluu ibse.
Waraanni Iraan immoo loltoonni isaa lama ajjeefamuu beeksise.
Aangawoonni Iraan bakkeewwan Teehiraan, Kuzestan fi Ilaamitti haleellaan raawwatuu dubbatani.
Humni ittisa qilleensaa biyyattii haleellaa kana ‘’milkaa’inaan qolachuu’’ ibse.
Ammo bakkeewwan muraasa garuu ‘’midhaan daanga’e’’ mudachuu himeera.
Qondaalli bulchiinsa US haleellaan Israa'el raawwatte caasaa boba’aa yookiin bu’uraalee niwukilaraa Iraan hin dabalanne jedhan.
Pirezidant Baayidan Israa’el bakkeewwan kana akka hin rukunne dhaamanii turan.
Maaltu itti aana?
Ragaa hanga ammaa jirun haleellaan raawwate akka sodaatame hamaa miti.
Miidiyaan US Axios jedhamu akka gabaasetti, haleellaan raawwachuu dura Israa’el waa’ee haleellaa raawwachuuf jettu Iraan gurra buusteetti.
Iraan deebii akka hin kenninees akeekkachiisteetti.
Kuni Israa’el haalicha hammeessuu akka hin barbaanne kan agarsiisudha jedhameera.
‘’Karoora waraanaa Gaazaafi Libaanos irratti xiyyeeffanne. Haalichi naannichatti akka hammaatu kan sosso’u Iraanidha,’’ jedheera waraanni Israa’el ibsa baasen.
‘’Kuni yeroo dhumaaf Israa’eliifi Iraan kallattiin kan walitti dhukaasan ta’u qaba,’’ jedhan qondaalli olaanaa US.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan ibsa baasen haleellaa ofirraa ittisuuf Iraan mirga qabdi jedheera.
US fi UK immoo Iraan haleellaa Israa'eliif deebii akka hin kennine dhaamaniiru.












