Ajjeechaa hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar irratti eenyutu maal jedhe?

Madda suuraa, EPA
Israa’el itti gaafatamaa biiroo siyaasaa Hamaas, Yaahyaa Sinwaar ajjeesuu hordofee yaadawwan garaagaraatuu kaa'AA JIRA.
Kunis ‘gootaa fi wareegama’ jechuun kan jajanii kaasee hanga Israa’el kan dursaa haleellaa Onkoloolessa 7 dhabamsiisuu isheetti gammaduu gaha.
Israa'el keessatti, Sinwaar haleellaa cimaa namoota 1400 galaafate karoorsuu keessatti gahee ijoo qaba jedhamee waan yaadamuuf, waraanni Israa'el tarree namoota baay'ee barbaadaman irra kaa'ee ture.
Waraanni Israa'el viidiyoo maxxansee kan Sinwaar gamoo diigame keessa teessoo irra taa'ee harkaafi miila isaarra miidhaan irra gahe jedhamee yaadamu agarsiisa.
Viidiyoon sunis diroonii kan waraabame yoo ta'u, namni tokko wayita ulee fayyadamuun meeshaa balali'aa jiru kana rukutuuf yaalu agarsiisa. Boodarra ammoo bakkuma sanatti rasaasa taankiitu ajjeese jedhamee yaadama.
Israa'el guyyaa Kamiisaa ture kan lola naanawa Teel al-Sulxaan- Kaaba Gaazaa keessatti gaafa Roobii tureen ajjeeffamu beeksiifte.
Gaafa Jimaataa ammoo Hamaas haasaa qondaala isaa Olaanaa Kaaliil al-Haayaa taasisee du'a Sinwaar mirkanneesse. Al- Haayaan Sinwaar walitti dhukaasa humnoota Israa'el waliin tureen ajjeeffamu himan.
''Hogganaa Onkololeessa 7'' jechuun duutisaas akka qajeeltoowwan garichaatiif biramnuutti nu jabeessaa jedhan.
Ibsi ifaa garichaan baafamees: “Hogganaan biiroo siyaasaa Hamaas fi hogganaa waraana lolaa Al-Aqsaa, kan akka goota wareegamaatti ol samiitti ba’ee, tarkaafataa fi duubatti kan hin deebine, mallattoon isaa raasaa, waraana to'attootaa dura kan dhaabbate, boonsaafi ciminaan ni gaddina.”
Oduun ajjeefamuusaa guutuu Baha Giddu Galeessaa keessatti miira walmakaa uume.
'Haala waraanichaa hin jijjiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Uum Mohammed Waadi, Gaazaadhaa buqqaatte dunkaana ishee Kibba Gaazaatti argamuun alatti teessee akkas jechuun yaadatti:
“Guyyaa lamaan dura, ibidda dunkaanaa yoo arginu onneen keenya ni dhukkubsee ture, har’a ammoo oduu ajjeechaa Yaahyaa Al-Sinwaar (Abuu Ibraahim)n irra deebi’ee nu guban, du'a Haaniyeeh fi Aruri hordofee. Dhuguma oduu gaddisiisaa fi baay’ee naasiisaadha.”
Namtichi Gaazaa tokko ammoo ajjeechaan Sinwaar waan haala lolaa jijjiru natti hin fakkaatu jedhu.
''Al Sinwaar wal dhabdee Gaazaa waggaa tokkoon booda ajjeefame. Waa'ee isaa yaadni garaa garaa yoo jiraates, akka waraanni Israa'el jedhutti opareshinii tarsimoo basaasaan irratti xiyyeeffatamuu jedhu osoo hin taane, hidhannoo guutuu hidhatee humnoota Israa'el waliin walitti dhukaasaa osoo jiruu akka ajjeefame beekuun barbaachisaadha. Kunis haala waldhabdee kanaa ni jijjiira jedhee hin amanu.”
Omaar Abdal Laxiif, sagantaa raadiyoo BBC’s Gaza Today irratti akkamitti namni hundi waraana kanaan akka dadhabe dubbatan: “Nuti gara jireenya idileetti deebi’uu dhumarratti ummannii akka boqonnaa argatuuf hawwina. Lola wal irraa hin cinne fi dadhabbiin dhuma hin qabneen nuffineera. Silaa manni keenya barbadaa’ee saamamuun isaa baay’ateera.”
‘Namni yoo du’e yoomiyyuu kan bakkaasaa bu’u ni jiraata’
Magaalaa Weesti Baankii to'atamte Raamaalaa keessatti, Muraad Omaarkan ganna 54, dhaabbata oduu Rooyitarsiitti akka himanitti: "Ajjeechaan Sinwaar haala jiru walxaxaa taasisa. Gaazaa filannoowwan ciccimoo akka taasiftuu gochuu mala, waraana kanas dheeressuu mala.
''Ameerikaanotaa fi Israa'eloonni har'a Gaazaaf guyyaa haaraa Siinwaariifi Hamaas malee jechaa jiru. Garuu lakkii kunis dhaadannoo siyaasaa warra kaayyoo abjuuti. Waraanni itti fufa, waan hin xumuramnes fakkaata."
Magaalaa Hebroon irraa kiiloo meetira muraasa fagaattee kan argamtu Alaa Hashlamoon akkas jedha: "Wanti ani tilmaamu namni yoo du'e yoomuu namni bakka isaa bu'u ni jiraata. Hogganaa kana caalaa mata jabeessa. Sinwaar nama mata jabeessa ture, nama isa fakkaatuu ykn kan isa caaluu akka qabaannu abdii qabna. Nama gaariin nu dhiisee deemeera, yoo Waaqayyo fedhe nama kana caalu ni arganna."

Madda suuraa, Reuters
'Ajjeechaansaa hundaaf kennaadha'
Waraanni Israa’el ajjeechaa hogganaa Hamaas beeksisuu hordofuun, lammiileen Israa’el dhibbaan lakkaa’aman naannoo adda addaatti gammachuu ibsachaan mi’eessituu raabsaa turan.
Gariin isaanii faaruu biyyaalessaa Israaʼel yommuu taphatamu sagalee guddiftuu fayyadamuun daandiiirratti ykn barandaa isaanii irratti kan kabajan siʼa taʼu, kaan immoo xurunbaa konkolaataasaanii dhageessisaa turan.
Loltoonni Israa'el waraabbii viidiyoo bilbila harkaatiin yeroo konkolaachiftootaaf oduu kana gammachuudhaan simataniif mi'eessituu yoo kennan mul'ata. Kunis sababii Sinwaar, isaaniif, erga Onkoloolessa 7, 2023 as nama baay'ee barbaadamu turefiidha.
Magaalaa Israa’el Ashdood keessatti gamoo mana jireenyaa keessatti namoonni oduu ajjeechaa Sinwaar dhaga’anii harka rukuttaafi foricuudhaan gammachu ibsataa turan.
Maatiiwwan booji'amtoota 101 kan ammallee Gaazaatti hidhamanis oduu du’a hogganaa Hamaas simatanii, garuu miseensota maatiisaanii gara manaatti deebiisuuf carraaqqiin dabalataa akka godhamu gaafatan.
Ilmisaa Maataan ammallee Gaazaatti hidhamee kan jiru Einav Zangauker miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti: “Qabxii ajjeesaa jumlaa Sinwaar waliin xumurree jirra, garuu lubbuu baraarree gara manaatti hanga hin debiifneetti ammalleen injifannoon guutuun hin argamu.”
Kaaba Israa’elitti Galaana Galiilaa biratti, daandiin jidduugala Tiberiyaas keessa namoota karaatti bahuun ayyaaneffachaa, shubbisaafi alaabaa mirmirsaa turaniin cufamee ture.
Hirmaataan tokko akkas jedhe: "Inni nama hamaadha yeroon isaas gaheera, Filisxeemota nu waliin jiranis ta'e Yihudootaaf kun kennaa nama hundaaf."
Gaazaatti dhihoo kan jirtu Sideroot keessattis ajjeechaa Sinwaar kabajuuf ummanni daandii irratti ba'anii turan.

Madda suuraa, Reuters
‘Foontu kufa malee yaada miti’
Israa’el waliin daangaa dheeraa kan qabdu Joordaan keessatti mormitoonni kumaatamaan lakkaa’aman giddugala magaalaa guddoo Ammaan keessatti walitti qabamuun ajjeechaa Yaahyaa Sinwaar balaaleffachuu fi Gaazaa fi Libaanos waliin tumsasaanii agarsiisan.
“Al-Sinwaar fi diddaan yaadadha, yaadnis hin du’u. Foonni ni kufa malee yaada miti,'' jechuun mormituu lammii Joordaan tokko BBC Arabic'tti barreessaa fi rogeessa beekamaa Filisxeem Ghaasaan Kaanaafaanii wabeeffachuun dubbate.
Lamees, dargaggeessi ganna 26, ajjeechaan hogganaa Hamaas “haaluma qofa hammeessa” jedhan.
Daangaa Israa’el Joordaan irratti waraanni Israa’el Dead Sea irraa yaaliin seenuu taasifamu kan gabaase yoo ta’u, kanaanis loltoonni isaa lama akka madeessan gabaasni miidiyaalee Israa’el ni mul’isa. Waraanni Joordaan ibsa baaseen gabaasa kana haaleera. Ajjeechaa Sinwaariin gama kamiinuu walitti dhufeenyi hin jiru.

Madda suuraa, Reuters
‘Saaddam Huseen, Chee Guuveeraa, fi Sinwaar’
Iraaq keessattis oduun du’a Sinwaar deebii bal’aa kan uume yoo ta’u, ji’oota muraasa dura magaalaa guddoo Iraan Tehraan keessatti ajjeechaa nama isa dura ture Ismaa’il Haaniyeh irratti kan raawwatameen wal madaala.
Yaada kennitoonni tokko tokko suuraan Israa'el waan reeffa Sinwaar jette raabsite, suuraa beekamaa "Chee Geevaaraa" waggootaaf turuun wal bira qabamee ilaalamuu danda'a jedhan.
Isaanis kan eeru Ernesto "Chee" Geevaaraa, dhalootaan Arjentiinaa, hogganaa warraaqsa Kuubaa goota 'Left-wing' ta'ee fi suuraan reeffasaa bara 1967 Booliiviyaatti erga du'ee booda garee sana keessatti dinqisiifannaa bal'aa argateera.
Kaan ammoo du'asaa dhuma Pirezidaantii Iraaq duraanii Saadaam Huseen waliin wal bira qabuun, humnoonni Ameerikaa Saadaam ''boolla keessaa'' kan qaban yoo ta'u, Siinwaar ammoo ''meeshaa waraanaa isaa qabatee, dugdasaa osoo hin garagalchiin gara fuulduraatti garagalee ajjeefame'' jedhan.
Garuu biloogaroonni Iraaq tokko tokko hogganaa Hamaas kana qeequun, “Gaazaa fi ummatashee irratti balaa fide” jechuun haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate kan lola naannicha keessatti deemaaf madda ta’uusaa eeruun.












