Shaampiyoons Liigii kilaboonni Ingiliiz dhuunfataniifi Riyaal Maadiriid mo'achuu isaa 'olaantummaa jibba sanyiiraatti' argate fakkeesse

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii Shaampiyoons Liigiiin kilaboonni Awurooppaa ramaddii garee 16tti darban adda bahaniiru.
Taphni dhumaa kaleessa kan gaggeeffame yoo ta'u, kilaboonni saddeet taphatanii afur darbuu yoo mirkaneeffatan, arfansaanii mo'amanii galaniiru.
Shaampiyoons Liigii bara kanaan Ingiliiz kilaboota 6 ramaddii 16f dabarsuun rikardii galmeessiteetti.
Itaansuun Ispeen kilaboota sadi: Maadriid, Ispeenifi Atileetikoo Maadiriid darbaniiru.
Taphani ramadduu jalqabaa inni dhumaa kaleessa gaggeeffame diraamaa hedduun kan guutameedha.
Kilaboonni jajjaboon akka Juveentuusifi Doortimundi haala hin eegamneen injifatamuun galaniiru.
Gama biraan ammoo kaardiin diimaan afur taphattootaaf kennamuun taphichi diraamaan akka guutamu taasiseera.
Riyaal Maadiriid vs Benefikaa
Riyaal Maadiriid Benefikaa Saantiyaagoo Barnaabotti simatee 2-1 injifatee ramaddii ittaanutti darbuu mirkaneeffate.
Vinishiyees Juuniyeer kan yeroo darbe dirree Benefikaatti arrabsoon sanyummaa taphataa Benefikaarraa irra gahuu himachuun ijoo dubbii ta'e, eda galchii ittiin injifatan haala ajaa'ibaan galchuun haaloo bahateera.
Benefikaan daqiiqaawwan jalqabaatti lakkoofsisee dursullee daqiiqaa lama booda taphataan Maadriid Oreliin Tchomeenii lakkoofsisuun wal-qixa kan taasise yoo ta'u, Riyaal Maadiriid mo'achuun "kanneen jibba sanyummaa morman hundaaf mo'icha" jechuun dubbate.
Isteediyeemii Saantiyaagoo Barnaabotti osoo taphni hin eegalin dura deeggartoonni Riyaal Maadriid "jibba sanyummaa ni balaleffanna" jechuun deeggarsa Vinishiyeesif qaban agarsiisaniiru.
Kanaaff, Riyaal Maadiriid injifannoo argate kana 'olaantummaa jibba sanyummaarratti argate' waliin wal fakkeesseera.
Gama biraan ammoo taphataan Benefikaa jibba sanyummaan Vinishiyees arrabse jedhame Jiyaanluukaa Pirestiyaanii tapha kaleessaa irratti akka hin hirmaanne godhameera.
Juveentuus vs Galaatasaaraay

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphni biraa akkaan eegamee ture dorgommii Juveentusiifi kilabni Turkii Galaatasaaray gaggeessan yoo ta'u, Juveentuus abjuu dorgoommii Shaampiyoonsi liigii ittaanu jalaa dukkanaa'era.
Daqiiqaa 49ffaatti taphataan tokko kaardii diimaan dirree keessaa kan jalaa bahe Juveentuus tapha boqonnaa booda nama 10 taphachuuf dirqame.
Nama hanquun taphatee galchii Juveentuus 3-0 osoo dursaa jiruu taphni dhumee daqiiqaa dabalatatti Galaataasaaraay galchii 2 lakkoofsisuun qabxii waliigalaa 5-7n injifatee marsaa ittaanutti darbe.
Viiktoor Osiimheen fi Baaris Yilmaaz sa'aaii dabalataatti galchuun Galataasaaraay milkiin gahan.
Maanu'eel Lokaateelii galchii Juveentuus ittiin dursu lakkoofsisuu booda Firederiikoo Gaatiifi Weestan Makiin galchii lammaffaafi Sadaffaa lakkoofsisuun qabxii waliigalaa Galataasaaray waliin qaban 5-5 wal-qixa gochuun taphani dhumee yeroo dabalataa taphachuuf dirqaman.
Yeroo dabalataa kenname keessatti Galaataasaaraay galchii lama lakkoofsisuun qabxii waliigalaan mo'atee gara garee 16tti dabalame.
Atalaantaa vs Boorisiyaa Doortimund

Madda suuraa, Getty Images
Taphi Atalaantaafi Borisiyaa doortimund diraamaan cimaan kan irratti mul'ateefi kaardii diimaan sadi itti kennameedha.
Kaardii diimaan tokko Atalaantaaf yoo ta'u, lama taphattoota Doortimundiif kenname.
Jiyaan Luukaafi Daavid Zappaakoostaa boqonnaa dura galchii lama lakkoofsisuun Doortimuund haaloo bahatan. Maariyoo Pasaaliik dabaluun 3-0dhaan dursuu eegalan.
Jijjiiramee kan gale Kaariim Adeyeemii galchii lakkoofsisuun gammachuu Atalaantaa bishaanitti naqe- qabxii waliigalaa 3-3 wal-qixa ta'an.
Atalaantaan yakka taphataasaarratti hojjatameen rukuttaa adabbii argate galchiitti jijjiiruun qabxii waliigalaan 4-3 Doortimund injifatee marsaa ittaanutti darbuu mirkaneeffate.
Taphichi diraamaa kaardii diimaan kan guutame ture.
Atalaantaan tapha jalqabaan dirree Doortimunditti 2-0dhaan injifatamee waan galeef hojii manaa guddaatu isa eeggata ture.
Dirreesaatti garuu boqonnaa dura galchii Jiyaan Luukaafi Daavid Zappaakoostaa lakkoofsisaniin qabxii waliigalaan Doortumund waliin wal-qixa ta'an.
Taphichi dhumuuf sakandiiwwan muraasni yeroo hafanitti Raamii Bensebaayinii taphataa Atalaantaa kan ta'e Nikoolaa Kiritoovich yeroo inni kubbaa mataan jifachuuf itti aggaamu miila duuban mataa keessa dhiituusaan rukuttaan penaaliitii Atalalaantaan ittiin injifate kenameef.
Taphataan Dortimund Raamiin Bensebaayinii kaardii diimaan dirree bahe. Taphataan biraa Doortimund Schlotterbeck kaardii diimaa yoo argatu, gama Atalaantaa irraa G. Scalvini ammoo kaardii diimaa argateera.
Atalaantaan tapha ramaddii itaanuun Arsenaal ykn Baayer Muunik morkata.
PSG vs Monaakoo
Abbaan waancaa Shaampiyoons Liigii bara darbee Paaris Seent Jarmeen (PSG) Monaakoo irra aanuun marsaa ittaanutti darbeera.
Monaakuun kubbaa Mamaaduu Kulibaalii ergeen boqannaa dura galchii ittiin dursu lakkoofsise.
Haa ta'u garuu, Maamaaduu Kulibaalii daqiiqaa 58ffaa irraatti kaardii diimaan dirree bahuun Monaakoon nama 10 qofaan akka taphatuuf dirqisiise.
Kulibaaliin kaardii diimaan bahee daqiiqaa lama booda Marquunihoos daqiiqaa 60ffarratti PSGdhaaf lakkoofsise.
Daqiiqaa jaha booda- daqiiqaa 66ffatti galhii lammaffaa PSG lakkoofsisuun abdii itti hore.
Monaakoon daqiiqaa dhumaatti lakkoofsisuus qabxii waliigalaa 5-4 caalamee PSGdhaaf harka laachuun dorgomii Shaampiyoons Liigii marsaa ittaanu keessaa galana.
PSGn tapha mo'anii darbuu marsaa ittaanuun Baarseloonaa ykn Cheelsitu isa gaha.
Ramaddiin taphoota garee 16 Jimaata, bori kan baramu ta'a.












