Eegdonni galaanaa Kuubaa bidiruu saffisaa US haleeluun namoota afur ajjeesan

Madda suuraa, Getty Images
Dhukaasa humnoonni nageenyaa Kuubaa galaana eegaa turan, bidiruu maqaa Ameerikaan galmoofte kanarratti raawwataaniin, lammiileen Kuubaa bidiruttiidhaan imalaa turan afur ajjeefamaniiru.
Lammiileen Kuubaa bidiruu kanaan imalaa turan wayita gara isaaniitti dhihaattu hidhattoonni Kuubaa qarqara galaanaa turan dhukaasa banuun balaan kun mudachuu Ministeerri dhimma biyya keessaa Kuubaa ibseera.
Ibsi mootummaan Kuubaa baase bidiruttii keessa namoonni 10 akka turan eera.
Kanneen keessaa duraan himati kan irra jiruu fi meeshaa kan hidhatan akkasumas ''ergama shororkeessummaa fudhachuun'' lo'anii seenuuf kan yaalan turan jedha.
Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo taatee kanaan ''gonkumaa waan hin baratamnee fi hin eegamne'' jechuun ibsuun, biyyisaanii qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan.
Bidiruu saffisaan imaltu kanarratti shugguxiiwwan, qawwee hedduu, dhootuuwwan fi meeshaaleen waraanaa kaan fe'amanii turan.
Dhukaasa banameen eegdota qarqara galaanaa Kuubaa keessaa tokko miidhamuu mootummaan Kuubaa ibseera.
Maarkoo Ruubiyoo biyyisaanii ibsa Kuubaan baastetti akka hin quufneef ofii qorannoo gaggeessuun akka mirkaneessan ibsaniiru.
Taateen kun erga Kuubaa michuushee, Venezuweelaa, irraa boba'aa fudhachuu Ameerikaan dhorkitee mudate.
Tarkaanfii Ameerikaa kana hordofee hanqinni boba'aa Kuubaa keessatti kan mudate yoo ta'u, kun ammoo Ameerikaa waliin muddama hamaa keessa ishee galcheera.
Ameerikaan pirezidantii biyya michuu ishee taatee, Venezuweelaa- Maduuroo, humnaan to'achuu booda boba'aan Venezuweelaan gara Kuubaa ergitu akkaan hir'ateera.




