Israa'el Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennite

MM Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu

Madda suuraa, The Prime Minister of Israel

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu biyya Somaaliyaan qaama kooti jettuun garuummoo bulchiinsa ofiin bultu Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu ibsan.

Waliigaltee biyyummaa Somaalilaand labsu kana Benjamiin Netaaaniyaahuu, Ministira Haajaa Alaa isaanii S'aariifi Pirezidantii Rippaablika Somaalilaand waliin ta'uun mallatteessaniiru.

Netaaniyaahuun viidiyoo waliigaltee kana agarsiisuufi fuula miidiyaalee hawaasaa isaaniirratti qoodaniin, Pirezidantii Somaalilaand Abdiraahimaan Mohaammed Abdallaan baga gammaddan jedhaniiru. Tasgabbii nagaa mirkaneessuuf hooggansaafi murannoo agarsiiteetta jechuunis jajajaniiru.

Pireezidantiin Somaalilaand daawwannaa olaanaaf gara Israa'el akka deeman affeerraa dhiyeessaniiru.

Pirezidantiin Somaalilaandis gama isaaniin MM Israa'el beekamtiin biyyummaa kennaniif seena qabeessa ta'uu ibsuun galateeffataniiru.

Shororkeessummaa qolachuudhaaf tarkaanfi fudhataniifi injifannoo Netraaniyahuun argataniiru jedhaniifi nageenya naannoo mirkaneessuuf hojii hojjetanis dinqisiifataniiru.

Mootummaan Israa'eel Rippaablika Somaalilaand waliin hariirooshee atattamaan cimsuu akka barbaadduus fuula miidiyaa MM Beenjamiin Netaaniyaahuu jalatti ibsameera.

''Damee qonnaa, fayyaa, teknoolojiifi diinagdeen akka malee waltumsuuf karoora qabna'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Somaalilaand ibsa addatti baasaniin beekamtiin biyyummaa Israa'eliirraa argatan gaaffii beekamtii biyyumma abarootaaf gaggeessaa turan keessattiboqonnaa haaraa akka ta'e beeksisan.

''Biyyummaa argachuuf gaaffiin dhiyeessine seena qabeessa, seera qabeessaafi kan fudhatama qabu ta'uu mirkaneessa'' jedha ibsi Pirezidantichaa.

Waliigalteen Israa'eliifi Somaalilaand kun Abraham Accords, kan hariiroo Israa'eliifi biyyoota Arabaa gidduu jiru wayyeessuuf Ameerikaan bu'uuressite irratti hundaa'a.

Somaalilaand waliigaltee kanaaf bitamtuu ta'uufi kanascimsitee akka itti fuftu pirezidantichi ibsaniiru.

Bu'uura waliigaltee kanaan biyyoota lamaan gidduu hariiroon dippiloomasii atattamaan akka cimuufi kunis michummaa, walkabajuufi galma waloorratti akka hundaa'u ibsaniiru.

Ammatti Somaaliyaan waliigaltee kutaan qaama kooti jettu, Somaalilaand, Israa'el waliin mallatteesite kana ilaalchisee ifatti ibsa baafte hin qabdu.

Waggoota lama dura wayita Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galanaa argachuu wayita mallatteessitu Somaaliyaan guddoo dheekkamtee ture.

Hariiroon dippiloomasii Itoophiyaa waliin jiru danqamee muddamni isaaniis hanga Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gahee ture.

Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin mallatteeffamee ture keessatti Itoophiyaan beekamtii biyyummaa Somaalilaandiif kennuu malti jedhamaa ture.

Pirezidant Abdirahaamaan Mohaammad Abdillaahii Irroo

Madda suuraa, AFP

Somaaliilaand erga ofiin of bulchuu jalqabdee waggoonni 35 darbaniiru.

Bara darbe yeroo waggaa 34ffaa ishee kabajattu pirezidaantiin biyyattii Abdirahaamaan Mohaammad Abdillaahii Irroo hawwaasni idil-addunyaa beekkamtii biyyummaa Somaaliilaandiif akka kennaniif waamicha godhanii ture.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota 130 tahaniif pirezidaantichi xalayaa barreessuun beekkamtii akka kennaniif gaafatan.

Guyyaa Biyyaalessaa Somaaliilaand yeroo kabajatan, ''Yeroon itti Rippaabilika Somaaliilaandiif beekkamtii kennitan amma. Nageenyaa Galaana Diimaa fi badhaadhina Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahachuuf qophiidha,'' jedhan.

Pirezidaantota, Ministiroota Muummee, Moototaa fi Emiirotaaf xalayaa akka rabsan kan ibsan pirezidaantichi, Somaaliilaandi biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii tolfachuu akka barbaaddu himaniiru.

Dabalataan biyyoota Somaaliilaand waliin michummaa gaarii qaban akka Itoophiyaa, USA, Jibuutii, UK,UAE, Taayiwaan, Tarkii, Keeniyaa fa'aa maqaa dhahuun waan Somaaliilaand waliin hariiroo gaarii qabaniif pirezidaantichi galateeffatanii ture yeroo sanatti.

Bulchiinsi humna waraanaa Pirezidant Siyaad Baarree wayita bara 1991 hunkutaa'u Somaalilaand addatti of baastee walabummaashee labsatte.

Somaaliyaan bara 1960 biyya eegumsa Biriiteen jala turteefi kolonii Xaaliyaanii irraa erga hundooftee yoomuu nagaa hin arganne.

Erga Siyaad Baarree aangoorraa ari'amee ammoo biyyattiin bulchiinsa abbaa irrummaa jalatti kufte.

Gariin ishee gammoojjii ho'aa kan ta'eefi Galoo Galaanaa Aden marsitee kan argamtu Somaalilaand bal'inni lafashee iskuweer kiilomeetirii 177,000.

Uummannishee miiliyoona 5.7 ta'an afaan Somaalii, Arabaa fi Ingilizii dubbatu.

Magaalaa guddoon Somaalilaand Hargeessaan wayita waraana waliinii uummata Somaalee guddoo miidhamte, yeroo ammaa akkaan misoomaa jirti.

Somaalilaand walabummaashee labsattee adda ba'uu hordofee waraanni dhalate lubbuu kuma dhibbaan lakkaa'amu galaafate, magaalattii akkaan barbadeesse.

Humnoonni Siyaad Baarree riphee loltoota adamsuun haleellaa itti fufus, kanneen adda ba'uu fedhan garuu qabsoosaanii cimsanii itti fufan.

Hunduu garee gareen walgurmeessee waraana ijaarratee bakka qabatee walwaraanuu eegale, waraanni waliinii gosoota jiran gidduutti hammaate.

Bara 2000 keessa mootummaa qindaawaan deegarsa idiladdunyaa qabu- Somaaliyaan, naannawa kana to'annoo jala oolchuuf guddoo qabsaa'e.

Wayita kana kallattii kaabaa kan jiran Somaalilaand fi Puuntilaand nagaa qabu, birqabaan tasgabbii qabu.

Somaaliilaand: Durii hanga ammaa

Waa'ee dachee Somaailaand har'aa hubachuuf taatee jaarraa 7ffaa yaadachuun barbaachisaadha. Yeroo Islaamummaan seene ture.

Haata'u malee, jaarraa 14ffaa keessa naannoon Sulxaaneetonni Islaamaa qabatanii turan Impaayera Kiristaanaa Itoophiyaa jala gale.

Bara 1527 mootiin Adaal bulchiinsa Itoophiyaatiin loluu eegale. Yeroo booda kutaalee Itoophiyaa hedduu qabate, ta'us garuu boodarra tumsa warri Poorchugaal Itoophiyaaf taasisaniin bara 1543 injifatame.

Yeroo dheeraa booda ammoo warri Biriiteen koloniif dhufan. Bara 1988 Biriiteen aanga'oota naannoo (local sultanates) waliin waliigaluun Somaalilaand of jala galchite.

Biriiteen jalatti dacheen kun Biriitish Somaalilaand jedhamaa turte.

Waggaa 10 booda bara 1899 dureen amantii Islaamaa Mohammad Abdullaahii bulchiinsa Biriiteen irratti ka'an.

Sochiisaanii itti fufuun hanga bulchiinsa Deervish (Dervish Sate) gadi dhaabuutti ga'an.

Waggaa 20tti siquuf haala kanaan turanis, garuu bara 1920 humnoonni Biriiteen bulchiinsa warri amantii gadi dhaabbatan kana barbadeessan.

Biriitish Somaalilaand fi Itaaliyaan Somaalilaand walabummaasaanii gonfachuun tokko ta'anii biyya Rippaabilika Somaaliyaa jedhamu uuman.

Garuu waggaa 30 caalaa waliin hin turre, bara 1991 Biriitish Somaalilaand walabummaashee labsattee of dandeessee akka biyyaatti of bulchuu eegalte.

Bara 2001 uummanni dhibbeentaa 97 ta'u heerri bara 1997 ba'e, kan walabummaa Somaalilaand raggaasisu, akka hojiitti hiikamu filatan.

Kun ta'ee waggaa 15 booda bara 2016 Somaalilaand waggaa 25ffaa guyyaa walabummaashee kabajatte, garuu ammallee akka biyyaatti beekamtii hin arganne.