Loltoonni Somaalilaand kumaatamaan leenjiif Itoophiyaa seenuun ibsame

Miseensoota raayyaa Somaaliilaand gara Itoophiyaa seenan jedhaman

Madda suuraa, SOMALILAND NATIONAL TV

Loltoonni Somaalilaand kumaatamaan lakkaa'aman leenjii argachuudhaan guyyaa Kibxataa Adoolessa 9, 2024 Itoophiyaa seenuunsaanii ibsame.

Buufanni TV mootummaa Somaalilaand miseensonni loltootaa kumaatamaan lakkaa'amaniifi kanneen leenjiidhaaf gara Itoophiyaa imalan jedheen atobisiidhaan imala yoo eegalan agarsiiseera.

''Itaamaajoor Shumiin waliigalaa Somaalilaand Meejar Janaraal Nuuh Ismaa'eel leenjiitoota leenjiif imalaniif gaggeessaa taasisaniifiiru'' jechuun ture buufanni TV biyyattii kan gabaase.

Leenjii loltummaa kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaatiin kan jedhame hin jiru.

Akkasumas gama Somaalilaanditiinis ''miseensoonni waraanaa kumaatamaan lakkaa'aman'' jechuun alatti leenjii attamii akka fudhatan kan ibsame hin jiru.

Buufanni TV biyyattii kunis atobisoonnii fi konkolaataan fe'umsaa hedduun magaalaa daangaa Waajaalee jedhamtu qaxaamuruudhaan yoo Itoophiyaa seenan agarsiiseera.

Baatii jahaan dura ammoo qondaaltoonni waraanaa olaanoon Somaalilaand Finfinneetti argamuudhaan walta'insa waraana irratti marii taasisanii akka ture ni yaadatama.

Yeroo sanattis Itaamaajoor Shuumiin Olaanaan Waraana Itoophiyaa Fiilidi Maarshaal Birhaanu Julaa Itaamaajoor Shuumii Olaanaa Somaalilaand Meejar Jeenaraal Nuuh Ismaa'eel Saanii waliin walta'insa waraanaa gadi fageenyaan hin ibsame irratti marii taasisuusaanii ibsanii ture.

Fiild Maarshaal Biraanuu Julaafii Itaamaajor Shuumii Meejara Janaraal Nuuh Ismaa'eel

Madda suuraa, FDRE DEFENCE FORCE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba bara 2024 irratti waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattuuf dandeessisu Somaaliilaandi waliin Finfinneetti mallatteessuun Moqaadishoo waliin muddama keessa galchuunsaa ni yaadatama.

Waliigalteen kunis kana Somaaliilaandii beekkamtii kennuu, Somaaliilaandiin ammoo bakkasaa Itoophiyaadhaaf ulaa galaanaa fi qarqara galaanaa tajaajila buufata humna galaanaatiif ooluu akka argattuuf kan hayyama kennuu ta'unsaa gabaafamuun ni yaadatama.

Waliigaltee kanaan boodas, Somaaliyaan Ambaasaadara Itoophiyaa Moqaadishootti argaman biyyaa baasuudhaan amabaasadara ishee Finfinnee turan gara biyyaatti waamuun ni yaadatama.

Itoophiyaan amma biyya ofeesheetiin walaban jettuu loltoota Somaaliilaandi leenjiisuudhaaf miseensoota raayyaashee simachuun ilaalchisee gabaasni bahee kunis muddama Itoophiyaafi Somaaliiyaa jidduu ture caalaa akka hin arbeessineef yaadamaa jira.

Oduun waraanni Somaaliilaand leenjiidhaaf Itoophiyaa galusaanii kunis kan dhagahame yeroo pirezidantiin Somaaliyaa loltoota isaa Ertiraatti leenjiirratti argaman dowwatan guyyootaan boodhadha.

Pirezidantiin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud baatiiwwan darban torban keessa yeroo gara Ertiraa biyya walitti dhufeenyi Itoophiyaa waliin qabdu qabanaa'eetti imalan kun yeroo sadaffaadhaaf.

Pirezidantichis wayita Asmaraa qaqabaniitti gitasaanii Isaayaas Afawarqeetiin simannaan kan taasiifameef yoo ta'u, turtii isaaniitinis miseensoota waraanaa Ertiraa keessatti leenji'aa jiran dowwataniiru.

Somaaliyaan loltoota kumaatamaan lakkaa'ana kanneen Ertiraa keessatti leenjii fudhataa jiran kan qabdu yoo ta'u, Hasan Sheek Mohaamud leenjiitoota kanneen gara biyyaatti deebiisuudhaaf yaalii taasisaa akka turan ni yaadatama.