Viidiyoon gabaabaan daa'ima waggaa jahaa akkamiin jireenya maatii jijjiire?
![Daa'ima Bassuufiqaad [Sanyii Wasanee]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/754f/live/729d9da0-e2dc-11f0-b67b-690eb873de1b.jpg.webp)
Madda suuraa, Lammii
Viidiyoo jalqabaa haasawa 'biyyi gara Hoolataatti deemti' jedhu waggaa lama dura qoodamaa tureen dhageettii argate. Har'a daa'ima waggaa 9 ti. Kutaa 2ffaa barata.
Tiktookii gubbatti hordoftoota kuma 600 horatee jira. Sanyii [Bassuufiqaad].
Viidiyoon dubbii isaa akka qoosaatti yeroo sanaa kaasee raabsamaa ture dhageettii isaa dabalee xiyyeeffannaa miidiyaaleen idilees hedduudhaan keessummaa ta'ee gaaffii fi deebiin godhameef.
Ollaa jiraatuttis daa'ima collee dubbiin isaa akka koomediitti itti mukuu bahan kan ta'e daa'imni lafaa dhufti, Sanyii Wasanee (Bassuufiqaad), jedhamu kun dhageettiin inni miidiyaa hawaasaarraatti horate sababa ijoo jireenya maatii isaa kaleessa daran hamaa ture bu'uurarraa kan jijjiiree ta'e.
'Biyyi gara Hoolataatti'
Taateen daa'ima kana gara miidiyaa hawaasaatti fide kan dhalate gaafa inni daa'ima waggaa jahaa ture dha.
Dubbiin isaa akkana: Sanyii fi haati isaa, Aadde Wasanee Ejjetaa, bakka jiraatan magaalaa Hoolataa irraa fira gaafachuuf isa waliin Finfinnee deeman.
Guyyuma kana firri isaanii tokko daa'ima kana qabatee magaalaa keessa gadi baheen.
Guyyicha ogeessa kaameeraa kan ta'e Amaanu'eel Waaqturaa naannawa qe'ee fira isaaniitti (Askoo) magaalaa keessa deemee hojii qabiyyee miidiyaaf namootaf gaaffii fi deebii godhuun walitti bahan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amaanu'eel waayee viidiyoo sanaa akkanaan yaadata.
"Akkuma tasaa hojii dhuunfaa yookiis yuutuubii 'Dibaabee miidiyaa' jedhamu tokkorrattin ani akka qacarriittidha kanan waliigalteedhaan hojii eegale.
Namootan intarviiwu godha, namoota yaada addaa qabanidha kanan intarviiwu gochaa ture yuutuubii sanarrattidha.
Akka tasaa gara askoo gara Caarataa kana gaafa deemnu namoota baay'ee erga intarviiwu goonee booda mucaa daa'imni kun na fuuldura naannawa ture,'' jedha.
"Sana booda gaafadhu!, gaafadhu! naan jedhan ijoolleen dhaabbatanii jiran, ni dubbata mucaan kun gaafadhu cal jedhii! jedhan.
Mucaan ni kolfa. Jira mitiiree nama aktiiviimummaa isaa fuula isaarraatii gaafa laaltu aktiivummaan isaa sitti tola. aktiivii [si'ataa] wayii dha.''
"Sana booda dhaqee 'maqaan kee eenyu' jedhee gaafan gaafadhu, 'Bassuufiqaad Haacaaluun jedhama' naan jedhe.
Sana booda 'faarfadhun jedheen, 'hin faarfadhu, kun madarakii (waltajjii)dhaa iddoon kuni? hin faarfatamu' jedhee erga na kofalchiisee booda, gaaffii namoota gurguddaa gaafattu sana gurbaa kana hin gaafattu, deebiseen, 'biyyi kun garam deemaa jirti?' gaafan jedhuun "biyyi kun gara Hoolataatti deemaa jirti' jedheetu kan naa deebise.
"Sana booda viidiyoon sun citee bahee ijoo dubbii miidiyaa akkasumas naannoo torban lama, torban sadiif tiiktookiis feesbuukiis wanta hundaa namooti ammayyuu biyyi eessatti deemaa jirtiin sun tireendii (dubbii ijoo) ta'eetuma hafe jechuu dha." jedha Ogeessi kaameeraa Amaanu'eel.
Mucaan kana ijoolleerraa wanti adda godhu, umrii xiqqaatti nama dubbii danda'u ta'uusaa ti kan jedhu, yoo gaaffii gaafattu dafee battala deebii siif deebisa jechuun collummaa daa'ima kanaa ilaalee akka dubbise yaadata Amaanu'eel.
Viidiyoodhuma kana keessatti daa'imti kun gaaffii 'fuulduratti maal ta'uu barbaadda jedhameef, 'hiyyeessa gargaaruu' jedhee kan deebise yaada ijoo biraa na isa dinqisiise ta'uu dubbata Amaanu'eel.
Harmeen isaa aadde Wasaneenis daa'imti isaanii kun qe'eedhuma keessattuu collee dubbiin isaa nama hawwatu akka ta'e BBC'tti himte.
"Namni naannootti baay'ee jaalata. Namoota umriin isa gitan caalaa namoota guguddaa faana haasawuu baay'ee jaalata.
Ijoollee xixiqqoo faana hammana walii hin galu. Ijoolleema qeerroo qeerroo warra jajjabaa faana haasawa malee ijoollee xixiqqoo faana badaa hin haasawu. Haasawa isaa namni ni jaalata. " jetti.

Madda suuraa, Yuutuubii
Akkamiin viidiyoon sekondiiwwanii jireenya maatii jijjiire?
Haati Sanyii (Aadde Wasaneen) ofii ilma kana qofa qabdi. Kophaas guddisti. Hadhaa jiruus walumaan argaa turuu himti.
Haala yeroo mucaan kun gaaf waggaa jaha ture keessa turan yoo ibsitu, "jireenyi keenya kaleessallee baay'ee ulfaata dha.
Jalqaba isuma qabadheen mana namaa keessa hojjechaan ture. Sanii booddee immoo gaafa inni jabaatu isa baadhee mana namaa keessa hojjechuu waan hin dandeenyef mana kireeffadheeni kanani gargaaree akka baratu kanin godhe.
Baruma mana barumsaa seene sana immoo beekkamtii kana argate 2015."jetti.
Dhageettii argachaa dhufuu daa'ima kanaa booda xiyyeeffannaa kan argachaa dhufe jireenya ishee ti.
Miidiyaa hawaasaa akka Tiiktookiirratti qabiyyee koomedii dhiyeessuu fi namootni rakkatan akka gargaaramaniif namoonni akka waliif birmatan kakaasuun kan beekamu, Taatoo Lammii Shugguxee (Tiktookara), maatii kanaan wal baree tumsa uummataa kan mijeessef keessa nama tokko.
"Ergan Sanyiin wal baree naannoo waggaa tokkoo fi ji'a shan ta'a.
Gara magaalaa Hoolataatti ergan dhufee mucaa kana nan beeka tiktookirraa.
Biyyi kun gara kamitti deemti jennaan gara Hoolataa jedhee, Aktiivii (collee) akka ta'e, mucaa amala qabu akka ta'e dura dhagaheera namarraa.
Achumaanan mucaa kana waliin wal ta'ee hojjechuun qaba jedheetan mucaa barbaade.
Achumaan booddee maatii isaa waliin wal bare, haala isheen (haati) keessa jirtullee isheen natti himte, dhaabbata garaagarsaa garaagaraatifillee bilbilee (osoo gargaarsi hin godhaminiif) amman danda'u, hiriyoota kiyyaa waliin xiqqoos haa taatu gargaare."
Achiin booddee Sanyii waliin tiiktookii yoo hoijjennu namoonni baay'een koomedii keenya ilaaluu gaafa eegalan jedha Lammiin.
"Harmeen isaa haala ishiin keessa jirtu, dhukkubsachuu ishii akkasumas mana namaa garaagaraarra deemtee akka uffata miiccitu, mana kiraallee kaffaluu waan nyaatanillee rakkachuu, mucaanillee gadi bahee harka namaa akka laalu, bullee (haftee manneen nyaataa) fudhatee akka manatti galu, wantoota garaagaraati kan natti himte" jedha.
Achumarraan miidiyaa hawaasaatiin tumsa hawaasaa gaafachuu kan himu lammiin sanaan maallaqni walitti qabameen manni maatii kanaaf magaalaa Hoolataatti bitamuu hima.
"Garmalee na gaddisiisnan battaluma namoota natti dhidhiyaataniin akka isaan gargaaraman godhe. Achi booddee Sanyii wajjin hojii Koomediitiin itti fufne jechaadha erga manni bitameefiin booda."
Beekkamtin daa'ima ishee jireenya hamtuu kaleessaa keessaa isaan baasuu himti haati Sanyii aadde Wasaneen.
"Erga inni beekkamtii argatee uummanni nu gargaare. Mana ittiin bitanne. Bulchiinsi magaalaas waadaa nuu gale. Lafa bitannerratti mana nuu ijaaruf. Gaafa ayyaanaas dhufee nu gaafate"
Baasiiwwan adda addaaf galii miidiyaa hawaasaarraa Lammiifaa waliin hojjetuun akka jiraatan dubbatti.
"Dura mana kiraa keessa jirra. Amma uummanni kan nu gargaareen manni ittiin nuu bitamee, ergasiimmoo Lammii faana (Taatoo fi tiktookara) beeksisa ni hojjeta, yoo argatan nu gargaaranii isumaani kan nuti jiraannu." jetti.
Sanyiin ispoonsara barnootaas mana barnootaa dhuunfaarraa argatee garuu fageenya karaan isaa iddoo jireenya mana isaaniirraa qabuun fayyadamuu akka hin danda'in himu haati fi Lammiin.
Umrii ganna 9tti hordoftoota kuma 600
Sanyii Wasanee (Bassuufiqaad ) yeroo ammaa kana tiktookii gubbaatti hordoftoota kuma 600 horateera.
Lammii waliin ta'uunis qabiyyeewwan koomedii miidiyaa hawaasarratti waliin dalagu.
Hojii proomooshinii waliin hojjechuun waan argatan akka qooddatan hima Lammiin. Sanyiinis qarshii miidiyaa hawaasarraa argatu kanaan maatii isaa bulcha jedha.
Hojiin miidiyaa hawaasaa kun barnoota isaarratti dhiibbaa hin qabaatu jennee kan gaafanneef aadde Wasaneen, hojii kana guyyoota boqonnaasaa (Sanbattanirra)qofa akka hojjetan nutti himte.
Tumsa isaaniif taasifameef uummata galateeffata Sanyiin.
"Ani kanan jedhu uummanni Oromoos, uummanni Itoophiyaas haa jiraatu, isaa haa dabartu hamman danda'u eebbiseera kaa!
Waaqayyo isaan eebbisu! Waaqayyo isaan haa gargaarun jedha! Ani achirraan gargaarameen mana mataa koo keessa jiraadheen ganamaa galgala soofaa gubbaa zanaa jedhee jiraachaa jira" jedha mucaa xinnaan kun.
Miidiyaa hawaasa gaarummaaf itti fayyadamuun jijjiirama hawaasaaf meeshaa guddaa akka ta'e muuxannoon maatii Sanyii fakkeenya guddaa ta'uu dubbate Lammiin.
"Siyaasa garaagaraa, gandummaa garaagaraa, akkasumas waan safuu duudhaa Oromummaa cabsu dhiisanii waan nama barsiisu osoo hojjetaniin bareeda jedha" jedha.















