Mootota dubraa 'TikTok' Itoophiyaafi carraa miidiyaan hawaasaa kun uume
Haayaat uffata abbaa ishee fi haadha ishee uffachuun kuuliidhaan areeda hojjetattee viidiyoon hojjette namoota hedduudhaan jaalatameera. Namoota miliyoonotaanis ilaalameera. Yeetinnaayeetis akkasuma meeshaalee fi uffata mana keessa jiruun viidiyoo qalbii namoota hedduu hawwate hojjechuun beekamti.
TikTok irratti hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa'aman kan qaban Haayaat Naasir fi Yeetinaaayet Taayyee wantoota bashannansiisoo fi salphaa tahan irratti xiyyeeffachuun hojjetu.
Yeetinnaayeet barana yuunivarsiitii Finfinnee irraa 'Contsruction Manegement'n eebbifamuun amma 'interior design' barachuu eegalteetti.
Haayaat ammoo yuunivarsiitii Hawaasaatti barattuu saayinsii Kompiyuuteraa waggaa 3ffaati. Shuubbisa, sirboota viidiyoo garaagaraa irraa fudhataman fayyadamuun dhimmoota garaagaraa irratti miira namootni agarsiisuu dandahan irratti viidiyoo hedduu hojjetteetti.

'Influencer Making Hub' marsariitiin jedhamu hojiiwwan TikTok irratti jaalataman jedhe keessatti kan Haayaat fa'a hojjetanis dabaluun viidiyoowwan 21 tarreesseera.
Hojiilee ogummaa meeshaalee adda addaa irraa hojjetaman, akkaataa kuduraaf fuduraa itti mummuran, yaalii saayinsii garaagaraa, barnoota dabalataa kanneen barsiisan iratti sochiiwwan nama kofalsiisanii fi jiruu guyya guyyaa kanneen agarsiisan TikTok irratti jaalatamummaa kanneen argatan tahuus ibseera.
'Biizines oof aapp' marsariitiin jedhamu ammoo qabiyyeewwan baacoo fi bashannansiisoo tahan qabaachuun miidiyaalee hawwaasaa kaan caalaa TikTok akka jaalatamu ibse.
Muuxannoo fayyadamtootni viidiyoolee nama bashannansiisan Feesbuukii irratti qooduu qaban %36 yoo tahu Inistaagiraamii irratti % 42, TikTok irratti ammoo %48 taha.

Madda suuraa, Getty Images
Carraa koroonaavaayirasiin uume
TikTok iirratti kan baay'atu qabiyyee bashannanaati kan jettu Yeetinnayeet ''yeroo dhiyoo as qabiyyeen siyaasaas akka jiru. Garuu baay'ee xiyyeeffannoo hin argatan'' jette.
Erga weerarri koroonaavaayirasii Itoophiyaatti mudateen as beekamtii guddaa kan argate TikTok tahuu hin hafne. Yaada kana Yeetinaayetis itti waliigalti.
Weerara koroonaavaayirasiin dura Yeetinnaayet hordoftoota naannoo 2000 qofa akka qabdu himti. Erga weerarichaan as garuu lakkoofsi hordoftootni ishee 200,000 darbeera.
Haayat ammoo weerara koroonaan dura ji'a tokko ture TikTok fayyadamuu kan jalqabde. Wayita ammaa hordoftoota 320,000tti siqan horachuu dandeesseetti.

Madda suuraa, Yeetinnaayet Taayyee
Ogeessi komunikeeshinii Obbo Natsaannet Tasfaayee, sababa weerara vaayirasichaan namootni baay'een mana ooluuf dirqamuu isaanii fi barnoonnis karaa interneetii akka kennamu taasifamuun isaa lakkoofsi namoota interneetii fayyadamanii akka dabalu godheera jedhan.
Kunis TikTok dabalatee lakkoofsa namoota Itoophiyaatti miidiyaalee hawwaasaa fayyadamanii akka dabalu taasiseera jedhu.
Erga manni barnootaa banamee namootni gara sochii idileetti deebi'anii as lakkoofsi namoota daawwatanii xiqqaachaa dhufuu himan.
Adunyaama kaan keessattuu koroonaan TikTok'f ''carraa gaarii'' fidee waan dhufe fakkaata jedhu.
Carraa galii TikTok fide
Haayaatis taate Yeetinnaayeet TikTok kennaa qaban akka baasanii itti fayyadamaniif waltajjii gaarii akka taheef himan.
''Dandeettiin qabu akkan baruufi namoota hedduu waliin akka wal baru kan na godhe TikTok'' kan jettu Yeetinnaayet ''carraa hojii gaarii naaf baneeras'' jette.
Oomishaa fi tajaajila dhaabbileen garaagaraa qaban beeksisaa jirti.
''Keessumaa dhaabbilee dargaggoota bira gahuu barbaadan waliin hojjechaan jira. Galiin argadhu guddaa jedhamuu baatus akkan of danda'u na godheera,'' jette.
Haayat ammoo oomishaa dhaabbilee garaagaraa beeksisuun garasitti TikTok fiilmii tokko irratti akka hirmaattuuf carraa baneeraaf.
Fiilmii biraa irrattis taatoo taate akka hojjettuufi beeksisa Televizhinii akka hojjettu waamichi akka taasifameef dubbatte.
Kunis indaastirii fiilmii keessa galuuf abjuu ijoollummaan qabdu dhugoomseeraaf.

Madda suuraa, Haayaat Naasir
''Ani hijaaban uffadha. Isa uffadhee fiilmii hojjedha jedhee yaadee hin beeku. TikTok osoo hin dhufne tahe eenyutu argee na hojjechiisa ture'' jette Haayaat.
Kana irra darbees fayyadamtootni TikTok kan addunyaa biraa akka ilaalaniif qofa osoo hin taane aadaa keenya, uffata aadaa, fi taa'umsa lafaa bareedaa qabnu akka beeksifnuuf gargaareera jedhan ogeessi komunikeeshinii Obbo Natsannet.
Dargaggootaa fi Tiik Took
Adunyaa irraa fayyadamtootni TikTok %42 kan tahan umuriin isaanii waggaa 18-24 gidduu kan jirudha.
Obbo Natsaannet qabiyyeen TikTok itti fayyadamuuf salphaa tahun isaa dargaggootni akka jaalatan taasiseera jedhan.
Namootni umurii wal fakkaataa irra jiran karaa kana ergaa akka waliif qoodan haala mijeesseera jedhan
Yeetinnaayet karaa TikTok odeeffannoo argatteen hordoftootni ishee %70 ol tahan umuriin isaanii 18-24 gidduu tahuu himte.
Obbo Natsannet Feesbuukii fi Televizhinii irratti siyaasatu baay'ata, as irratti ammoo wantoota bashannansisoo waan tahaniif akka filatamu gochuu hin hafu jedhan.
Obbo Natsaannet fuulduratti carraa hojii gaarii akka ittiin argachuu danda'aniif namootni hojjetan viidiyoo gaggaarii karaa kalaqa qabuun dhiyeessuu qabu jedhan.
Faashinii, turizimiifi kaan irratti osoo hojjetanii dargaggootni gara gabaa kanaatti galuuf haala mijeessaaf jedhan ogeessi kun.
TikTok maaliin qeeqama?
Fedha fayyadamtootaa adda baasuuf kan gargaaru algoorizimiin TikTok icciitiin kan qabame akka tahe himama.
Algoorizimiin kunis viidiyoo fayyadamaan tokko jalqaba jaallate ilaaluun waan isa fakkaatu qofa baay'inaan akka argu godha.
Kun ammoo fayyadamtootni yeroo dheeraa TikTok irratti akka dabarsan taasisa.
Gama biraan odeeffannoo fayyadamtootaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna jedhamuun qeeqama.
Indiyaan karaa fayyadamtootni hin beekneen odeeffannoon isaanii hatama jechuun tajaajilicha dhorkiteetti.
Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampis nageenya biyyaalessaaf yaaddoodha jechuun itti ciniinnachaa turuun cufuuf dhumarra gahanii ture.
Moobaayiloota humna ittisaa Ameerikaa keessatti hojiif oolan irratti akka hin hojjenneefis dhorkamee ture.
UK fi Awustiraaliyaanis sodaa qaban ibsaa turan haa tahu malee TikTok himata kanneen hundaa haaleera.















