Tik Tok murtoo Tiraampi dabarsan irratti himata banuufi

Pirezidaantii Donaald Tiraamp irra dedeebiin Chaayinaarratti dheekamu

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbatni Chaayinaa Tik Tok murtoo pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi irratti dabarse mormuun himata banuuf.

Tiraampi aangoo isaanii fayyadamuun walakkaa ji’a Fulbaanaa irraa eegalee daldalli abbaa qabeenyaa Tik Tok ‘Byte Dance’ waliin taasifamu akka dhaabbatu murtoo dabarasinii ture.

Qondaalonni Waashingitan kaampaanichi odeeffannoo fayyadamtootaa Ameerikaaa gara mootummaa Chaayinaatti dabarsa sodaAappiin viidiyoo gabaabduu qooduuf gargaartu Tik Tok Ameerikaa keessatti qofa fayyadamtoota miliyoona 80 qabdi.

Tik Tok bulchiinsa Tiraampi waliin waggaa tokkoo oliif wal qunnamaa akka ture himuun garuu hanqini dhimma seeraa fi gama isaaniin ammoo ragaalee dhugaa dhiyeessineef xiyyeeffannoo itti kennuu dhabuun jira jechuun komata.

‘’Kana mirkaneessuuf ol aantummaan seeraa kan kaampaaniin keenyaa fi fayyadamtootni keenya qixa itti tajaajilaman hin cabne.Filannoo biraa hin qabnu.Karaa mana murtii biyyichaa murtoo ol aanaa darbe kana falmina’’ jechuun dubbii himaan kaampaanichaa dubbate.

Himannaan seeraa kun torban kanakeessa akka eegalu Tik Tok beeksiseera. Haaluma wal fakkaatuun lammiileen Chaayinaa Ameerikaa jiraatan Tiraampi tajaajila aappii ‘We Chat’ jedhu kan kan dhaabbata kaampaanii Chaayinaa Tenset tahe dhorkinaanJimaata darbe himata bananiiru.

Maamiloonni Tik Tok viidiyoo gabaabduu waa’ee siyaasa adunyaatii hanga shubbisa garaagaraa agarsiisnitti maxxansu.Yeroo dhiyoo kana kan barame yoo tahu ijoolleen baay’inaan fayyadamu. Yeroo biliyoona tokko caaluuf interneetiin buufamee [download] ilaalamera.

Tiraampi garuu Chaayinaan aappii kana kan fayyadamtu bakka hojii hojjettoota federaalaa fi odeeffannoo isaanii funaanuun basaasaaf itti fayyadamuufi jedhan.

‘’Guddinni aappii moobaayila harkaa dhaabbilee Chaayinaa nageenya biyyaaf, haajaa alaafi dinagdee Ameerikaaf yaaddoodha’’ jedhan Tiraampi.

Odeeffannoo walitti qabamu kun akka paartiin Chaayina bulchu odeeffannoo dhuunfaa lammiilee keenyaa argatu taasisa jechuun murtoo aangoo pirezidaantummaa isaanii fayyadamuun fudhatan irratti ibsa kennaniiru.

Filannoo Ameerikaa gahaa jiru dursee Tiraampi kaampaanota lamaan Chaayinaa WE Chat fi Tik Tok irratti fudhate.

Erga aangootti dhufaniis waraana gama daldalaa Chaayinaa irratti banan ammas itti fufaniiru. Waan Tiraampi kaampanota kanneen itti himatan hin raawwanne jechuun kaampaanotni mortoon irratti darbe deebii kennaniiru.

Aappii Tik Tok Indiyaa keessatti kan dhorkame yoo tahu Awustiraaliyaanis murtoo wal fakkaataa fudhachuuf akka jettu beeksifteetti. Aappiin We Chat Chaayinaa keessatti baayyee kan jaalatamu yoo tahu biyyicha keessatti ammoo Feesbuukii fi Waats aappiin tajaajila irraa dhorkamaniiru.