
Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Naayijeeriyaa finxaaleyyii haleelurratti US waliin tumsa isaa cimsePirezidantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tiinuubuu, hogganaa olaanaa IS tokko oppireeshinii waloo US waliin godhameen ajjeefamuu isaa mirkaneessaniiru.
"Humnoonni Ittisa Naayijeeriyaa, Humnoota Waraanaa Yunaayitid Isteets waliin tumsaan hojjechuun, oppireeshinii waloo gootummaa gaggeessaniin garee IS irratti miidhaa guddaa geessisaniiru," jedhan Tiinuubuu ibsa baasaniin.
Opireeshiniin kun jalqaba kan beeksifame Pirezidantii US Donaald Tiraampiin yoo ta'u, Tiraamp, Abuu-Biilaal al-Miinuukii "addunyaa irratti hogganaa lammaffaa ISIS" fi "shororkeessaa addunyaa sochii keessa jiru" jechuun ibse.
Al‑Miinuukii bara 2023tti Waashingitaniin Shororkeessaa Addunyaa Addatti Adda Bahe (Specially Designated Global Terrorist) dhamee labsamee ture.
Ajjeechaan kun erga hogganaan isaanii Abuu Bakr al‑Baghdaadii bara 2019tti ajjeefamee booda garee IS irratti balaa hamaa biraa ta'a.
Tiinuubuu ibsa baasaniin akka jedhanitti, al-Maunuukii haleellaa naannoo sulula Chaad keessatti mooraa isaa irratti raawwatameen "hoggantoota shororkeessitoota gulantaa giddugaleessaa hedduu" waliin ajjeefame.
Sululli kun naannoo bal'aa qaama bishaanii fi lafa caffaa Naayijeeriyaa, Chaad, Naayijer fi Kaameruuniin qooddatani dha.
Kunis yeroo dheeraaf buufata cimaa Bokkoo Haaraamii fi garee isaan morkatu, Islamic State West Africa Province (Iswap) ta'ee tajaajilaa tureera.
Abuu-Biilaal al-Manukiin naannoo Kaaba-Baha Naayijeeriyaa Bulchiinsa Boornuu irraa akka ta'e amanama.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti maqaan masoo isaa kun tarii magaalaa bulchiinsa sana keessatti argamtu Maayinook irraa kan dhufe yoo ta'u, kunis aadaa naannichaa namoota magaalaa dhaloota isaaniitiin ykn maqaa maatiitiin adda baasuu irraa madda.
Kanaan dura, aangawoonni akka jedhanitti, inni naannoo Saahelii fi Afriikaa Lixaa keessat sochiiwwan IS wajjin walqabatan, kanneen dhiyeenya kana namoota nagaa fi hawaasa hagoo ta'an irratti xiyyeeffatanii raawwataman to'achaa fi geggeessaa ture.