'OMN dabalatee miidiyaaleen tarkaanfiin irratti fudhatame filannoon hojiitti deebi'uu harkasaanii jira'- Abbaa Taayitaa Biroodkaatii Itoophiyaa

"OMN dabalatee miidiyaaleen tarkaanfiin irratti fudhatame filannoon hojiitti deebi'uu harkasaanii jira'' jedhe Abbaa Taayitaa Biroodkaatii Itoophiyaa.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa barii miidiyaaleen akka OMN, DW fi biroo sababa walitti bu'iinsa saboota gidduutti labsuufi jeequmsa kakaasniiru jedhuun Abbaan Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa tarkaanfii uggura yeroo ji'a tokkoo hanga ji'a lamaa irratti fudhatee ture.
Miidiyaaleen tarkaanfiin uggura yeroo irratti fudhatame keessaa tokko kan ta'e Oromia Media Network (OMN) istuudiyoon isaa Finfinnee jiru erga cufamee ji'a lama guutuuf guyyoota muraasatu hafa.
Miidiyicharratti tarkaanfiin uggura yeroo fudhatame tures kan ji'a lamaati.
Miidiyaaleen kunneenis yeroo adabbii isaanii erga xumuramee booda Hireen isaanii itti aanu maal taha jennee kan gaafanne Itti aanaan Daayirektara olaanaa Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa Obbo Wandosen Andu'alem carraan harkuma isaanii jira jedhan.
"Miidiyaaleen kunneen waan balleessanii fi waan sirreessuu qaban tokko lamaan ibsinee xalayaa barreesineefii jirra. Waan itti himame kana sirreesinee gara qilleensaatti deebina yaada jedhu yoo qabaatan, yeroon adabbiis dhumaa waan jiruuf gara hojiitti ni deebi'u jennee yaanna" jedhan.
Miidiyaaleen kunneen qabiyyee isaanii fooyyeessanii waan uummataa fi biyyaaf ta'uu qabu hojjechuuf murteessuun hawaasa isaanii akka tajaajilaniif Abbaan taayitichaa hawwii guddaa qaba jedhan.

Madda suuraa, Abbaa Taayitaa Biroodkaatii Itoophiyaa
"OMN fi DWs labsii biroodkaastii fi seeroota cabsan kan isaanitti himne sirreessanii seera biyyattii eeganii hojjechuuf yoo dhufan ni jajjabeesina. Tarkaanfiin fudhatame kan yerooti malee miidiyaalee cufuuf, miidiyaalee biyyaa baasuuf tarkaanfii fudhatame miti," jedhan Obbo Wandosen.
Gama biraatiin Hojjettoonni 'Oromia media network' waajjira Finfinnee hojjechaa turan battala miidiyichi cufameen kaffaltiin mindaa waan irraa dhaabbatee tureef rakkoo keessa jiraachuu BBC'tti himan.
Ogeessa kaameeraa miidiyichaa kan tahe Abdiisaa Balaachoo erga waajjirri isaanii Finfinnee cufamee rakkoo xinsammuu fi dinagdeetiif saaxilamnee jirra jedha.
"Gaafuma waajjirri keenya cufamu sana sanadni hunduus fudhatamee lakkoofsi herreega baankii kan waajjira keenyaas cufamee jira. Waajjirri erga cufamee ji'a lamaaf mindaa nuuf hin kaffalamu. Kanaafuu haala rakkisaa keessa jirra. Nageenyi keenyaafis ni yaaddofna" jedha.
Ta'us miidhaan amma itti jirru qaamuma qabsoo waan ta'eef akka rakkina guddaatti waan fudhannuu miti jedha Abdisaan.
Gaazexeesituun OMN eenyummaa ishee akka ibsamu hin barbaanne tokkos, sababa OMN Finfinnee cufameen gargaarsa maatii eegutti deebineerra jetti.
"Hojjettoota 30 oli kan amma sababa waajjirri cufamuun hojiidhaan ala taane. Amma hojii biraa deemnee barbaaduuf sodaa qabna. Namni hojii qabu yeroo gargaarsa maatiitti deebi'u xinsammuu namaa baayyee miidha," jetti.
Haalonni fooyya'anii hojii idilee isaaniitti deebi'uudhaaf fedhii guddaa akka qabanis himu hojjettoonni kunneen.
"Dirreen heddummina yaadaafi miidiyaa yoo bal'ate nuti akkuma amma duraa hawaasa keenya tajaajiluuf fedhii guddaa qabna. Haalli amma jiru kuni yoo akkanaan itti fufe garuu waan jechuun danda'amu hin jiru" jedha Abdiisaa.
Direktarri Olaanaan OMN Girmaa Guutamaa ammoo, boromtaa ajjeechaa artist Hacaaluu Hundeessaa irraa kaasee, mootummaan Itoophiyaa akkawwuntiiwwan baankii dhaabbatichaa afuur waan uggureef, sababii kanaatiin hojjattootaaf mindaan kanfalu akka hindandeenye BBC'tti himan.
''Kanaan kan ka'ees maatiin isaaniillee rakkoolee hamaaf nurraa saaxilamaniiru. Kaan isaanii mootummaan adamfamaa, kan hafan ammoo rakkoo diinaggee hamaa ta'eef saaxilalamaniiru.''
Dhaabbanni OMN Oromiyaa keessaa rippoortarootaafi ogeeyyii teeknikaa dameelee adda addaa dabalatee hojjattoota 45 akka qaban kan himan obbo Girmaan, ''kaffaltii mindaa hojjattoota malu akka raawwannuuf mootummaan kun uggura sirna faayinaansii dhaabbatichaarra godhe hatattamaan akka kaasu ni gaafanna,'' jedhan.
''Meeshaalee OMN seeraan ala istuudiyoo cabsuun guurratamees hatattamaan akka nuuf akka deebisuufi hojjattoota keenya hidhaman akka gadhii nuuf dhiisu gaafanna'' jedhan daarektrri olaanaan dhaabbatichaa.

Madda suuraa, OMN
Garuu ammoo Abbaan Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa ogeessonni miidiyaa sababa manni hojii isaanii cufameef hojiidhaan ala ta'uu komatan amma yeroo adabbii xumuramaa waan jiruuf hoggansa miidiyaa isaanii waliin mari'achuun furachuu danda'u jedheera.
Daareektarri Olaanaa OMN garuu waa'ee xalayyaa Abbaan Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa jechaa jiru kun minseensa bulchiinsaa ta'ee garee dhaabbatichaa harka waan hingeenyeef akka hinbeekne himu.
''Erga waajjira keenya mootummaan seeraan ala cabsuun cufee, hojjattoota keenya kaan hidhee kanneen hafanammoo hidhuuf adamsuu jalqabee kaasee, xalayaa akkami eenyutti erge laata abbaan taayitichaa?'' jechuun omaa akka hinbeekne dubbatu.
Jalqabuma OMN kan cufame seera cabseetii miti kan jedhan Obbo Girmaan, ''fakkeenyaaf abbaan taayitaa birodikaastii Itoophiyaa kan jedhu, gaafa reefii Hacaaluu hospitaala ba'ee geggeeffamu maaf kallattiidhaan tamsaastanii dha. Kun kan gaaffachisuu yoo ta'e ammo tamsaasa kallattii keenya heeyyama malee suur-sagalee hatuun dabarsaa kan ture miidiyaan mootummaa OBN, maaf hin gaafatanii hafee?
''Kun ammoo shakkii tokko malee, dubbiin dubbii siyaasaati malee, dhimma seeraa akka hin taane kan agarsiisuudha'' jechuun adeemsa ugguraa kaa'ameerratti komii qaban dubbatu.












