Abbaan Taayitaa Biroodikaastingii waajjira OMN Finfinnee cufe, kaaniif akeekkachiisa kenne

Loogoo OMN

Madda suuraa, OMN

Abbaan Taayitaa Biroodkaastingii Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufe. Miidiyaalee sadii biroof immoo akeekkachiisa kennuu beeksise.

Daarektarri Olaanaa dhaabbatichaa Dr Getaachaw Dinquu BBC'tti akka himanitti, wajjirri OMN Finfinnee jiru ''waan sabaafi amantii walitti buusu tamsaasuun'' cufame.

Miidiyaaleen biroo kanneen akka Asraat TV, Dimtsii Wayyaaneefi Televijinii Tigraay kan jedhamaniif immoo akeekkachiisni kennamu ibsaniiru.

Dabalataan, waajjirri miidiyaa ASRAT fi DW sakatta'amee meeshaaleen tokko tokko to'atamuullee ibsan.

Haala walfakkaatun Abbaa Alangee Federaalaatti, Daarektara kan ta'an Obbo Fiqaaduu Tsaggaa miidyaaleen kunneen qoratamaa akka jiran kaleessa ibsaniiru.

Murteen kun erga weellisaa Hacaaluu Hundeessaan ajjeefamee namoonni mormiif bahan 80 ol ajjeefamuu isaanii qondaaltonni erga himanii booda kan dhagahamedha.

Namoonni hedduus kan miidhaman yoo ta'u, qabeenyi guddaas barbadaa'u qondaaltonni himaniiru.

Gama baha biyyattii poolisiin Dirree Dhawaa akka beeksisetti namoonni 200 hidhamaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan intarneetiin Itoophiyaatti akkuma cufametti jira.

Ta'us, torban dhufu keessa gadhiifamu akka danda'u Pirees Seekiretariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum BBC'tti himaniiru.

Waggaa 6 dura Ameerikaatti kan hundaa'e OMN erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii as ture biyyattii kan gale.

Ta'us yeroo adda addaatti Abbaa Taayitaa Biroodikaastingii irraa xalayaan irratti barraa'aa ture.

Gaafa Kibxataa dhaabbatichi fuula fesbuukii isaa irratti akka beeksisetti taanaan miseensonni poolisii Federaalaa dhaabbaticha dhufanii cufaniiru.

Hojjettootas fuudhanii deeman jedhamus gaafasumas galagala manatti deebi'un isaanii dhagahameera.

Abbaan Alangee maal jedhe?

Akka kaleessa Abbaa Alangee irraa Obbo Fiqaaduun ibsanitti taanaan miidiyaaleen sadan jechuunis OMN, Dimtsii Wayyaaneefi Asraat TV 'waan sabaafi amantii walitti buusu' gabaasuun shakkamaniiru.

Kanaafis, qorannoo gaggeessuu eegaluu isaanii kan ibsan.

"Ragaadhaan mirkanaa'ee himatni hundaa'uu waan qabuuf istuudiyoowwan OMN, ASRAT fi DW sakkatta'uun meeshaalee yakkicha walin hidhata qaban arganneerra" jedhan Obbo Fiqaadun.

"Shakkinee jirra. Hojiileen walitti bu'iinsa kakkaasan jiru jenneerra. Wantootni kunneen jirumoo hin jiran kan jedhu adeemsa qorannootin gara fulduraatti kan beekkamu ta'a" jedhan.

Hojiin gara fulduraas bifa adeemsa ogummaa eeggateen akka adeemsifamu Obbo Fiqaadun himaniiru.

Gara fulduraattis haala amma jirun biyya akka biyyaatti ijaaruun osoo barbaachisuu hojiilee miidiyaa biyya diiguf hojjetamanif obsa akka hin qabaanne dubbataniiru.