Billanee Siyyuum: 'Intarneetiin Itoophiyaatti bade torbee dhufu keessa akka gadhiifamu nan abdadha'

bilbila network hin qabne

Itoophiyaatti tajaajilli intarneetii sababii mormii ajjeechaa artiisti Haacaalu Hundeessaatiin walqabateen guutuu biyyaa haala jechiisiisuun adda citee ture torban dhufaa keessa deebi'uu akka danda'u himame.

Waajjira Ministira Mummeetti Pirees Sakretariyaatii kan taatee Billanee Siyuum 'BBC Newsday' waliin turtii taasifteen akka jettetti, intarneetiin jibba sabummaa babal'isuuf itti fayyadamamaa ture.

Itti gaafatamummaan motummaa inni guddaan immoo nageenya biyyaa eegsisuu waan ta'eef intarneetii adda cituu dubbatti.

Haa ta'u malee, amma waan hunduu gara nagaatti deebi'ee, Oromiyaafi Finfinneenis tasgabaa'aniiru jette jirti.

Ajjeechaa weellisaa Hacaaluu irratti erga uumamee booda mormii taasifameen namoonni 80 ta'an ajjeefamuu himteetti.

Guyyaa kaleessaa namoonni sadii ajjeechaa Hacaaluun shakkaman sadii mana murtiitti dhihaachuun isaanii gabaafameera.

Namoonni tokko tokkoos sirna awwaalchaa artisti Hacaaluutti fayyadamuun tasgabbii dhabiinsa uumuuf turan kan jettu Billaneen, ''poolisiin eenyumattuu hindhukaafnees'' jette.

Ministirri Muummee biyyattii gara dimookiraasiitti ceesisuuf hojjataa jiru kan jette Billanee Siyuum, ''Itoophiyaa seenaa jibbisiisaa keessaa bahaa jirti'' jechuun dubbatte.

Sagaleewwan hedduun amma biyyattii keessatti dhagahamaa jiranis kan waggoota muraasaan dura hin hayyamamnee akka tures himte.

Miidiyaalee cufaman

Kaleessa galgala qondaaltonni Abbaa Alangee Federaalaa waajjira miidiyaalee sadii ''saboota gidduu waldhibee uuman'' jedhan cufani.

Qondaaltonni Abbaa Alangee Federaalaa kaleessa akka ibsanitti kanneen waajjirri isaanii cufame OMN, Tv Asraatiifi Dimtsii Wayyaanee kan jedhamanidha.

Abbaan Alangee waldhibdee uumuun shakkee miidiyaalee kana qorataa akka jiru ibse.

Kantiibaan I/Aanaa Magaalaa Finfinnee gama isaaniin ibsa kaleessa kennaniin miidiyaalee 'sirrii hin dalagne' jedhan akeekkachiisaniiru.

''Ammaan achi miidiyaa kamiinuu, barreeffamni kamuu ummata walitti buusu, jibbi namaafi ummata bu'uura godhate akkasumas olola hin obsinu,'' jechuun ibsaniiru.