'Dhumaatiin Finfinneetti yaadamee ture fashalaa’eera'- Taakkalaa Uumaa

Madda suuraa, ETV Screen Shoot
Ajjeefamuu Art. Haacaaluu hordofuun "dhumaatiin" Finfinneetti yaadamee ture guutummaan guutuutti fashalaa’eeraa jedhan Kantiibaa Itti aanaan magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa.
Gaafa Jimaataarraa kaasee hojjetoonni mootummaafi miti-mootummaa hundumtuu gara hojii idilee isaaniitti akka deebiyaniifis Injinar Taakkalaan ajaja dabarsaniiru.
Magaalattiin nageenyi ishee bakka duraan turetti deebiyuun hojii ishee itti fufti kan jedhan Injinar Taakkalaan, “Adeemsa kana keessatti gufuun ta’a, diraamaan jalqabe ittin fufa kan jedhu yoo jiraate seeraanis, sirnaanis, [mooraaliinis], seenaadhaanis ni gaafanna,” jedhan.
Gareen kunneen miidiyaalee isaaniirratti gocha badii kanaaf duula [piroppagaadaa] gaggeessaa turaniiru akka bulchaan Finfinnee kun jedhanitti.
Obsi daangaa qaba kan jedhan Injinar Taakkalaan, kanaan booda wanti biyyaafi ol-aantummaa seeraan ol ta’e waan hin jirreef tarkaanfii gitu fudhanna jechuunillee akeekkachiisaniiru.
Keesumaa ammoo miidiyaalee kamirrattiyyu maqaa namaafi sabaa xureessuu, salphisuu arginaan akka bira hin dabarre dhaadataniiru Injinar Taakkalaan.
''Ammaan achi miidiyaa kamiinuu, barreeffamni kamuu ummata walitti buusu, jibbi namaafi ummata bu'uura godhate akkasumas olola bira hin dabarru,'' jechuun ibsaniiru.
Qaamni gareedhaan gurmaa’ee magaalattii keessatti sabaafi saba gidduutti rakkoon akka uumamu gochuudhaaf hojjetaa ture jiraachuu ibsuun, osoo akka waamichaafi olola isaan gaggeessaa turaniitii waan hamtuutu magaalattii keessatti dhalata tures jedhan.
Bakka tokko tokkottillee sobaan bataskaanni gubate jechuudhaan akka bataskaanni bilbila mallattoo yeroo biyyi weeraramuu akka bilbiltuuf kakaasaa turan jedhan.
Hubannoofi hawaasichi qabuufi carraaqqii qaamolee nageenyaa wanti kaayyeffamee ture kun karaatti hafuu ibsan.
Magaalaa Art. Haacaaluu keessatti 'wareegame' keessatti waahelootaafi obboloota isaa waliin ta’uudhaan wiirtuu magaalattii keessatti siidaa yaadannoo ni ijaarraaf jedhan.
Kantiibaan Itti-aanaa Finfinnee, siidaan dhaabbatus kan isaaf maluufi isa gitu qofaa osoo hin taane, labata har’aatiif galaafi seetoo uumuu kan danda’u ta’ee dhaloota itti aanuuf ammo seenaa kan ta’u ta’a jedhan.
Gaafa Kamisaa owwaalchi weellisaa Hacaaluu Amboo yeroo raawwatetti Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa erga tv gubbaa dabarsaniin siidaan Finfinneetti akka ijaaramuuf ibsuun isaanii ni yaadatama.
Magaalaa Finfinneetti yeroo ammaa kana humni nageenyaa waloo nagaafi tasgabbii magaalattii kabachiisuu jalqabuu isaas dubbataniiru.















