Ajjeechaa Haacaaluu: Rakkoo nageenyaa tibbanaan walqabatee Oromiyaafi Finfinneen maal keessa jiru?

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu hordofee kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hookkara dhalateen lubbuun namoota 80 ol darbuu mootummaan ibseera.

Reeffi isaa deeggarsa mootummaan gara bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti geeffamee har'a sirni awwaalchaa isaa raawwateera.

Kaleessa gareen dargaggootaa magaalichatti bakki awwaalchaa magaalaa Finfinnee tahuu qaba gaaffi jedhuun hookkarri uumamee lubbuun nama jahaa kana gidduutti darbuu Itti Gaafatamaan Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa Obbo Jibril Mahaammad himaniru.

Har'a sirni awwaalchaa tasgabbiin akka raawwatuuf qaamni nageenyaa yaalii taasiseera jedhan Obbo Jibril.

Sirni gaggeessaa reeffa Haacaaluu Hundeessaa Istaadiyeemii Yunvarsiitii Amboo keessatti gaggeeffame.

Kun kan taheef yoo istaadiyeemii guddaa magaalaa Ambootti gaggeeffame mooraas waan hin qabneef rakkoon nageenyaa uumamuu danda'a jedhamee sodaatameeti jedhan.

Obbo Jibril magaalota akka Shaashammannee, Adaabbaa, Adaamaa, Buraayyuufi magaalota kaan keessatti rakkoo uumameenis lubbuun namaa darbee qabeenyi guddaan barbadaa'uu himaniiru.

Qabeenyi manca'e kan namoota dhuunfaafi waajjiraalee mootummaas dabalata jedhan Obbo Jibril.

Har'a aanoleen Oromiyaa keessa jiran 300 ol tahan tasgabbii fooyyee qabu keessa jiru jedhan.

Rakkoo Nageenyaa Buraayyuufi Finfinnee keessaa

Magaala Finfinnee kutaa bulchiinsota garaagaraa keessatti hookkarri uumamee qabeenya irra miidhaan gahuu quba qaba kan jedhan Obbo Jibril Mahaammad, bulchiinsa magaalichaa waliin daangaan osoo adda wal hin baasiin waliin hojjechaa jirra jedhan.

Jiraattota magaalaa Finfinnee Kondominiyeemii Oromiyaa jedhamuufi bakkee kaanitti gareen gurmaa'e namoota dhuunfaa irratti miidhaa geessisuuf yaalan jiru jedhan.

Magaala Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa kan akka Shaashamanneefi Adaabbaa keessatti qabeenyi namoota dhuunfaa barbadaa'aniiru jedhan.

Badiin kun kan dhaqqabe garee finxaaleyyii lamaan--Oromoo irraas, Amaaraafi kaan irraas ka'aniin akka tahes himaniiru.

Qabeenyi barbadaa'e kan saba garaagaraati malee kan saba tokkoo miti. Finxaaleyyiin akkasii to'annoo jala oolaa jiru jedhan Obbo Jibril.

Buraayyuu keessatti gareen yakka raawwachuuf sochii taasisaa ture miidhaa nama irraan gahurra darbee warshaalee shanii ol gubuuf osoo yaalanii humnoota nageenyaan oolera jedhan.

Kanaan wal qabatee Iskindir Naggaa magaalaa Finfinnee keessatti garee qindeessuun haleellaan akka raawwatamu gochuun shakkamuun to'annoo jala ooluu Waajjirri Abbaa Alangaa Waliigala Faderaalaa kaleessa ibsa kenneera.

Waajjirichatti Daarektarri dhimmoota yakka daangaawwan qaxaamuranii kan ta'an, Obbo Fiqqaduu Tsaggaa, "Gareen na deeggaran iddoo biraatti haleelamaa jiru waan ta'eef ka'aa warra as jiran haleelaa jechuun Finfinnee keessa iddoo 10 olitti dargaggeessa gurmeessuufi konkolaataa qopheeessuun sochoosaa ture," jedhan.

Namni haleellaa raawwachuuf gara Finfinnee dhufee tokkollee bakka hin jirretti namni isin fixuuf dhufaa jira waan qabdaniin ofirraa ittisaa jechuun dargaggoota sochoosaa turuus himaniiru.

Iskindir Naggaatti dabalataan maqaan paartii Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) dhaahameera.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee keessa jiran nageenya keenyaaf yaaddofne jedhu

Dargaggoonni gurmaa'anii kutaalee magaalaa Finfinnee keessa socho'aa turan haleellaa raawwataniin lubbuun namaa darbuu jiraattonni ni dubbatu.

Keessumaa jiraattonni Kutaa Bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo Oromiyaa Kondomiiniyeemii keessa jiraatan namoonni gurmaa'anii dhufanii miidhaa akka irraan gahaa turan BBC'tti himaniiru.

Jiiraattonni kun poolisiin federaalaa naannoo sana jiraatanillee garee meeshaa qara qabuufi dhakaa qabatanii socho'aaturan kanarraa isaan oolchaa akka hin jirre komatu.

Jiraattuu Kutaa Bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo Oromiyaa Kondomiiniyeemii taate haala nageenyaa yaaddessaa keessa akka jiran dubbatti.

''Kan itti himannu hin jiru. Kan nu dhaga'ullee dhabneerra," jetti.

Karaanis ta'e manni yaalaas cufaadha. Osoo banaa ta'eellee karaa gadi baanee warra miidhaan irra gahe mana wallaansaa geessan akka hin jaannes dubbatti jiraattuun kun haala kaleessa keessa turan yeroo dubbattu.

Humni poolisii Oromiyaa dafee nu qaqqabuu baannaan haalaa yaaddessaa keessa jirra jetti.

Jiraataan biroon naannoodhuma kanaa, tasa gadi bahanii garee kanaan dhagaan rukkutamuu dubbatu.

Erga rukkutamee booda manatti deebiyee akka dheesse himuun, miidhama irra gaheefillee karaa ittiin wallaansa argatu dhabeera.

Jiraatan Finfinnee kutaa magaala Eekkaa jiratuufi maqaan isaa akka ibsamu hin feene biroon guyyaa kaleessaa naannoo Hospitaala Phaawuloos bakka reeffii Art. Haacaaluu Hundeessaa itti qoratamerraa kaasee, ''qaamolee nageenyaan reebichi nurra gaha turee,'' jedha.

''Reeffii erga gaggeefamee boodas gareen gurmaaye wanta qara qabu baatee yaa'u nama Afaan Oromoo dubbatu yoo argan reebuufi saamuutu ture. Namootni hedduun miidhaman jiru.''

Gara kutaa magaalaa Aqaaqiitti reeffii nama ajjeefamee akka argamellee himamaa jiraa nuun jedhe.

''Har'as erga bari'ee aniifi hiriyyoonni koo naannoo koo jiran daabboollee bitachuuf manaa hin bane," jechuun miidhaa sabummaa irratti xiyyeeffate Finfinnee keessatti garee gurmaa'e kanaan deemsifamaa jiru ibsa jiraataan Eekkaa kun.

Ijoollee kutaa magaalaa biroo jiran waliin qunnamtii akka qabu kan dubbatu dargaggoon kun inumaa naannoo Eekkaa kana wayyaa bakka birootti rakkoo guddaatu jiraa jedha.

Baaldaraasiifi ABIN Finfinnee keessatti walitti bu'insa saboota gidduutti uumuuf socho'aa jiru

Yaaddoo nageenyaa jiraattotni magaalitti kaasan kana qaamni nageenyaa magaalaa Finfinnee quba yoo qabaateefi hojiin hojjechaa jiru yoo jiraate akka nuu ibsu dubbii himaa Komishinii Polisii magaalaitti kan ta'an Komaandar Faasikaaw Fantaatti irra deddeebiin kaleessa guyyaa bilbillus nuuf hin kaafne.

Komishinara Itti aanaa Poolisii Finfinnee kan ta'an Zalaalam Mangistee bilbila yaallee nuu kaasuu didan.

Guyyuma kaleessaa komii jiraattota kanaaf deebii argachuuf Komishinii Poolisii Federaalaattis yaallee argachuu hin dandeenye.

Tarii ammoo Komishiniin Poolisii Oromiyaa dhimma kana yoo quba qabaate jennee Komishinara Itti aanaa Poolisii Oromiyaa Komishinar Girmaattis bilbillee isaan dubbisuuf hin milkoofne.

Haata'u malee, Komishiiniin Poolisii Finfinnee kaleessa galgala ibsa EBC irratti kenneen Baaldaraasiifi ABIN Magaalaa Finfinnee keessatti walitti bu'iinsi saboota jiduutti akka umamuuf sochaa turan jedheera.

Komishinarri Komishiinii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu kaleessa jalqabee magaalattii keessatti nageenyi boora'uu himaniiru.

''Konkolaataawwan dhunfaafi kan mootummaa caccabsuufi gubuu, qabeenya lammileen horataniifi saamichi meeshaalee ture,'' jedhaniiru komishinarri kun.

Carraa kanatti fayyadamuun magaalattii keessatti hokkaraafi jeequumsa uumuun hawaasichi waliitti akka bu'uuf sochiin taasifamaa akka ture ibsan.

Miseensoota poolisii ergama nageenya kabachiisuuf socho'aa turan irra miidhaa salphaa hanga du'aatii qaqabeera kan jedhan Komishinarichi, ''Kaleessaafi kaleessa qofaa miseensoota poolisii federaalaafi kan Finfinnee 57 irra miidhaan qaqabeera. Akkasumas, miseensoonni lama lubbusaanii dhabaniiru,'' jedhan.

Miidhaa lammiileera gaheera ajedhaniinis ''Dheengaddaafi kaleessa qofaatti lubbuun anmoota 8 darbuu'' ibsaniiru. ''Lubbuun namoota kanneenis boombii, rasaasa, dhagaafi kan kana fakkaataniin,'' jedhaniiru.

Kana malees, konkolaataawwan dhunfaafi mootummaa 250 ta'an cacabanii, 20 kan ta'an ammoo gubachuusaanii ibseera.

''Miseensoonniifi aanga'oonni paartiilee siyaasaa kanneenii kana keessatti qooda fudhataniiru,'' jedhan.

''Keessattuu aanga'oonniifi miseesnoonni paartiilee Baaldiraasiifi ABIN ifatti T-shartii uffachuuniifi alaabaa paartii isaanii qabachuun magaalattii keessa bakkeewwan garaa garaatti socho'uun walitti bu'iinsa sabaa uumuuf socho'aa turan,'' jedheera.,

''Magaalattii keessa kallattiiwwwan garaaa garaatiin socho'uudhaan, sabni tokko saba biraa miidhuudhaaf akka dhuufeetti, ''akka weerarameetti'' beeksiisuudhaan akka ofirraa ittisuu kakaasuun raawwatamaa ture,'' jedhan.

Magaalaattii keessattis namoota bakka gara garaatti dhaabuun waragaa eenyuummaa gaafataa akka turan Komishinarrichi kun himaniiru.

Rakkoo magaalaa Finfinneetti uumame to'achuuf Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa bobbaafamuu Rooyitars gabaaseera.