Haacaaluu Hundeessaa: ''Haacaaluun gaafan du'u Ambotti na awwaalaa jedhee ture''

Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Dagi Pictures

Sirni awwaalchaa artiistii Oromoo gameessa Haacaaluu Hundeessaa iddoo dhaloota isaa magaalaa Ambootti akka raawwatu fedhii fi murtii maatii ta'uu maatiin BBC'tti himan.

Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa erga Wiixata darbe ajjeefamee booda eessatti awwaalamuu qaba kan jedhu falmii guddaa kaasee jira.

Guyyaa kaleessaa garee Finfinneetti awwaalamuu qaba jedhuu fi humnoota nageenyaa jidduutti walitti bu'iinsa Ambotti uumameen abbeera Haacaaluu dabalatee namoonni shan ajjeefamanii jiru.

Wiixata halkan Reeffi isaa qorannoof hospitaala Phaawulos gale, Kibxata ganama akkuma achii baafameen gara magaalaa Amboo gaggeeffamaa ture.

Haa ta'u malee gaaffii Haacaaluun Finfinneetti kabajaan awwaalamuu qaba jedhuun reeffi isaa karaa irraa gara Finfinneetti akka deebi'u taasifame.

Gocha reeffa humnaan gara magaalaa Finfinneetti deebisuu kanaan wal qabatee Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni 35 to'annoo jala ooluu poolisiin federaalaa ibsee ture.

Maatiin maal jedhu?

Hokkora reeffi Haacaaluu Finfinneetti awwaalamuu qaba jedhu kaleessa naannoo qe'ee maatii Haacaaluutti uumameen, maatii keessaa namootni afur rukutamuun namni tokko du'uu obboleessi hangafaa Artisti Haacaaluu Habtaamuu Hundeessaa BBCtti himeera.

Namootni sadii hafan madaa'anii lubbuun akka oolanis hime Habtaamuun.

"Haacaaluun uummata Oromoof qabsoo guddaa taasisaa ture. Aarsaa guddaa kaffaleera. Har'a garuu reeffa isaa illee awwaallachuu dadhabuun hanga kana rakkachuun keenya guddaa na gaddisiisa," jedhe.

"Ambotti na awwaalaa"

Gaaffii haacaaluun Finfinneetti haa awwaalamu jedhu uummanni kaasu hammeenyaaf miti kan jedhu obboleessi isaa Habtaamuun, ta'us kana kan murteessu maatiidha jedhu.

''Haacaaluun maatii qaba. Haati warraa isaa jirti. Nu waliin osoo hin mari'atiin, namootni Finfinnetti awwaalamuu qaba jechuun sirrii miti."

Yaada kana mormuu baannus erga du'ee sababa kanaan reeffi isaa boqonnaa dhabuun hanga kana rakkachuu hin qabu ture. Kun baay'ee nu gaddisiiseera Jedhe.

Haacaaluun yeroo lubbuun jiru 'tasa yoon du'e magaalaa Ambootti malee na hin awwaaliinaa' jedhee ture jedha Habtaamuun.

"Kanaaf yaada kanaafi murtoo maatiinidha kan Ambotti akka awwaalamu murteessine'' jedheera.

Sirni awwaalchaa Haacaaluu Hundeessaa har'a magaalaa Ambootti raawwataa jira.

Ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate Oromiyaa kutaa garaagaraa keessatti hookkarri cimaan dhalatee waliigalaan lubbuun namoota 80 ol darbuu himameera.

Haacaaluu Hundeessaa abbaa ijoollee durbaa sadii ture.