CPJ’n uggura intarneetii fi gaazexeessitoonni OMN ‘hidhamuu’ balaaleeffate

Madda suuraa, CPJ
Gareen walabummaa miidiyaafi gaazexessitootaaf falmu ‘Komitii to Pirotekt Joornaalists’ (CPJ) jedhamuun beekamu isaa mootummaan Itoophiyaa intarneetii cufe balaaleeffate.
Ibsa gareen kuni gaafa Kibxataa baaseen qaamonni nageenyaa waajjira OMN magaalaa Finfinnee jiru to’atan jechuunis balaaleeffateera.
‘‘Qondaaltonni intarneetii dafanii gadhiisuu qabu. Gaazexeessitoota Oromiyaa Miidiyaa Netwoork hojiirraa hidhaman gadhiiifamu qabu.
‘’Akkasumas gaazexeessitoonnii mormii jiru nageenya isaaniif osoo hin sodaatin akkasumas bilisummaan akka hojjetan wabii kennuufi qabu,’’ jedhan bakka bu’aan CPJ Sahaaraa gadi Mutooki Mumoo.
Dabalataanis, dhaabbati kuni ibsa baasen yeroo ummanni odeeffannoo wayitawaa ta’e fedhutti akkuma duriin miidiyaalee hacuucuun gaddisiisaadha jedheera.
Guyyaa kaleessaa, Kibxata, ganama akka lakkoofsa Itoophiyaa sa’aatii 3:00 eegale intarneetiin bakkeewwan hedduu biyyattii keessa dhabamee ture.
Haa ta’u malee, sa’aatii muraasa booda deebi’us deebi’e badeera.
Dhaabbanni sochii intarneetii to’atu, Netblocks’ jedhamullee kanuma mirkaneesse.
Gama kaaniin, miidiyaan OMN miseensonni poolisii federaalaa waajjira dhaabbatichaa magaalaa Finfinnee jiru adeemuun hojjetoota hunda fuudhanii deeman jechuun kaleessa fesbuukii isaarra barresseera.

Madda suuraa, OMN
Haa ta’u malee, sababa qabaman jedhamanif wanti ifatti beekamu hin jiru. BBC’n gaggeessitoota dhaabbatichaa irraa qulqulleeffachuuf yaaluus hin milkoofne.
Editarri miidiyichaa Ameerikaa irraa hojjetu Usmaan Ukkumee CPJ’f akka ibsetti ‘gaazexeessitoonni meeqa akka hidhamanis ta’e eessa akka tursiifaman hin beeku’ jedheera.
Maaliif intarneetiin cufame?
Itoophiyaan intarneetii kan dhaamsite ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa booda ummanni mormii isaa ibsuu erga eegaleeti.
Mormiiwwan hedduu garuu hookkaratti jijjiiramani. Hanga yoonaa lubbuun namoota torbaa magaalaa Adaamaafi Cirootti darbuu BBC’n hospitaalota irraa mirkaneeffateera.
Kanneen 100’tti siqan immoo magaalota kaan dabalate miidhamaniiru.
Haa ta’u malee, lakkoofsi namoota miidhamanii kana akka caalu amanama.
Waajjiralee mootummaafi dhuunfaallee gubachuu odeeffanneerra.
Guyyaa kaleessaa ergaa kan dabarsan MM Abiy Ahimad namoonni hedduu miidhamaniiru jechuun dubbatan.
‘Namoonni baay’ee har’a miidhamanii jiru. Nageenya eegsisuf bahanii,obboleessa isaanii gaggeessuuf bahanii kan bakkeetti hafan ni jiru.’ Jedhan MM Abiy.
Ta’us, qondaaltonni intarneetiin maaliif akka adda cite waan dubbatan hinq abani.
Akka kana dura beekamutti taanaan garuu, yeroo rakkoowwan nageenyaa dhalatan mootummaan intarneetii cufaa ture.
Kunis, ‘nageenya ummataaf jecha’ taasifama jechuun kana dura MM Abiy Ahimad dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Sababa waliigaltee dhabuu bakka owwaalcha Hacaaluu Hundeessaa irratti uumameen immoo poolisiin Jawaar Mohaammad dabalatee namoota 35 hidhu kaleessa beeksiseera.













