'Jawaar, Baqqalaa fi kaan aanga'oota mootummaa ajjeesuuf turan' - Poolisii Federaalaa

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi kaanneen isaan waliin to'ataman jiddugala Aadaa Oromootti aanga'oota mootummaa olaanoo walgahiirra turan ajjeesuun ajjeechaa Waxabajjii 15 kan baraa darbee irra deebi'uuf yaalii godhanii turan jedhe poolisiin Federaalaa.
Komishinarri Itti aanaan Poolisii Federaalaa Komishinar Zalaalam Mangiste harra galgala ibsa midiyaaleef kannaniin, ''gochi Jawaarifii Obbo Baqqalaan hogganamaa ture ajjeechaa Waxabajjii 15 irra deebi'uuf kaayyeeffate ture'' jedheera.
''Fincila Finfinnee keessatti kaafnee Finfinneedhuma keessatti goolabna jedhanii miidiyaa irratti dhaadataa turan'' jedheera poolisiin federaalaa ibsa isaatiin.
Reeffii artisti Haacaaluu Hundeessaa gara maatii isaatti osoo fudhatamaa jiruu ''daandii geeddariisuun, fincilichi Finfinneetti eegalamee Finfinneetti akka xumuramuuf sochii godhaniiru'' jedhan.
Osoo aanga'oonni Oromiyaa Galma Aadaa Oromootti walgahiirra akka jiran beekanii reeffi gara sana akka galu gochuu isaanii himeera Poolisiin.
Ibsa guyyaa kaleessaa poolisiin federaalaa kenneen garuu Jawaar dabalatee namoonni 35 to'annoo jala oolan reeffa Haacaaluu gara waajjira paartii Badhaadhinaa geessuu ture kan himame.
Wayita Jidduugala Aadaa gahanittis meeshaa qabachuudhaan gocha Waxabajjii 15 raawwatamee ture irra deebi'uuf sochii taasisaniiru jedhan komiishinar Zalaalam.
Akka ibsa Komishinarichaatti, miseensonni poolisii Oromiyaa Jiddugala Aadaa Oromoo turan reeffi gara galma biraa akka deemu taasisuu himanii, jidduuttis rasaasa namoota hidhatanii turaniin dhukaafameen miseensi poolisii tokko lubbunsaa darbuu ibseera.
''Humni nageenyaa bakkasana turee tarkaanfii deebii hin taasifneef malee jidduu sanatti lubbuun namoota hedduu baduu danda'a ture'' jedhan.
''Kunis karoora yeroo dheeraafi kan dambalii dhiiga uumuuf qophaa'ee ture ta'u ibsuun barbaada'' jedhan.
Kana malees ajjeechaan namoota 97 amma duraas dhimma kana waliin kan ilaalamu ta'us itti dabalee ibseera poolisiin ibsa isaatiin.
''Waamicha yeroo garaa garaa karaa midiyaatiin sirna diiguuf, ummata walitti buusuufi waraanaaf waamicha taasisuuf sochiilee taasisaa tureen dabalee dhimmi kana waliin kan ilaalamu ta'a,'' jedhan ibsichi.
Gama kaaniin ammoo Iskindir Naggaa magaalaa Finfinnee keessatti garee qindeessuun haleellaan akka raawwatamu gochuun shakkamuun to'annoo jala ooluu Waajjirri Abbaa Alangaa Waliigala Faderaalaa.
Waajjirichatti Daarektarri dhimmoota yakka daangaawwan qaxaamuranii kan ta'an, Obbo Fiqqadu Tsaggaa, "Gareen na deeggaran iddoo biraatti haleelamaa jiru waan ta'eef ka'aa warra as jiran haleelaa jechuun Finfinnee keessa iddoo 10 olitti dargaggeessa gurmeessuufi konkolaataa qopheeessuun sochoosaa ture" jedhan.
Namni haleellaa raawwachuuf gara Finfinnee dhufee tokkollee bakka hin jirretti namni isin fixuuf dhufaa jira waan qabdaniin ofirraa ittisaa jechuun dargaggoota sochoosaa turuus himaniiru.
Iskindir Naggaatti dabalataan maqaan paartii Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) dhaahameera.
Dargaggoonni gurmaa'anii kutaalee magaalaa Finfinnee keessa socho'aa turan haleellaa raawwataniin lubbuun namaa darbuu jiraattonni ni dubbatu.
Rakkoo magaalaa Finfinneetti uumame to'achuuf Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa bobbaafamuu Rooyitars gabaaseera.














