Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa: 'Hidhamuun Miseensota Olaanoo KFO nu yaaddessa' - KFO

Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo

Madda suuraa, KFO

Hidhamuun miseensota olaanoo paartichaa akka isa yaaddesse Koongirasiin Federaalawaa Oromoo KFO beeksise.

"Miseensootni olaanoo paartii keenyaa Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Hamzaa Booranaa maa'ikalaawii isa cufamee ture keessatti hidhamanii jiru" jedhan miseensi koree hoji raawwachiistuu fi itti gaafatamaan waajjiraa KFO Obbo Xurunaa Gamtaa.

"Maatii Obbo Baqqalaa Garbaa keessaa intalli isaanii Boontuu Baqqalaa akkasumas konkolaachisaa isaanii dabalatee namootni 40 ol ta'an hidhamaniiru" jedhan.

Lakkoofsi kuni garuu kan mootummaan jedhun waldarba.

Guyyaa kaleessaa poolisiin magaalaa Finfinnee akka ibsetti namoonni 35 wadhibdee owwaachi Hacaaluu eessatti taasifamuu qaba jedhuun walqabatee hidhamaniiru.

Lakkoofsi namoota akka Oromiyaatti du'anis guddaa ta'uu odeeffannoo akka qaban Obbo Xurunaan himaniiru.

Miseensootni olaanoon hidhaman "namoota hooggansa kennanidha" kan jedhan isaan ''hir'achuun isaanii baay'ee nu gaddisiisa baay'ee nu yaaddessas" jechuun himan.

Abukaatoon dhiyaatee itti haasa'uufillee haalli magaalicha keessa jiru rakkisaa ta'uu isaa himaniiru.

"Namoota kana irratti rakkoon akkanaa uummamuunsaa paartii keenyas ta'ee saba keenya baay'ee miidha" jedhan.

Waa'ee weellisaa Hacaaluu irratti raawwate yeroo dubbatanis Obbo Xurunaan "qabsoo bilisummaa keessatti tarkaanfii guddaattu nurratti fudhatame.

''Ajjeefamuu isaa qofa osoo hin taanee olola oofun Oromoof Oromoo gidduutti waldhabdeen akka uummamuf qophiin godhamaa akka jiru hubachuu dandeenyerra.

''Paartin keenyas saba fi miseensoota isaa tasgabbeessuun qabsoo karaa nagaa itti fufuuf qophiidha" jedhan.