Oromiyaatti ajjeechaa Haacaaluun duuba namni 50 ol ajjeefame - MNO

Sirna gaggeessaa reeffa Haacaaluu gara Amboo

Madda suuraa, Yoomis Gonfaa

Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa balaaleffachuuf hiriira magaalaa Finfinnee fi magaalota Oromiyaa hedduu keessatti bahamerratti yoo xiqqaate namoonni 50 ol ajjeefamuu mootummaan naannoo Oromiyaa hime.

Namoonni kunneen magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfii humnoota mootummaan fudhatame akkasumass walitti bu'iinsa namoota jidduu tureen du'an jechuun dubbii himaan MNO Obbo Geetaachoo Baalchaa BBc'tti himaniiru.

Namootni lubbuu dhabuutti dabalataan qabeenyis barbadaa’uu himan.

Adaamaatti namoonni shan rasaasaan dhahamanii ajjeefamuufi namoonni 75 ammoo madaa'uu hogganaan Hospitaala Adaamaa Dr Makonnin Fayyisaa BBC'tti himaniiru.

Cirootti namoonni lama yoo ajjeefaman, 35 ol rasaasaan dhahamanii madaa'aniiru jedhu hakiimni hospitaalichaa Dr Saadaam Alwaan himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamteettis namoonni sadi ajjeefamuu maddeen hospitaala Naqamtee BBC'f mirkaneessanii jiru.

Akkamiin ajjeefaman?

Itti Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibril Mahaammad "namootni irra caalaan uleedhaan reebamanii, hudhamanii, harka namaan miidhaan garaagaraa irra gahuun akkasumas rasaasaanis kan ajjeefaman jiru’’ jedhan.

Bakka humnaan ol tahetti humnoota nageenyaa mootumman kan ajjeefaman akka jiranis himan.

Reebicha kana eenyutu dhaqqabsiise? kan jedhuuf Obbo Jibril namootni gadda ibsachuu gara Finfinnee dhufan hedduun naamusaan socha’aa turan jedhan.

Jiraattotni magaalaa Finfinnee saba biraa tahanis akkasuma naamusaan ture kan socha’aa turan jedhanii garuu gama lamaaniinuu gareen rakkoo kana uuman jiraachuu dubbatan.

Namootni waan gadda ibsatan fakkaatanii keessa waan galaniif caasaan nageenyaa kana duubatti deebisuuf hojjechaa ture jedhan.

Yeroo kana waldhabdee uumame gidduutti miidhaan dhaqqabuu himan.

Eegdota Jawaar Mohaammad malee qaamotni biroo meeshaa waliin qabaman jiraachuu dubbatu qondaalli nageenyaa kun.

Art. Haacaaluu Hundeessaa Wiixata galagala ture Kutaa Bulchiinsa Aqaaqii bakka Kondominiyeemii Galaan jedhamutti rasaasaan dhahamuun kan boqate.